Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 2:7 - WAADAA LAMMATAA

7 «Waan ayyaanni tokkummaa woldaa Kiristaanaatiin jedhu ka gurra qabu maruu haa dhagayuu! ‹Ka injifatee muka daraaraa isaa nyaatan ka jeennata Rabbii keessa jiru akka nyaatu hin kennaaf.›

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

7 «Hafuurri woldayoota amanti'iitiin waan jedhu, ka gurra qabu haa dhagayu! ‹Injifatee ka moo'uuf jaayinata Waaqaa keessa ka jiru firii muka jireennaa irraa akka nyaatuuf, ni taasisaan.› »

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

7 «Waan Ayyaanni tokkummaa woldaa Kiristaanaatiin jedhu ka gurra qabu maruu haa dhagayuu! ‹Ka injifatee muka daraaraa isaa nyaatan ka jeennata Rabbii keessa jiru akka nyaatu hin kennaaf.›

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 2:7
36 Referans Kwoze  

«Waan ayyaanni woldoota Kiristaanaatiin jedhu ka gurra qabu haa dhagayuu; nama mooyatee nyaata sami'ii ka dhokate keessaa kennaaf; dhagaa adii ka maqaan haarofni irratti barreeffame nama fudhatu san malee ka eennullee hin beenne kennaaf.


Waan Ayyaanni tokkumma Woldaa Kiristaanaatiin jedhu ka gurra dhagayu qabu maruu haa dhagayuu ka mooyate du'a lammaffa'aatitti hin miidhamu.


Ka Gurra dhagayu qabu haa dhagayuu.


Ka gurra dhagayu qabu yoo jiraate haa dhagayuu.


Hennaa san qajeellonni jeennata Abbaa isaanii keessatti akka adu'uu ifan. Namni gurra dhagayu qabu haa dhagayuu.


Namni Gurra dhagayu qabu haa dhagayuu» jedhe.


Worri gara muka jireennaa gayu'uuf baallii qabaatu'uuf gara balbala qachati'ii seenu'uuf worri uffata isaanii miicatan eebbifamtoota.


Ka mooyate, kana dhaala; Ani Waaqa ta'aaf, innillee ilma kiyya ta'a.


Yesuus deebisee, «Dhugamaan siin jedha, adha na woliin jeennata galta» jedheen.


Ayyaanninii fi idaayyittiinillee «koottu!» jedhan. Ka dhagayullee «Koottu!» haa jedhuu ka dheebotellee haa dhufuu ka fedhe bisaan jireennaa akkanumaan haa fudhatuu.


Wonti nama batteessu waan keessa namaatii bayu malee, ka diidaa gara gara'aa seenu tokkollee nama hin batteessu.


Laga gamaa fi gamana ji'a ji'aan muka jireennaa daraaraa kudha lamaa kennutu jira. Baallii mukaa ka banniin itti fayye.


Rabbi Ayyaana ufiitiin wonti gadi fago'oollee uduu hin hafin maraa waan qoruuf, nutti Rabbi karaa Ayyaana ufiitiin uf ibse.


Nageenni na'aan akka isinii ta'uuf kana isinitti himeera, biyya lafaa keessa hennaa jirtan hin rakkattan, haata'uu ammoo jabaadhaa'a! womaa mit ani biyya lafaa mooyadheera.»


Inni waan dubbii namaatiin himamuuf dubbii namni dubbatuu hin dandeenne dhagaye.


Garba bilille'ee ka ibiddaan makame fakkaatu arge. Bineensaa fi fakii isaa laakkoofsa maqaa isaallee worri mooyatan meeshaa Rabbii kaddaamama'aa qabatanii hennaa galaana bilille'ee irra dhaabatan arge.


Anillee samii irraa laagaa, «Ammaa achi worri Goofta'atti amananii du'an eebbifamtoota» Ayyaanni, «Ee, akka isaan dadhabbii irraa harabaafatan, hujiin isaaniillee isaan duukaa deema jedha jedhii barreessi» laagaa jedhu dhagaye.


Achiin maayessa Yesuus, «Ka gurra dhagayu qabu, haa dhagayuu» jedhe.


Ka biraa ammoo lafa biyyee mishaa irratti bu'ee hennaa mute, dachaa dhibba daraare» jedhe. Yesuus hennaa dubbii kana dubbatee fixe, «Gurra dhagayu ka qabu haa dhagayuu!» jedhe.


Abbootii tiyya, waan ka dura jiru beettaniif isinii barreessa. Ka'imman, waan hamaa waan mooyattaniif isinii barreessa. Ijoollee, waan Aabbaan beettaniirtaniif isinii barreessa.


[Ka gurra dhagayu qabu yoo jiraate haa dhagayuu]» isaaniin jedhe.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite