Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 21:2 - WAADAA LAMMATAA

2 Qachaatiin woyyittiin haarofti Yeruusaalem akka idaayyaa abbaa manaatiif qandhaftee qophooftee Rabbiin biraa hennaa sami'ii buutu arge.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

2 Magaalaan Qulqullittiin, Yerusaalemiin haarofitti, akka idaayyaa abbaa worraa isi'iitiif bareeddee titti qophoofttee, sami'ii Waaqa biraa yoo buutu ni arge,

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

2 Qachattiin woyyittiin haarofni Yerusaalem akka idaayyaa abbaa manaatiif qandhaftee qophooftee Rabbiin biraa hennaa sami'ii buutu arge.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 21:2
28 Referans Kwoze  

Qachaa hundee qabdu ta Rabbi hojjate eeggata'aa waan tureef.


Nama injifate galma Waaqa kiyyaa keessatti utubaa isa taasisa. Inni horoma duranaallee achi keessaa hin bayu. Ani maqaa Waaqa kiyyaatii fi maqaa qachaa Waaqa kiyyaa ta Yeruusaalemii haarawa sami'ii dhuftuuf maqaa kiyya haarawa isa irratti barreessa.


Ayyaanaan gara gaara guddaa dheera'aa na fide. Hennaa qachaan guddoon woyyittiin Yeruusaalemii ulfinni Rabbii keessa jiru sami'ii Rabbiin biraa buutu natti mudhise. Ifti isi'iillee akka dhagaa guddaa ulfaata'a akka Iyaasiphiidii ta'e akka birrii qulqullayeeti.


Nu'u qachaa biraa guddittii ta bara baraa san eegganna malee, qachaa biraa asii hin qabnu.


Haata'uu ammoo gara gaara Tsiyooniitii fi gara ganda Rabbii jiraata'aa bira geettaniirtan. Gara Yeruusaalemii, gara worra sami'itti gammachu'uun wolgayaniiranii, gara Maleekkoota laakkoofsaa olii,


Eennullee dubbii kitaaba raagaa kana keessaa yoo hanqise, hiree isaa muka jireennaa ka kitaaba kanatti barreeffamee, qachattii woyyittii Rabbii keessaa jalaa hanqisa.


Hinaaffaa Rabbiitiin isinii hinaafa'aa akka durba qulqullittii duuda'aatitti Kiristoosiif isin dhiyeessu'uuf dhiira tokkoof isin qaadhimeera.


Ka mana woyyu'uutiin ala jiru hin bikkin; worra Yihuudota hin taanee kennameeraa dhiisi; isaanillee ji'a afurtamii lamaaf qachaa woyyittii irra ejjatan.


Ani Obboleessa keessan ka isin woliin rakkinna jennataa fi obsa Yesuus Kiristoosii qoodamu waan dubbii Rabbii tiif waan ragaa Yesuus Kiristoosiitiif lafa bisaaniin marfamte ta Fiximoo jedhamtu irra ture.


Woldoota Kiristaanaa torban biyya Isiya'aa keessa jiraniif, Rabbii dur ture, ka ammallee jiru, ka dhufu'uuf ta'uuf, Ayyaanota torban, teessoo jeennata isaa afoo jiran biraa, akkasuma Yesuus Kiristoos ragaa dhuga'aa amanamaa ka worra du'an keessaa hangafa ta'ee kaafameef, Yohaannisii bulchaa mootota lafa kanaa ta'e irraa badhaadhumma'aa fi nageenni isiniif haa ta'u. Ka nu jaalatee cubbuu keenna irraa dhiiga ufiitiin nu dhiqee bilisa nu baasee,


Kun mudhata waan dafee ta'u'uuf ta'uu ka Rabbi garboota ufiititti mudhisu'uuf jedhee Yesuus Kiristoosii kenneef ka Yesuusillee Maleekkaa ufiitiin ergee garbicha ufii Yohaannisitti mudhise.


Ka idaayyittiin jette inni Idaayya'a. Jaalli dhaabatee dhagayu ammoo laagaa Idaayyichaatitti guddisee gammada. Eeganaa gammachuun kiyya raawwatame.


Amma ammoo biyya sami'ii ta maraa caaltu hawwan. Kanaafuu, «Rabbi, Waaqa isaaniiti» jedhamee waamamu'uuf isaaniin hin saalfatu. Waan qachaa isaanii qopheesseeruuf.


Maleekkaa torbaa ka mijuu balaa torbaa qabatan keessaa tokko gara kiyya dhufee, «Asi koottu, Idaayyittii Hoolaa Rabbii sitti mudhisaa» naan jedhe.


Ayyaanninii fi idaayyittiinillee «koottu!» jedhan. Ka dhagayullee «Koottu!» haa jedhuu ka dheebotellee haa dhufuu ka fedhe bisaan jireennaa akkanumaan haa fudhatuu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite