Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 21:4 - WAADAA LAMMATAA

4 Imimmaan ija isaan maraa irraa haqa. Duuti ammaa achi hin jiru, seerri duraanii waan lufeeruuf jedhee hennaa dubbatu dhagaye.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

4 Imimmaan mara ija isaanii irraa ni haqa, seerri duraanii waan dabrreef duuti yookiin gaddi yookiin bootti yookiin makkaraarnni, ammaa achitti hin jiraatu.»

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

4 Imimmaan ija isaan maraa irraa haqa. Duuti ammaa achi hin jiru; seerri duraanii waan lufeeruuf» jedhee hennaa dubbatu dhagaye.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 21:4
26 Referans Kwoze  

Hoolaan teessoo wodhakkaa jiru tissee isaanii ta'a. Gara burqaa bisaan jireennaa isaan geessa; Rabbillee imimmaan maraa ija isaanii irraa haqa.»


Adunyaaniif dharraan isi'ii hin lufti. Namni fedhii Rabbii raawwatu ammoo bara baraan jiraata.


Ardi'ii fi samiin hin baddi. Dubbiin kiyya ammoo hin badu.»


Ardii haarawaa fi samii haarawallee arge. Ardiin duraatii fi samiin duraa lufaniiran, galaannillee duranaa hin jiru.


Duutiinii fi asaabnillee galaana ibiddaatitti gataman. Galaanni ibiddaa kunillee du'a lammaffa'aati.


Ammaa achi abaarsi sirrima hin ta'u, teessoon Rabbiitii fi Hoolaan Rabbii isii keessa ta'a. Garboonni isaa isa kaddaaman fuula isaa keessa laalan.


Guyyaan Goofta'aa ammoo akka hattu'uu ta'ee dimmaa dhufa. Guyyaa san samiiwwan laagaa guddaa dhageessisa'aa lufan, uumamni samii keessaa oo'a gudda'aan baqan. Lafaa fi wonti isii irra jiru maruu hin gubata.


Worri adunyaa tanattillee fayyadaman maruu akka waan hin fayyadamne haata'an. Biftii adunyaa tanaa waan luftuuf.


Kanaafuu Gooftaan, «Isaan keessaa bayaa'a gargar fooyamaa'a. waan battii hin tuqinaa'a. anillee isin simadha; abbaallee isinii ta'a. Isinillee ijoollee dhiiraatii fi ijoollee intalaa naa taattan jedha Gooftaan maraa bulchu.»


Kanaafuu eennullee Kiristoosiin keessa yoo ta'e, uumama haarawa. Wonti moofaan lufeera. Kunoo maruu haarawa ta'eera.


Haata'uu ammoo jechi, «Hennaa tokko deebi'ee» jedhu worri hin raaffamne jabaatanii akka jiraatan wonti sochoosu yookiin wonti uumame akka badu mudhisa.


Galaannillee worra du'an ka isa keessa jiranii kenne; duutinii fi ibiddi asaabaallee worra du'an ka isaan keessa jiru kennan. Martinuu akkaatama hujii isaaniitiin qoodaman.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite