Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 2:13 - WAADAA LAMMATAA

13 «Hulee teessoon mootummaan seexanaa jiru akka jirtu ani hin beeka. Maqaa kiyyaallee hin eedda bara Antiphaas amanamaan ragaa kiyyaa isin biratti ajjeefame ati amantaa narraa qabdu hin waakkanne.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

13 ati bakka teessoon sheexanaa jiru jiraachuu kee ni beeka, haa ta'u malee maqaa kiyya jabeessitee qabatee jirta, amantii ana irratti qabddu'llee hin waakkanne, ragaa kiyya amanamaa ka ture Antiiphaan'llee, bakka sheexanni jiraatu magaalaa kee keessatti yoma ajjeeffametti'llee, anatti amanuu kee hin dhiifnne.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

13 «Hulee teessoon mootummaan seexanaa jiru akka jirtu ani hin beeka. Maqaa kiyyallee hin eedda; bara Antiphaas amanamaan ragaa kiyyaa isin biratti ajjeefame ati amantii na irraa qabdu hin waakkanne.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 2:13
27 Referans Kwoze  

Worra fira isaanii ta'aniif keessumattuu maatii ufiitii ka hin yaanne, eennullee yoo jiraate, inni ka amantaa ufii gane, nama hin amanne caalaa hama'a.


Ani dafee dhufa. Eennullee badhaasa kee ka muudamaa akka si jalaa hin fudhanne waan qabdu jabeessii qabadhu.


Yoo obsinee jabaanee dhaabanne, akkasuma isa woliin moona. Yoo isa waakkanne, akkasuma, innillee nu waakkata.


Worra lubbuun isaanii ciincooftee du'aniif dhiiga Isxifaanoosiin fa'a hennaa jissan, ani ammoo isaan bira dhaabadhee isaaniin wolii galee uffata worra isa ajjeesanii eega'aa ture jedhe.


Worri ajaja Rabbii eeganii fi woyyoonni Yesuusiin amanu'uun jabaatan.


Eeganaa attamitti akka fudhatteef akka dhageette yaadi. Aagii gali; ajajamiifille'e. Yoo ati dammaquu dhabaatte, akka hattu'uutitti dimmaa sitti dhufa. Sa'aatii attami'ititti akka ani sitti dhufu sirimaa hin beettu.


Hujii kee, dadhabbii keetii fi obsa kee hin beeka. Akka ati worra hamaa cadhiftee hin dhiifne worra uduu ergamaa hin taane, «Ergamoota» ufiin jedhan qorattee laaltee akka isaan sobduu ta'an akka beette ani hin beeka.


Ka dubbii abdi'ii kenne amanamaa waan ta'eef, akka hin sochoone, ragaa abdii keennaa haa eennuu.


Amanta'aa fi jaalala Yesuus Kiristoosiitiin dubbii narraa dhageette, fakkeenna mishaa san jabeessii qabadhu.


«Achiin maayessa isaan akka rakkattanii fi akka ajjeefamtan dabarsanii isin kennan, sababa maqaa kiyyaatiif jettanii gosa maraan worra jibbame taatan.


Maqaa mishaa ittiin waamamtan worri arabsan isaanii mii?


Kiristoos ammoo mana Rabbii keessatti akka Ilmaatitti amanama'a, nullee waan ittii abdannuuf abdii ittin boonnu haga dhumaa jabeessinee yoo eenne nullee mana isaati.


Asittillee worra maqaa kee waaman maraa hidhu'uuf bulchoota gadootaatiin muudameera» jedhe.


Bakka marattu maqaa kiyyaaf worra jibbamu taatan.


Qachaa tokko keessatti yoo isin rakkisan, gara qachaa biraatitti dheessaa'a. Dhugamaan isiniin jedha, haga Ilmi Namaa dhufuuf qachoota Israa'eelii keessa deemtaniituu hin fixxan.


Hennaa san Yesuus, «Ati seexana, narraa fagaadhu! kitaaba Woyyuu keessatti, ‹Waaqa Gooftaa keetii sagadi, isuma callaa kaddaami› jedhamee barreeffameera» jedheen.


Raattota kiyya lamaanii fi uffata gaddaa uffatee guyyaa kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi jahaatamaa akka raaga dubbatan hunna isaanii kenna.


Isaan, dhiiga hoola'aatii fi sababaa dubbii ragaa isaaniitiin mooyataniin; isaan lubbuu isaanii haga du'aa ufirraa bayan.


Bineensi ani arge sun, Qeerransa fakkaata; lutti isaa akka luka Awaaldiigessaa, afaan isaa akka afaan leencaa ti, Jawweenillee hunna ufii, teessoo ufiitii fi baallii ufii guddaa kenneef.


Intalti dhiiga woyyootaatii fi dhiiga worra Kiristoosiin ragaa bayaniin machoofte arge; hennaa isii arge guddisee maalalfadhe.


Kunniin hoola'aan lolan, hoolaan sun Gooftaa Gooftotaatii fi mootii mootootaa waan ta'eef, isaan mooyata worri isa woliin jiran worri waamamanii fi worri filataman akkasuma worri amanaman hin mooyatan.»


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite