Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 17:2 - WAADAA LAMMATAA

2 Mootonni biyya lafaa isii woliin seebaran, worri lafa irra jiraatan daadhii woyini'ii seebara isi'iitiin machaayan» jedhee natti dubbate.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

2 nugusonni arddi'ii'llee isii woliin sagaagalanii jiran, jiraattonni arddi'ii'llee daadhii woyinni'ii ka sagaagalummaa isi'iitiin machaayanii jiran.»

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

2 Mootonni biyya lafaa isii woliin seebaran, worri lafa irra jiraatan daadhii woyini'ii seebara isi'iitiin machaayan» jedhee natti dubbate.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 17:2
14 Referans Kwoze  

Ergamaan lammaffa'aa ka duraatitti aanee, «Baabilooniin guddooni jidde jidde, isin gofti adda addaa maruu daadhii woyini'ii ta seebarchiiftuuf ta macheessitu akka dhugan gooteerti» jedhe.


Worri Yihuudii hin taane maruu daadhii woyini'ii, sababaa seebaruu isi'iitiif kufaniiran mootonni biyya lafaa isii woliin seebaran; daldaltoonni biyya lafaa sababaa hunna qananii isi'iitiin, dureeyyii ta'an» jedhee iyye.


«Mootonni adunyaa tanaa ka isii woliin seebaraniif isii woliin boonan, aara hennaa isiin gubbattu aaru arganii waan isi'iitiif banne banne jedha'aa booyan.


Ifti ibsa'aallee, ammaa achi si keessatti sirima hin ifu; Laagaan idaayya'aatiif idaayiitti'ii ammaa achi si keessatti sirima hin dhagayamu. Daldaltoonni teellee'e, bulchoota adunyaa tanaa waan ta'aniif, asmaa keetiin worri Yihuudii hin taane maruu, waan dogoggoraniiraniif.


Rabbi yaada Isaa akka godhan yaada tokko akka qabaatan, haga jechi Rabbii raawwatamutti, mootummaa isaanii akka bineensa sanii kennaan onnee isaanii keessa waan bulcheef.


Ciniinnattee obsitee ajaja an sii kenne waan eeddeef anillee hennaa ataabee worra adunyaa tana irra jiraatan ataabu'uuf dhufu maraa jalaa si baasa.


Kunniin yaada tokko qaban hunna ufiitiif baallii ufiillee bineensa sanii kennan.


Akkana jedheen, «Namni maruu duraan dursee daadhii mishaa namaa kenna. Haga machaayaniin maayii ammoo booruu namaa kenna. Ati ammoo daadhii mishaa haga ammaa tursiifte!» jedheen.


Kanaaf dhukkubaan siree irratti isii hambisa, worra isii woliin seebaranillee hujii badaa isi'ii irraa aagii galuu yoo dhabaatan rakkinna guddaa irratti isaan gata.


Waan ajjeesuu isaaniillee yookiin waan asmaa isaanii yookiin waan seebaruu isaanii waan hatuu isaaniitiifillee aagii hin galle.


Kallachaa isi'iititti maqaa dhossa'aa, «Baabiloonii guddoo haadha seebartootaatii fi ta lafa battootaa» jedhamee barreeffame.


Bineensi ati argite duri jira, amma ammoo hin jiru, ashuuteen keessaa bayu'uuf ta'a, gara badi'iillee hin deema, worri maqaan isaanii uumama adunya'aa irraa jalqabee Kitaaba jireennaatitti hin barreeffamne, worri lafa irra jiraatan akka bineensi jiru, ka amma hin jirre, deebi'ee akka dhufe haga argan hin maalalfatan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite