Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 2:12 - WAADAA LAMMATAA

12 «Maleekkaa Woldaa Kiristaanaa ta Phergamooniitiif akkana jedhii barreessi, «Ka billawa gama lamaan qara qabu harkaa qabu akkana jedha.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

12 Maleyikkaa woldaya Phergamooniitiif akkana jedhii barreessi, Kun bilaya gara lamaan qara qabu ka qabate ka dubbatame,

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

12 «Maleekkaa Woldaa Kiristaanaa ta Phergamooniitiif akkana jedhii barreessi, «Ka billawa gara lamaan qara qabu harkaa qabu akkana jedha.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 2:12
10 Referans Kwoze  

Eeganaa aagii gali yoo aagii galuu baatte ani daafee sitti dhufa. Guraadee afaan kiyya keessaa bayuun isaaniin lola.


Harka isaa ka mirgaa irraa urjoota torba qaba. Afaan isaa keessa guraadee gara lamaan qarametu baya. Fulli isaallee akka aduu guddiftee iftuutti.


Dubbiin Rabbii jiraata'a hunna hojjatuunillee uf keessaa qaba; guraadee gara lamaan qara qabu caalaa qarama'a, lubbuu, hafuura, ribuu, lafe'ee fi dhuka haga gargar baasuutti woraanee seenuu danda'a. Miira onne'eetii fi ka yaadaa qora.


Worri fardarratti hafan guraadee afaan isaatii bayuun dhuman; allaattiin maruu foon isaanii nyaatanii quufan.


Guraadee qaramaa worra Yihuudota hin taane ittiin dhayutu afaan isaa keessaa baya, innillee ulee sibiilaatiin isaan bulcha. Innillee daadhii woyini'ii ta lola hamaa Rabbii waa maraa danda'u itti cuunfatu san dhidhiita.


Akkasuma, «Waan arga'aartu kitaabatti barreessii, gara Efesoonii, Samirneesii, Phergamoonii, Tiyaaxiroonii, Sardeesii, Filaadelifiya'aa, Lodoqiya'aa fi gara tokkummaa woldoota Kiristaanaa torban Isiyaa keessa jiraatanii ergi» naan jedhe.


Gara Maleekkaa Woldaa Kiristaanaa Efesooniin keessa jirtuutiif akkana jedhii barreessi. Ka urjoota torbaa harka mirgaatitti qabate ka baattuu worqi'ii torbaa jidduu deddeebi'u akkana jedha.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite