Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 2:3 - WAADAA LAMMATAA

3 Ati maqaa kiyyaaf jettee obsitee uduu hin dadhabin dhaabatteerta.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

3 Obissaan jajabaattee dhaabachuu keetii fi waayee maqaa kiyyaatiif'llee uduu hin hifatin rakkinna fudhachuu kee'llee ni beeka,

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

3 Ati maqaa kiyyaaf jettee obsitee uduu hin dadhabin dhaabatteerta.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 2:3
49 Referans Kwoze  

Fedhii Rabbii raawwattanii, dubbii abdi'ii ka isinii kenname akka argitan obsuu isin barbaachisa.


Eeganaa raattota hagana gayan, naannaya kenna eeganuu jiraatan, nullee akkasuma ba'aa maraa, cubbuu daddafee nu marsu balleessinee, Yesuusii mataa amantaa keennaatii fi raawwataa ta'e laala'aa, fiigicha afoo keenna jiru obsaan haa fiinnuu. Inni salphinna tuffatee gammachuu afoo isaa jiruuf fannoo irratti obsee teessoo mirga Rabbii waan taa'eeruuf.


Waan mishaa hojjachuu akka hin dadhabne yoo abdii kutuu baanne, hennaa haamaan gaye hin haamanna.


Haata'uu ammoo isaan ka na erge waan hin beenneef, kana maraa maqaa kiyyaaf jedhanii isin irratti godhan.


Maraa obsiti, maraa amanti, maraa abdii godhatti, waa maraa hin ciniinnatti.


Ciniinnattee obsitee ajaja an sii kenne waan eeddeef anillee hennaa ataabee worra adunyaa tana irra jiraatan ataabu'uuf dhufu maraa jalaa si baasa.


Akkasuma innillee haga obseen maayii abdii argate.


Waan woyyoota tajaajiltaniif haga ammaallee waan tajaajila'aa jirtaniif hujii hojjattan, jaalala maqaa isaatiif mudhiftan akka hin irraanfanne Rabbi hamaa miti.


Nu Waaqa jiraataa fayyisaa nama maraa ta'e; keessumatu ka worra amananiititti waan abdanuuf, hin dadhabna, hin arabamnalle'e.


Obboleeyyan tiyya! Isin ammoo hujii mishaa hojjachuu hin dadhabinaa'a.


Kanaafuu hin dadhabnu; haata'uu ammoo nafti keenna ka gubba'aa yoo badellee nafti keenna ka keessaa guyyama guyya'aan haarawooma.


Sababaa kanaaf haga araara nuu keennameetitti tajaajila kana waan qabnuuf hin dadhabnu.


Abdi'iin gammadaa'a; rakkinna keessatti obsaa'a; faateffachu'uun jabaadhaa'a.


Waan arga'aa hin jirre yoo abdii godhanne, obsaan eegganna.


Eennullee fannoo ufii baadhatee na faanaa yoo hin deemne, darasaa kiyya ta'uu hin danda'u.


Ani Obboleessa keessan ka isin woliin rakkinna jennataa fi obsa Yesuus Kiristoosii qoodamu waan dubbii Rabbii tiif waan ragaa Yesuus Kiristoosiitiif lafa bisaaniin marfamte ta Fiximoo jedhamtu irra ture.


Mishummaa irratti beekkomsa, beekkomsa irratti uf qabuu, uf qabuu irratti gadi dhaabachuu, gad-dhaabachuu irratti nama Rabbii fakkaachuu.


Isaan tajaajiltoota Kiristoosiitii? Akka nama maraatee dubbadhaa, natu caala, dadhabbii gudda'aan, guddisee tumamu'uun; hidhamu'uun bu'aa argadhee hennaa hedduu du'uu gaye.


Kanaafuu akkasuma nafaan jiraannee, yookiin jiraachuu yoo baannellee, worra isa gammachiifnu ta'uu hawwina.


Worra hujii mishaa irra dhaabatanii galataa fi ulfinna, jireenna hin banne worra barbaadaniif jireenna bara baraa isaanii kenna.


Yesuus uduu hin hifatin hennaa maraa akka faateffatan mammaaka akkana jedhee isaanitti hime.


Sanyii lafa mishaa irratti bu'e ammoo worra dubbii Rabbii dhagayanii, amanamuuma'aaf mishumma'aan fudhatanii obsaan sanyii daraaraniiti.»


Eegasuu nullee salphinna inni baadhate san baadhannee qacha'aan ala gara isaa haa dhandhuu.


Manguddoonni woldaa seeraan bulchan, keessatuu lallabaa fi barsiisu'uun, worra dadhabanii ulfinna gudda'atu isaan barbaachisa.


Isin birratti waan tokkonilee akka isinitti hin ulfaanne, halkanii fi guyyaa dadhabbi'ii fi Xaari'iin hojjata'aa jiraata'aa turre malee, eennun irraallee buddeena akkanumaan hin nyaanne.


Gooftaan garaa keenna gara jaalala Rabbii, gara obsa Kiristoosii haa qajeelchu.


Obboleeyyan tiyya! Dadhabbii keennaa fi xaarii keenna waan qaabattaniif, isin keessaa nama tokkottillee akka hin ulfaanne, halkanii guyyaa hojjata'aa, Oduu Nagayaa ka Rabbii isinitti lallabne.


Atillee akkasuma hujii kiyyaaf ka na woliin dhuga'aan qabamte! Akka isaan gargaartu si kadhadha; maqaan isaanii kitaaba jireennaa keessatti worra barreeffaman Qaleminxoosii fi akkasuma na woliin worra hojjatan, kuuwwanillee waan Oduu Nagayaatiif na woliin dadhabaniiran.


Kanaafuu duwwa'aaf akka hin dadhabneef ani duwwaa akka hin fiinne, guyyaa Kiristoos dhufu waan ittiin dhaadadhu naa ta'a.


Isin keessaa gari gariin ba'aa nama kaanii haa baadhatuu, akkasuma seera Kiristoosii raawwadhaa'a.


Dadhabbii namoota biraatiin hagaa olitti hin boonu. Haata'uu ammoo amantaan keessan yoo guddate biyya isinii achii jirutti haga lallabnutti hujiin keenna eda'a'aa gara keennaan isin birratti akka kabajjamnu abdii goona. Waan garee biraatiin hojjatameen hin boonuu.


Tumamu'uun, hidhamu'uun, raafamu'uun, dadhabbi'iin, hirriba dhabu'uun, soomu'uun,


Porofiimoona'aa fi Xiroofimoosa'atti worra hujii Goofta'aa huju'uuf dadhabanitti nagaya naa himaa'a. Xarsiidaa jaalatamtuu Goofta'aaf jettee ta gudiiftee dadhabdetti nagaya naa himaa'a.


Obsu'uun lubbuu teessan oolfattan.»


Isaan namicha biyya Qareena'aa tokko, ka Simoon jedhamu abbaa Iskindiroosiitiif Ruufoosii, maasa'aa gara qacha'aa uduu dhufu, qabaniinii fannoo Yesuusii akka baatu hunnaan taasisan.


Obboleeyyan tiyya! Worra isin wodhakka'atti hujii Goofta'aatiin dadhaban, worra isin bulchaanii fi isin gorsan waan hujii Goofta'aatii fi hagaa olitti akka isaan kabajjitan isin kadhanna. Isin wolii nagaya qabaadhaa'a.


Worra akka isaanii jiraniif isa woliin hojjatu, worra dadhaban maraaf isinillee akka ajajamtaniif isin kadhadha.


Simoonillee, «Barsiisaa'a, eda halkan guutuu dadhabaa bullee womaa hin qabne, haata'uu ammoo, yoo ati jette ani siiboo hin buusa» jedheen.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite