Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 20:15 - WAADAA LAMMATAA

15 Eennullee ka galmee jireennaatitti hin barreeffamne galaana ibiddaatitti gatame.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

15 Ka maqaan isaa kitaaba jireennaa irratti barreeffamee hin argamin marrinuu, gara garba ibiddaa titti ni gatame.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

15 Eennullee ka galmee jireennaatitti hin barreeffamne galaana ibiddaatitti gatame.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 20:15
19 Referans Kwoze  

Namni Ilma isaatitti amane jireenna bara baraa qaba. Namni ilma isaatitti hin amanne dheekkamsi Rabbii waan isa irra jiruuf jireenna hin argatu» jedhe.


Fayyinni karaa biraa karaa eennuutiinillee hin jiru, maqaan akka nu ittiin fayyinuuf kenname ka namoota fayyisu samii gaditti Yesuusiin malee, ka biraa hin jiru.»


Yesuusillee, «Ani kara'a, dhuga'aa fi jireenna. Anaan malee ka gara Aabbaa dhufu hin jiru.


Hulee isaan booya'aa ilkaan itti qaran, qilee ibiddaatitti gatan» jedhe.


Hennaa san worra bitaa irra jiraniin ammoo, ‹Isin worra abaarame na biraa fagaadhaa'a; gara ibidda bara baraa ka seexanaa fi ergamtoota isaatiif qophaayeetitti deemaa'a! isaaniin jedhe.


Worra du'an, didiqqa'aa fi gugurdaa teessoo isaa afoo ka dhaabatan arge; kitaabbileen banaman, kitaabni biraallee baname; innillee kitaaba jireennaati, du'oonnillee akkuma kitaabota irratti barreeffame akkuma hujii isaaniitiin qoodaman.


Bineensillee hin qabame worri isa afo'otti maalalee godha'aa malkata bineensaa worri fudhatan, worra fakii isaatii sagadan ka dogoggorse raanni sobaa isa woliin qabame; lamaanuu uduu lubbu'uun jiran gara ibidda dhagaa bobayuu gara galaana ibiddaa darbaman.


Ka dubbataaru san jalaa akka hin dinne uf eeggadhaa'a. Yoo worri lafatti itti himame didan jalaa hin baane ta'e, eegasuu ka sami'ii nutti dubbate irraa yoo fagaanne attamitti jalaa baana?


Nullee fayyinna guddaa akkanaa kana yoo lash itti jenne, attamiin jalaa baana. Kun dura waan Goofta'aan himamee tureef; worri dhagayanillee nuu cimsan.


Ka amane; ka cuuphamellee hin fayya; ka hin amanne ammoo itti murteeffama.


Hulee isaan booya'aa ilkaan itti qaran, qilee ibiddaatitti isaan gatan.


Haata'uu ammoo ayyaanni battiin waan isinii ajajameef hin gammadinaa'a; maqaan keessan ammoo waan sami'itti barreeffameef gammadaa'a.»


Ka mooyatellee akkasuma uffata adii uffata. Maqaa isaallee galmee jireennaa keessaa hin haqu. Anillee abbaa kiyyaa fi Maleekkota afo'otti maqaa isaatii raga.


Daabiloosiin isaan dogoggorse sun hulee, gara busaaya'aa fi raanni sobaa jiran gara galaana ibiddaatii fi dhagaa bobayuutitti gatame. Baraa haga bara baraa halkanii fi guyyaa rakkatan.


Duutiinii fi asaabnillee galaana ibiddaatitti gataman. Galaanni ibiddaa kunillee du'a lammaffa'aati.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite