Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 19:10 - WAADAA LAMMATAA

10 Anillee isaa sagadu'uuf luka isaa jalatti kufe, innillee, «Akka akkas hin goone uf eegi! Anillee obboleeyyan kee kaawwan woliin akkuma worra ragaa Yesuusii qabanii garbicha, ragaan Yesuusii Ayyaana raaga'aa waan ta'eef, Rabbii sagadi» naan jedhe.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

10 Ain'llee maleyikkichaaf sagadu'uuf miila isaa jalatti kallacha kiyyaan ni kufe, inni garuu, «Ati dhiisi kana hin raawwatin! Ani'llee si'ii fi obboleeyyan ragummaa Yesusii qabataniin woliin tajaajila'a, Waaqaaf Sagadi! Ragummaan Yesusii hafuura raagaati» naan jedhe.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

10 Ani isaa sagadu'uuf luka isaa jalatti kufe, innillee, «Akka akkas hin goone uf eegi! Anillee obboleeyyan kee kaawwan woliin akkuma worra ragaa Yesuusii qabanii garbicha; ragaan Yesuusii Ayyaana raagaa waan ta'eef Rabbii sagadi» naan jedhe.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 19:10
40 Referans Kwoze  

Isin kitaabbilee woyyootaan waan jireenna bara baraa qabdan waan isinitti fakkaatuuf, isaan qortan. Isaan garuu waan kiyya ragan!


Maleekkonni Rabbii maruu, ayyaana worra fayyinna dhaalan kana tajaajilu'uuf ergamanii mii?


Manguddoonni diddamii afurii afoo ka teessoo irraa taa'eeruutitti kufanii baraa haga bara baraatitti ka jireennaan jiraatuu, sagada'aa; «Gooftaa keennaa fi Waaqa keenna, «Ati maraa waan uumteertuuf, fedhii keetiif waan jiraataniif, ulfinni, jajamuunii fi hunnillee keeti» jedha'aa afoo teessoo isaatitti sagadan.


Jawweenillee dubartitti'iin lolee, worra ajaja Rabbii eegan, ka ragaa Yesuusii qaban worra fiixaa isi'ii keessaa hafe woraanu'uuf deemee xidhacha qarqara galaanaa irra dhaabate.


Isaan, dhiiga hoola'aatii fi sababaa dubbii ragaa isaaniitiin mooyataniin; isaan lubbuu isaanii haga du'aa ufirraa bayan.


Namni Ilma Rabbiititti amanu, ragaa kana uf keessaa qaba. Namni Rabbitti hin amanne ragaa Rabbi Ilma ufiitiif baye sanitti waan hin amanneef Rabbiin sobaa taasiseera.


Ka dubbataaru san jalaa akka hin dinne uf eeggadhaa'a. Yoo worri lafatti itti himame didan jalaa hin baane ta'e, eegasuu ka sami'ii nutti dubbate irraa yoo fagaanne attamitti jalaa baana?


Hennaa san Yesuus, «Ati seexana, narraa fagaadhu! kitaaba Woyyuu keessatti, ‹Waaqa Gooftaa keetii sagadi, isuma callaa kaddaami› jedhamee barreeffameera» jedheen.


Laagaa gudda'aan sa'aatiin murtii isaa waan gayeeruuf, Rabbiin sodaadhaa'a! Ulfinnallee isaa kennaa'a. Rabbii ardii, samii, galaanaa fi burqaa bisaanii uumeef sagada'aa jedhe.


Isatti ka amanu maruu maqaa isaatiin dhiifamsa cubbu'uu akka argatuuf raattonni martuu hin raganiif.»


Ani Obboleessa keessan ka isin woliin rakkinna jennataa fi obsa Yesuus Kiristoosii qoodamu waan dubbii Rabbii tiif waan ragaa Yesuus Kiristoosiitiif lafa bisaaniin marfamte ta Fiximoo jedhamtu irra ture.


Nu worri Ayyaanaan Rabbiin kaddaamnu, ka Kiristoos Yesuusiin dhaadannu nu worra waan foonii hin hedanne worra gadoomne waan taaneef.


Innillee, «Hennaa ani isin woliin jiru, Seera Muuse'eetii fi raattotaa kitaaba faarfannaa keessatti wonti kiyya ka barreeffame maruu raawwatamuu barbaachisa jedhee ka isinitti hime sun isa kana» isaaniin jedhe.


Maleekkaan deebisee, «Ani Gabri'eelii afoo Rabbii dhaabadhu, oduu gammachu'uu kana sitti himu'uuf ergame.


Iyaayiroosi namni jedhamu itti gaafatamaan Mana sagada Yihuudotaa tokko dhufee, hennaa Yesuusiin arge luka isaa jalatti kufee,


Namoonni Yerusaalem jiraatanii fi bulchoonni isaanii dubbii raattotaa ka Sambata dubbifamu hubachuu waan dadhabaniif akka dubbii raattotaatitti isatti murteessan.


Ijoollee tiyya, Waaqoollee tolfamaa irraa uf eegaa'a!


Eennullee eennuun irratti waan hamaa akka hin deebifne uf eegaa'a. Haata'uu ammo hennaa maraa martii keessanuu waan mishaa wolii godhu'uuf jabaadhaa'a.


Eeganaa akka Ogeeyyi'iititti malee, akka worra ogummaa hin qabneetitti hin jraatinaa'a, attamitti akka jiraattan uf eegaa'a.


Haata'uu ammoo waa maraanuu amanta'aaf dubbi'iin, beekkomsaan, ciminna maraan nuufillee jaalala keessaniin bu'aa akkuma qabdan hujii arjumma'aa kanaanillee akkasuma bu'aa qabaadhaa'a.


Dubartiin takka ta mucattiin isi'ii ayyaana batti'iin qabamteertu, gurra Yesuusii dhageettee dhuftee, luka isaa jalatti jidde.


Ta'ullee isin keessaa akkasuma ammoo marti keessanuu akkuma uf jaalattanitti haadha manaa teessan jaaladhaa'a; haati manaallee abbaa manaa ufii haa kabajjituu.


Kun mudhata waan dafee ta'u'uuf ta'uu ka Rabbi garboota ufiititti mudhisu'uuf jedhee Yesuus Kiristoosii kenneef ka Yesuusillee Maleekkaa ufiitiin ergee garbicha ufii Yohaannisitti mudhise.


Innillee, « ‹Worri hurbaataa cidha Hoolaa Rabbii irratti waamame eebbifamtoota› jedhii barreessi» naan jedhe. Akkasuma, «Kun dubbii Rabbii ka dhuga'aati» naan jedhe.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite