Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 17:5 - WAADAA LAMMATAA

5 Kallachaa isi'iititti maqaa dhossa'aa, «Baabiloonii guddoo haadha seebartootaatii fi ta lafa battootaa» jedhamee barreeffame.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

5 Kallacha isi'ii irratti'llee, «Haadha sagaagalttootaatii fi haadha battiiwwan arddii maraa, Baabiloonii ol aanittuu» ka jedhu, maqaan dhossa'a itti barreeffamee jira ture.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

5 Kallacha isi'iititti maqaa dhossa'aa, «Baabiloonii guddoo haadha seebartootaatii fi ta lafa battootaa» jedhamee barreeffame.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 17:5
18 Referans Kwoze  

Ergamaan lammaffa'aa ka duraatitti aanee, «Baabilooniin guddooni jidde jidde, isin gofti adda addaa maruu daadhii woyini'ii ta seebarchiiftuuf ta macheessitu akka dhugan gooteerti» jedhe.


Laagaa gudda'aan, «Baabilooniin guddittiin kufte! kufte! hulee jinniin jiraatu taate, hulee ayyaanni baatti'ii marti itti irkatan ayyaanoonni hamaaniif ka simbirroonni jibbaman maruu itti irkatan taate.


Maleekkaanillee, «Maali'iif maalalfattaa?» Dhossaa Intalatti'iitii fi dhossaa busaaya'aa isii baadhatuu ka mataa torbaatii fi gaafa kudhanii qabu ani sitti hima.


Murteen isaa dhuga'aa fi qajeelaa waan ta'eef, fayyisuun, ulfinni, hunnillee ka Waaqa keennaati! jedhee hennaa dubbatu laagaa akka banii hedduu dhagaye.


Qachattiin guddoon bakka sadihitti qoodamte. Qachaan worra Yihuudii hin taanee hin kufan. Baabiloonii guddoon daadhii woyini'ii ta lolaa jabduu akka isi'ii kennamuuf Rabbiin afo'otti yaadatamte.


Dhossaan hunna hameennaa ammumaa hujii irra jira; ta'ullee haga karaa irraa ka'utti amma waan isa dhooggutu jira.


Maleekkaan jabaan tokko dhagaa guddaa haga baaburaa gawu ol fuudhee akkana jedhe, gara galaanaa darbe; «Qachaan Baabiloonii guddittiin akkanatti dhiibamtee kufti; ammaa achi sirima hin argamtu.


Reeffi isaaniillee afoo qachaa gudditti'ii ciisa; isiinillee akka fakkeenna hafuuraatiin soodomiif Misirii jedhamteeti akkasuma hulee Gooftaan isaanii itti fannifame.


Dhumti isaanii badi'i. Waandhi isaanii garaa isaaniiti, ulfinni isaanii shiingaa isaaniiti; yaanni isaanillee woma lafaatti.


«Garboota Waaqa keennaa haga kallacha isaanii chaappeessinuuf lafa, galaana yookiin mukkiin hin miidhinaa'a» isaaniin jedhe.


Hiikkaan dhossaa urjii torbaatiif baattuu Worqi'ii ka harka kiyya ka mirgaa irratti argite kana. Urjiin torban Maleekkaa woldaa Kiristaana torbaati. Baattuun Worqii torbanii tokkummaa woldoota Kiristaana torbaati.


Maleekkaan torbaa ka mijuu xuwwe'ee torbaa qabatan keessaa tokko dhufeeti, «Koottu, murtii seebartuu gudditti'ii, ta bisaan hedduu irra teette sitti mudhisa.


Mootonni biyya lafaa isii woliin seebaran, worri lafa irra jiraatan daadhii woyini'ii seebara isi'iitiin machaayan» jedhee natti dubbate.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite