Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 17:12 - WAADAA LAMMATAA

12 Gaafni kudhanii ka ati argite mootota kudhanii ka haga ammaa mootummaa hin arganne. Haata'uu ammoo bineensa san woliin sa'aatii tokkoof akkuma moototaa baallii fudhatan.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

12 «Gaafaan argite kurnnan amma'llee nugusota hin moo'in, garuu sa'aatima tokkoofuu bineensichcaan woliin akka moo'aniif, aangoo moo'u'uu ni argatan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

12 Gaafni kudhanii ka ati argite mootota kudhanii ka haga ammaa mootummaa hin arganne. Haa ta'uu ammo bineensa san woliin sa'aatii tokkoof akkuma moototaa baallii fudhatan.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 17:12
12 Referans Kwoze  

Malkanni biraallee sami'itti mudhate. Jawween guddaan diimaan, mataa torbaa fi gaafa kudhan qaba. Mataa isa irraa qoobii torbatu jira.


Bineensi tokkollee uduu galaana keessaa bayu arge. Gaafa kudhanii fi mataa torba qaba. Gaafa isaa irra qoobii kudhanii fi mataa isaa torban irraa maqaa arrabaatitu jira.


Gaafni kudhaniitii fi bineensi ati argite, seebartitti'iin wol lolanii qulla'aa fi duwwaa isii godhan, foon isi'iillee hin nyaatan ibiddaan isii guban.


Daaraa uf irratti firfirsanii gaddanii booya'aa, «Qachattii guddoo, durummaa isi'itiin worra galaana irraa, markabaan dureeyyii gootee bille'e!, bille'e! sa'aatii tokkotti badde» jedha'aa iyyan.


Qachaa guddoo uffata haphii fuuttaa'a, uffata dhiilgee diimaa uffattee, worqi'ii fi dhagaa gatii guddaa waan gatii guddaa badhaafamteef isi'ii hobbaasi! isi'ii hobbaasi! durummaan hagana gayu sa'aatii tokko keessa waan badeef jedha'aa dhaabatan. Worri markaba ofuu fi worri markabaan hulee maraa deemu maruu, worri markabaa, worri galaana irraa fayyadaman maruu fagoo dhaabatan.


Ati Baabiloonii qachaa gudditti'ii jabduu si hobbaasi! murtiin kee sa'aatii tokko keessa waan sirra gayuuf» jedha'aa qaaqan.


Gosa hedduu fi worra Yihuudotaa hin taane, «Worra Afaan adda addaa qaaqanii fi mootota marattuu deebitee raaga dubbachuu si barbaachisa» jedhamee natti himame.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite