Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 2:14 - WAADAA LAMMATAA

14 Haata'uu ammoo waan diqqoo sirratti ceem'u qaba. Innillee ijoollee Isiraa'eliitiif gufuu ta'u'uuf nyaata waaqa tolfama'aaf dhiyaate nyaata'aa, seebara'aati worri barumsa Bala'aamii ka Balaaqiin barsiise duukaa bu'aan si woliin achi waan jiraniif.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

14 Garuu ka sitti ashu wonittoota tokko tokko ni qaba, kun'llee barsiisa Bla'aamii ka qabatan namoonni tokko tokko jidduu keessan ni jiran, Bala'aamiin kun'llee ummanni Israa'eelii Waaqa harkaan hojjatamaniif ka qalame foon nyaachu'uu fi sagaagala raawwachu'uun akka gufataniif, Balaaqiin ka gorsse.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

14 Haa ta'uu ammo waan diqqoo si irratti ceem'u qaba. Innillee ijoollee Israa'eliitiif gufuu ta'u'uuf nyaata waaqa tolfama'aaf dhiyaate nyaata'aa, seebara'aa worri barumsa Bala'aamii ka Balaaqiin barsiise duukaa bu'an si woliin achi waan jiraniif.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 2:14
30 Referans Kwoze  

Karaa qajeelaa dhiisanii dogoggoran. Karaa Bala'aamii ilma Baasooriitiin deeman, inni mindaa hammeennaa jaalate.


Haata'uu ammoo ta ani raaga ufiin jettee garboota kiyya akka seebaran, waan waaqa tolfama'aaf qalame nyaatan ta barsiiftuuf ta dogoggorsitu dubartii san Elzaabeliin waan itti cadhifteef waan sirratti ceem'u qaba.


Waan karaa Qaayiniitiin deemanii waanuma inni godhe waan godhaniif, waan minda'aatiif jedhanii dogoggora Bala'aamii keessa seenanii akka finqila qore'eetiin waan badaniif isaan Aanne'e!


Wol fuudhuun maraa biratti ulfinna; sireenillee qulqulluu haa ta'u. Worra adaba hin qabnee fi seebartoota ammoo Rabbi isaanitti murteessa.


Isaan worra hin amanne waan ta'aniif, dubbii isaatiin gufatan. Isaanillee worra kufaati'iif qophaayan.


Worra Yihuudii hin taane ka amanan ammoo waaqoolee tolfama'aa fi waan ciincayu dhiigaa fi horii ufiin du'e irraa, seebaruu irraallee lubbuu isaanii akka deebisan uf eegan murteessinee isaanii barreessineerra.


Worri asmaa godhan, sariinii fi seebartoonni worri lubbuu namaa ajjeese, worri waaqa tolffamaa kaddaaman, worri kijiba jaalatanii fi raawwatan maruu diida jiran.


Haata'uu ammoo worri sodaatu ka hin amanne, worri battaaye, ka lubbuu ajjeese, worra adaba hin qabne, worra asmaa hojjatu, worra waaqa tolfamaa kaddaaman, sobduun marti hireen isaanii dhagaa ibiddaatii fi galaana bobayu, kunillee du'a lamaffa'aati.


Haata'uu ammoo, sababaa rakkoo seebaraatiif dhiirtii martinuu haadha manaa ufii haa qabaatuu. Akkasuma dubartiin martinuu abbaa manaa ufii haa qabaattuu.


Biyyi lafaa waan nama gufachiiftuuf isii aanne'e! Wonti gufachiisu dhufuu hin oolu. Haata'uu ammoo ka nama gufachiisuuf aanne'e!


Waan obboleessa kee gufachiisu foon nyaatuu yookaan daadhii woyini'ii dhuguu dhiisuu, waan biraallee yoo ta'e dhiisuun misha'a.


Eeganaa adha irraa jalaqabee nu maruu akka wol irratti hin murteessine caala'aatti ammoo eennullee obboleessa ufiititti guufuu yookiin sakaallaa akka hin taane kana murteeffadhaa'a.


Haata'uu ammoo waan sirratti ceem'u qaba. Jaalala tee ta duraa san waan dhiifteef.


Nu ammoo Kiristoosii fannifame lallabna. Kunillee Yihuudotaa gufu'u, worra Yihuudii hin taanee gowwumma'a.


Daawitillee, «Nyaanni isaanii siiboo nama qabu, boollaa fi gufuu isaanitti haata'u.


Israa'el ammoo seera qajeellumma'aa worri hordofan gara seeraa hin geenne. Kun maali'iif? Huji'iin malee, qajeellumma'aan amantaa waan hin hordofneef. «Kunoo, dhagaa gufachiisu, sakaallaa dhagaa qarsa'aa Tsiyooniin keessa kaya, ka isatti amanu hin saalfatu» jedhamee akkuma barreefame dhagaa gufachiisuun gufatan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite