Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 2:9 - WAADAA LAMMATAA

9 Rakkinna keetiif hiyyummaa kee hin beeka. Haata'uu ammoo ati dureessa, arraba worra uduu Yihuudii hin taane nu Yihuudi'i ufiin jedhan san hin beeka isaan woldaa seexanaati.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

9 rakkinnaa keetii fi hiyyummaa kee'llee ni beeka, haa ta'u malee ati dureessa, Yihudota uduu hin ta'in nu'u Yihudota worri jedhan, miseenssa sheexanaa ka ta'an, maqaa kee akka balleessan ni beeka,

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

9 Rakkinna keetii fi hiyyummaa kee hin beeka. Haa ta'uu ammo ati dureessa; arraba worra uduu Yihuudii hin taane nu Yihuudi'i ufiin jedhan san hin beeka; isaan woldaa seexanaati.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 2:9
29 Referans Kwoze  

Worri Yihuudota uduu hin taane nu Yihuudota jedha'aa soban, worri woldaa seexanaa ta'an gara kee dhufanii luka kee jalatti akka sagadaniif akka isaan akka ani si jaaladhu beekan taasisa.


Kennaa arjummaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii waan beetaniirtaniif, dureessa uduu ta'u, isin hiyyummaa isaatiin akka dureeyyii taatan waan keessaniif hiyyeessa ta'e.


Haata'uu ammoo dubbiin Rabbii ka diiggamee miti, kunniin worri Israa'eliin irraa dhalatan maruu Isiraa'eloota waan hin taaneef.


Worra gaddu uduu taanu hennaa maraa hin gammanna. Hiyyeeyyii taanee, namoota hedduu dureeyyii goona, worra womaa hin qabne fakkaannullee, wonti maruu keenna.


Jireenna dhuga'aa akka argatan bara dhufuufillee galmee bu'uura mishaa isaanii ta'u irratti wolitti qabata'aa,


«Ayyaanni Goofta'aa ana irra jira. worra hiyyeeyyi'iif Oduu Gammachu'uu akka himuuf na muudeera. worra booji'ameef bilisummaa akka lallabuuf, worra ballaa akka argan haa godhuuf, worra miidhame akka wolaba baasuuf,


Hujii kee, dadhabbii keetii fi obsa kee hin beeka. Akka ati worra hamaa cadhiftee hin dhiifne worra uduu ergamaa hin taane, «Ergamoota» ufiin jedhan qorattee laaltee akka isaan sobduu ta'an akka beette ani hin beeka.


Innillee gara darasoota ufii laalee, akkana isaaniin jedhe, «Jeennanni sami'ii teessan waan taateef, Isin hiyyeeyyiin worra eebbiffame!


Abdi'iin gammadaa'a; rakkinna keessatti obsaa'a; faateffachu'uun jabaadhaa'a.


Kana calla'aa miti, haata'uu ammoo rakkinni obsa, obsillee ataabee, ataabeenillee abdii akka namaa godhu beeka'aa rakkinna keennaanillee uf janya.


Ani duraan ka ari'u ka abaaruuf rakkisaa yoo ta'ellee inni kana naa godhe. Haata'uu ammoo uduu hin beekin waan uduu hin benne godheef araara argadhe.


Hennaa isin woliin jiru, rakkinni akka nu irra gayu duraanuu isinitti himneerra. Akkasuma akkuma isin beettan wonti sun dhugamaan ta'eera.


Rakkinna gudda'aan qoramanii uduu jiran, guddinni gammachuu isaaniitiif hiyyummaa isaanii guddisee baayi'atullee, kennaa isaaniitiin duroomaniiran.


Jaalala Kiristoosii irraa eentu nu fooya? Rakko'oo, dhiphinnaa, ari'amu'uu, beelaa, yookiin daaru'uu, soda'a mo'o guraade'e?


Anillee, «Gooftaa kiyya, situ beeka» jedheen. Innillee akkana naan jedhe, «Kunniin worra rakkoo guddaa keessaa dhufan. Uffata ufiillee miicanii dhiiga hoola'aatiin qulqulleessan.


Waan biraallee waan hedduu jedha'aa arabsa'aanii turan.


Namni qabeenna ufiif tuulatu ka Rabbiin biratti dureessa hin taane akka kana ta'a.»


Ati ammoo, «Yihuudi'i» jedhamte'eef yoo seeratti irkatte, Rabbiin yoo boontee, fedha isaallee yoo beette,


Mana sagadaa marattuu hennaa hedduu akka isaan arrabsan namoota jajjabessa'aa ture. Guddisee hennaa isaaniin lolu, haga qacha'aan alaatii fi haga biyyaan alaa isaan ari'a'aa ture.


Nageenni na'aan akka isinii ta'uuf kana isinitti himeera, biyya lafaa keessa hennaa jirtan hin rakkattan, haata'uu ammoo jabaadhaa'a! womaa mit ani biyya lafaa mooyadheera.»


Hennaa san Yesuus, «Ati seexana, narraa fagaadhu! kitaaba Woyyuu keessatti, ‹Waaqa Gooftaa keetii sagadi, isuma callaa kaddaami› jedhamee barreeffameera» jedheen.


Ani Obboleessa keessan ka isin woliin rakkinna jennataa fi obsa Yesuus Kiristoosii qoodamu waan dubbii Rabbii tiif waan ragaa Yesuus Kiristoosiitiif lafa bisaaniin marfamte ta Fiximoo jedhamtu irra ture.


«Hulee teessoon mootummaan seexanaa jiru akka jirtu ani hin beeka. Maqaa kiyyaallee hin eedda bara Antiphaas amanamaan ragaa kiyyaa isin biratti ajjeefame ati amantaa narraa qabdu hin waakkanne.


«Isin worra Tiyaaxiroon keessatti barumsa isi'ii hin hordofneef worra, ‹Dhossaa guddaa seexanaa› jedhamuu uduu hin baranne haftaniin ammoo akkana jedha, ba'aa biraa isinitti hin fe'u;


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite