Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 21:7 - WAADAA LAMMATAA

7 Ka mooyate, kana dhaala; Ani Waaqa ta'aaf, innillee ilma kiyya ta'a.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

7 injifatee ka moo'u kana ni dhaala, ani Waaqa isaa ni ta'aaf, inni'llee ilma kiyya ni ta'a,

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

7 Ka mooyate kana dhaala; Ani Waaqa ta'aaf, innillee ilma kiyya ta'a.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 21:7
26 Referans Kwoze  

‹Ji'oota sanniiniin maayii, waadaan mana Isiraa'elii woliin galu, seera kiyya qalbii isaanii keessa kaaya; Onnee isaaniitittillee hin barreessa; ani Rabbiin isaanii ta'a, Isaanillee banii kiyya ta'an, ka jedhu kana› jedha Gooftaan.


Laagaan guddaan sami'ii kunoo dukkaanaan Rabbii namoota jidduu jira; «Isaan woliin bulla isaanillee banii isaa ta'an; Rabbillee inninuu isaan woliin ta'ee Waaqa isaanii ta'a.


Waan Ayyaanni tokkumma Woldaa Kiristaanaatiin jedhu ka gurra dhagayu qabu maruu haa dhagayuu ka mooyate du'a lammaffa'aatitti hin miidhamu.


Worra mirga isaa jiraniin, mootichi akkana jedhaan, isin eebbifamtoota abbaa kiyyaa koottaa'a; Hennaa biyyi lafaa uumame irraa jalqabee jeennata isinii qophaaye dhaalaa'a.


«Waan ayyaanni woldoota Kiristaanaatiin jedhu ka gurra qabu haa dhagayuu; nama mooyatee nyaata sami'ii ka dhokate keessaa kennaaf; dhagaa adii ka maqaan haarofni irratti barreeffame nama fudhatu san malee ka eennullee hin beenne kennaaf.


Namni maqaa kiyyaaf jedhee mana yookiin obboleessa yookiin obboleettii yookiin Abbaa yookiin haadha yookiin Ijoollee yookiin qonna ufii dhiise maruu, dachaa dhibbaa hin argata; jeennatallee hin gala.


«Waan ayyaanni tokkummaa woldaa Kiristaanaatiin jedhu ka gurra qabu maruu haa dhagayuu! ‹Ka injifatee muka daraaraa isaa nyaatan ka jeennata Rabbii keessa jiru akka nyaatu hin kennaaf.›


Hamaa hama'aan yookiin nama isin arrabse arrabaan hin deebisinaa'a; bikka san isaan eebbisaa'a, eebba dhaalu'uuf waan waamamtaniirtaniif.


haga ani dhufuuf woma qabdan san jabeessa'aa qabadhaa'a.


Yesuus achii ka'ee akkuma kara'atti bayeen, namichi tokko gara isaa fiigee, afoo isaatitti jilbiinfatee, «Barsiisaa mishaa'a! gara jireenna bara baraa galu'uuf maal godhuu na barbaachisa?» jedhee gaafate.


Gooftaan isaa, ‹Mishaa goote, ati hojjataa amanama'a; waan diqqoo irratti amanamteerta, ani waan heddu irratti si muuda; koottuu gammachu'uun gara hulee gooftaan kee sii qopheessee seeni!› jedheen.


Worri Ayyaana Rabbiitiin masakkaman maruu, isaan ijoollee Rabbii ti.


Uumamni, mudhatuu ijoollee Rabbii hawwi'iin waan eeggataniif.


Manni Rabbii woyyuun, waaqa tolfamaa woliin firooma maal qaba? «Nu mana woyyuu Rabbii jiraata'aa waan taaneef, akkasuma Rabbi akkana jedhee dubbate; Ani isaan keessa jiraadha, isaan wodhakkaa deddeebi'a; Waaqallee isaanii ta'a. isaanillee banii kiyya ta'an»


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite