Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 2:10 - WAADAA LAMMATAA

10 Rakkinna sirra gayu'uuf ta'u hin sodaatin. Daabiloos isin qoru'uuf jedhee isin keessaa namoota gari garii mana hidha'aatitti isin galchu'uuf ta'a. Guyyaa kudhaniif hin rakkattan ati ammoo haga du'aatitti amanamaa ta'i. Badhaasa jireennaallee sii kennaa.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

10 Ufi durana rakkinna sirraa gayu hin sodaatin, kunoo, akka qormaattamtaniif isin keessaa tokko tokko sheexanni gara mana hidha'aa titti isin ni galcha, guyyaa kudhaniif'llee rakkinna ni fudhattan, haga du'aa titti'llee amanamaa ta'i, gonfata jireennaa siif ni kenna.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

10 Rakkinna si irra gayu'uuf ta'u hin sodaatin. Daabiloos isin qoru'uuf jedhee isin keessaa namoota gari garii mana hidha'aatitti isin galchu'uuf ta'a. Guyyaa kudhaniif hin rakkattan; ati ammo haga du'aatitti amanamaa ta'i. Badhaasa jireennaallee sii kennaa.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 2:10
36 Referans Kwoze  

Namni ataabee keessatti ciniinnatu eebbifama'a. Inni hennaa ataabameen maayessa gatii jireennaa yookiin badhaasa Rabbi worra isa jaalatuuf waadaa gale san hin fudhata.


Naaf jettanii nama maraa afo'otti worra jibbame taatan. Ka haga dhumaa jabaate ammoo hin fayya.


Bulchaan tissee hoolotaa hennaa dhufe badhaasa ulfinnaa ka hin banne argattani.


Anaaf jettanii nama maraa biratti ka jibbamtan taatan. Haga dhumaa ka jabaatu ammoo hin fayya» isaaniin jedhe.


Wondhaansi keenna dhiigaa fi foon woliin waan hin taaneef, bulchoota, worra baallii qaban, bulchoota abbaa dukkanaa ka adunyaa tanaa, worra samii keessa jiran loltoota ayyaana hammeeyyi'ii woliin.


Rakkinna keetiif hiyyummaa kee hin beeka. Haata'uu ammoo ati dureessa, arraba worra uduu Yihuudii hin taane nu Yihuudi'i ufiin jedhan san hin beeka isaan woldaa seexanaati.


Ka haga dhumaa dhaabate ammoo hin fayya.


Diinni keessan daabiloos akka Leenca waan nyaatu soqa'aa asii achi naannaya'aa aaduu waan ta'eef, hagatti jiraadhaa'a, dammaqaa'a.


Ka wandhansa bayu maruu, waan maraanuu nafa ufii hin eeggata. Kunniin kennaa badu argachu'uuf, nu ammoo ka hin banne argachu'uuf.


Worra Foon namaa ajjeesee lubbuu ammoo ajjeesuu hin dandeenne hin sodaatinaa'a. Rabbii lubbu'uu fi foonillee asaaba keessatti gatuu danda'u sodaadhaa'a.


Woyyoota worrane mooyachuu gosaa fi firoota banii afaan gara garaa dubbatan maraa irratti baalliin kennameef.


Uduu hurbaataa nyaata'aaran daabiloos onnee Yihuudaa ilma Simoon ka biyya Asqorootu'uu akka inni dabarsee isa kennu haga hubateen maayii,


Ka lubbuu ufii jaalatu hin balleeffata, ka adunyaa tana irratti lubbuu ufii jibbu jireenna bara baraatiif kaayata.


Kana maraan duratti isin qaban, isin ari'an, waan kiyyaaf gara mana sagada Yihuudotaatii fi gara mana hidha'aatitti isin dabarsan afoo moototaatii fi bulchootaa isin fidan.


Namni lubbuu ufii hambifachuu barbaadu maruu hin balleeffata; waan kiyyaa fi waan Oduu Nagayaatiif lubbuu ufii ka balleeffatu maruu ammoo hin oolfata.


Bineensi ani arge sun, Qeerransa fakkaata; lutti isaa akka luka Awaaldiigessaa, afaan isaa akka afaan leencaa ti, Jawweenillee hunna ufii, teessoo ufiitii fi baallii ufii guddaa kenneef.


Phaawuloos ammoo deebisee, «Booya'aati qalbii tiyya shukulsiisuun keessan maali'i? Ani waan Goofta'aatii fi waan maqaa Yesuusiitiif Yerusaalemitti du'u'uuf qophaayeera; hidhamuu caalla'aafii miti» jedhe.


Haata'uu ammoo fiigicha kiyyaaf tajaajila kiyya ka Gooftaa Yesuusiin irraa fudhadhe, innillee Oduu Nagayaa badhaadha Ayyaana Rabbii ragaa isaa haga raawwadhutti lubbuun tiyya na birratti akka hin ulfaanne akka waan duwwa'aatitti laakkaya.


Ka inni kutee kenneef haga fudhateen maayessa hennama san, Seexanni itti gale; Eeganaa Yesuus, «Waan godhu'uuf taatu dafii godhi!» jedheen.


«Hulee teessoon mootummaan seexanaa jiru akka jirtu ani hin beeka. Maqaa kiyyaallee hin eedda bara Antiphaas amanamaan ragaa kiyyaa isin biratti ajjeefame ati amantaa narraa qabdu hin waakkanne.


Malkata gugurdaa afoo bineensaatitti ta'u saniin worra lafa irra jiraatan hin dogoggorsa. Ka madaa guraade'ee qabuuf, worra lubbu'uun jiraatan fakii bineensa sanii akka godhatan worra lafa jiraatanitti dubbata.


Kunniin hoola'aan lolan, hoolaan sun Gooftaa Gooftotaatii fi mootii mootootaa waan ta'eef, isaan mooyata worri isa woliin jiran worri waamamanii fi worri filataman akkasuma worri amanaman hin mooyatan.»


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite