Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 17:6 - WAADAA LAMMATAA

6 Intalti dhiiga woyyootaatii fi dhiiga worra Kiristoosiin ragaa bayaniin machoofte arge; hennaa isii arge guddisee maalalfadhe.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

6 Dubarttin sun dhiiga Qulqullootaatii fi dhiiga wereegamttoota Yesusiitiin machoofttee ni argeen, yeroo isii argetti'llee haalaan ni maalalffadhe.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

6 Intalti dhiiga woyyootaatii fi dhiiga worra Kiristoosiin ragaa bayaniin machoofte arge; hennaa isii arge guddisee maalalfadhe.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 17:6
12 Referans Kwoze  

Waan dhiiga woyyootaatii fi raattotaa jissaniif. Akkasuma dhiiga isaan obaafteerta. Waan isaan barbaachisuuf!» jedhee yoo dubbatu dhagaye.


Hennaa fakiin bineensaa qaaqu, fakii bineensaatii worra hin saganne maraa ajjeesisu'uun fakii bineensaatii hafuurri akka kennamuuf taasifame.


«Hulee teessoon mootummaan seexanaa jiru akka jirtu ani hin beeka. Maqaa kiyyaallee hin eedda bara Antiphaas amanamaan ragaa kiyyaa isin biratti ajjeefame ati amantaa narraa qabdu hin waakkanne.


Woyyoota worrane mooyachuu gosaa fi firoota banii afaan gara garaa dubbatan maraa irratti baalliin kennameef.


Isaan, dhiiga hoola'aatii fi sababaa dubbii ragaa isaaniitiin mooyataniin; isaan lubbuu isaanii haga du'aa ufirraa bayan.


Worra lubbuun isaanii ciincooftee du'aniif dhiiga Isxifaanoosiin fa'a hennaa jissan, ani ammoo isaan bira dhaabadhee isaaniin wolii galee uffata worra isa ajjeesanii eega'aa ture jedhe.


Akkana jedheen, «Namni maruu duraan dursee daadhii mishaa namaa kenna. Haga machaayaniin maayii ammoo booruu namaa kenna. Ati ammoo daadhii mishaa haga ammaa tursiifte!» jedheen.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite