Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 22:14 - WAADAA LAMMATAA

14 Worri gara muka jireennaa gayu'uuf baallii qabaatu'uuf gara balbala qachati'ii seenu'uuf worri uffata isaanii miicatan eebbifamtoota.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

14 Firii muka jireennaa irraa nyaachu'uu fi balbaloonni isi'iitiin'llee gara magaalatti'ii galu'uuf mirga akka qabaataniif, uffata isaanii ka miicatan ka eebbifaman.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

14 Worri gara muka jireennaa gayu'uuf baallii qabaatu'uuf gara balbala qachatti'ii seenu'uuf uffata ufii miicatan eebbifamtoota.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 22:14
31 Referans Kwoze  

Worra kitaaba Hoolaa Rabbii keessatti barreeffamanii achi wonti shakkisiisaan maruu worri waan hama'aa fi soba hojjatan sirima isii keessa hin seenan.


Rabbiin jaalachuun ajaja isaa raawwatu'u. Ajanyi isaallee ulfaata'aa miti.


«Ani, dafee dhufa, ka raaga dubbii kitaaba kanaa eegu, eebbifama'a» naan jedhe.


Namni Kiristoosiin abdii kana qabu maruu akkuma inni woyyuu ta'e uf woyyoomsa.


Yoo na jaalattan ajaja kiyya eegaa'a.


«Waan ayyaanni tokkummaa woldaa Kiristaanaatiin jedhu ka gurra qabu maruu haa dhagayuu! ‹Ka injifatee muka daraaraa isaa nyaatan ka jeennata Rabbii keessa jiru akka nyaatu hin kennaaf.›


Gadoomu'uuf gadoomuu dhabuun duwwa. Ajaja Rabbii eegu'u malee.


Laga gamaa fi gamana ji'a ji'aan muka jireennaa daraaraa kudha lamaa kennutu jira. Baallii mukaa ka banniin itti fayye.


Yesuus ammallee akkana isaaniin jedhe, «Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, ani balbala hoolotaa ti.


Balbalti ana. Ka na keessaan aseenu yoo jiraate hin fayya, inni hin seena hin bayalle'e hulee itti bobbayullee hin argata


Anillee, «Gooftaa kiyya, situ beeka» jedheen. Innillee akkana naan jedhe, «Kunniin worra rakkoo guddaa keessaa dhufan. Uffata ufiillee miicanii dhiiga hoola'aatiin qulqulleessan.


Jaalala amantaa Yesuus Kiristoosiin ta'e hujuu malee, gadoomuun yookiin gadoomuu dhabuun waan hin fayyanneef.


Dallawaa guddaa dheera'aaf, karra kudha lamaa qabdi. Karra isi'ii maleekkaan kudha lamaa dhaabataniiran, maqaan kudha lamaan gosa Isiraa'elii irratti barreeffameera.


Akka ergamtoota kaawwanii akka obboleeyyan Goofta'aatiif akka Keefa'aa, haadha manaa teenna ta amante qabannee deemuu mirga hin qabnuu?


Haata'uu ammoo, mirgii keessan dadhabdootatti gufuu akka hin taane uf eegaa'a.


Yesuusillee, «Ani kara'a, dhuga'aa fi jireenna. Anaan malee ka gara Aabbaa dhufu hin jiru.


Ati horomaa abbaa keenna Yaaqoobiin ka boolla bisaanii kana nuu kenne, ka inninii fi ijoolleen isaa, horiin isaa maruu bisaan kana irraa dhugan caaltaa?» jetteen.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite