Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 21:23 - WAADAA LAMMATAA

23 Qachatti sanii waan ulfinni Rabbii isi'ii ifuuf ibsoon isi'ii hoolaa waan ta'eef, ifni adu'uutii fi addeessaa isii hin barbaachisu.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

23 ulfinni Waaqaa waan isi'ii ibisuu fi Hoolchi ifa isi'ii waan ta'eef, magaalattiin aduu yookiin jiin akka isi'ii ibisuuf isii hin barbaachifnne.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

23 Qachatti sanii waan ulfinni Rabbii isi'ii ifuuf ibsoon isi'ii hoolaa waan ta'eef ifni adu'uutii fi addeessaa isii hin barbaachisu.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 21:23
25 Referans Kwoze  

Amma achi hin halkanaawu. Waandhi Gooftaan waan isaanii ibsuuf ifaa fi ifti adu'uullee isaan hin barbaachisu; baraa haga bara baraa hin mooyan.


Ifni dhuga'aa ka nama maraafuu ifu gara adunyaa tanaa dhufa'aa ture.


Kanaan maayii Maleekkaa biraa ka baallii guddaa qabu hennaa sami'ii bu'u arge. Sababaa ulfinna isaatiin lafti ifte.


Ifni worra Yihuudota hin ta'initti mudhisu kun, Gumii kee Israa'eliifillee ulfinna fida» jedhee Rabbiin galateeffate.


Achi halkan waan hin jirreef karri guyya'aan sirima hin cufamu.


Yoomillee yoo ta'e ka Rabbiin arge tokkollee hin jiru. Ilma isaa tokkicha Abbaa bira jirutu kana ibse.


Jechi nama ta'e; Inni badhaadha, Ayyaanaa fi dhuga'aan guuttamee nu keessa bule. Nu'u ulfinna Ilmi tokkichi Abbaa ufii biraa qabuutitti, ulfinna isaa argine.


Isa keessa jireennatu jira, jireenni sunillee ifa namaati.


Achitti sababaa ifnii guddisee itti ifeef arguu dhabnaan namoonni na woliin jiran harka kiyya qabanii na masakka'aa gara Damaasqo'oo gaye.


Namni kamuu dhaloota seebaruu fi cubbamaa kana keessatti, naa fi dubbii kiyyatti yoo saalfate, Ilmi namaa ulfinna Abbaa ufiitii fi maleekkota Woyyuu woliin hennaa dhufu isatti saalfata» jedhe.


Ilmi namaa maleekkota ufii woliin ulfinna Abbaa ufiitiin hin dhufa, achiin maayessa maraafuu akka hujii isaatitti gatii isaa hin kennaaf.


«Abbaa! Uduu adunyaan hin uumamne waan na jaalatteef, ulfinna naa kennite akka argan hulee ani jiru; isaaniin naa kennitellee akkasuma woliin akka ta'an jaaladha.


Teesso'oo fi busaayota arfan wodhakkaa, manguddoota jiddu'uttillee akka hoolaa qalmaatitti dhabatee arge. Gaafa torbaa fi ija torba qaba. Isaanillee Ayyaannan Rabbii torban ka gara lafa maraa ergaman.


Hoolaan teessoo wodhakkaa jiru tissee isaanii ta'a. Gara burqaa bisaan jireennaa isaan geessa; Rabbillee imimmaan maraa ija isaanii irraa haqa.»


Worri kun qulqullumma'aan uf eeganiiran. Worra dubartii bira dhaqanii uf batteessanii miti; isaan kunniin qeerro'o. Worri gara hoolaan Rabbii deemu faanaa deeman kanniin fa'a. Rabbii fi hoolaa Rabbiitii akka hangafa isaanii ta'an namoota keessaa worri fayyan kanniin fa'a.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite