Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 16:15 - WAADAA LAMMATAA

15 «Ani akka hattu'uu ta'ee dhufa! akka qullaa hin deemne saala isaallee akka hin argine, ka dammaqee uffata ufii eegu ka eebbifame!»

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

15 «Kunoo! Ani akka hattu'uu dimmaa ni dhufa! Qullaa isaa akka hin taanee fi qaama isaa ka saalaa namoonni akka jalaa hin argineef, dammaqee uffata isaa naminni eeggatu ka galateeffame!»

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

15 «Ani akka hattu'uu ta'ee dhufa! akka qullaa hin deemne saala isaallee akka hin argine, ka dammaqee uffata ufii eegu ka eebbifame!»

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 16:15
23 Referans Kwoze  

Dureessa akka taatuuf worqii ibiddaan baffame uffattee qullaan saala keetii akka hin mudhanneef uffata adii waan ija kee ittiin bareechifattu na irraa akka bitattu si gorsa.


Guyyaan Goofta'aa ammoo akka hattu'uu ta'ee dimmaa dhufa. Guyyaa san samiiwwan laagaa guddaa dhageessisa'aa lufan, uumamni samii keessaa oo'a gudda'aan baqan. Lafaa fi wonti isii irra jiru maruu hin gubata.


Guyya'aa fi sa'aatii san waan hin beenneef dammaqa'aa eeggadhaa'a!» jedhe.


Dhugamaan yoo ka hin duune uffanne qullaa taanee hin argamnu.


Akka hin ataabamne dammaqa'aa faateffadhaa'a! Ayyaanni namaa qophaaya'a; foon ammoo dadhaba'a» jedheen.


Kanaafuu woggaa sadihii halkanii fi guyyaa imimmaaniin isin maraa gorsuu akka addaan hin kunne yaadata'aati jabaadhaa'a.


Eeganaa haa damandhuu; hagati haa jiraannuu malee, akka kaawwanii hin rafnu.


Eegasuu waan dhufu'uuf ta'u jalaa akka baataniif fuula Ilma Namaa afo'otti dhaabachuu akka dandeettan hennaa maraa jabaadha'aa faateffadhaa'a!»


Akka ataabe'etti hin galle jabaadha'aa faateffadhaa'a; Ayyaanni qophaaya'a, foon ammoo dadhaba'a» jedheen.


Haata'uu ammoo dhumti waa maraatuu dhiyaateera. Kanaafuu akka nama sammuu qabuutitti yaadaa'a. Akka Rabbiin kadhatuu dandeettan hagatti jiraadhaa'a, uf qabaa'a.


Isin ammoo obboleeyyan tiyya, guyyaan akka hattu'uu akka isinirra hin geenne, isin dukkana keessa hin jirtan.


Ani dafee dhufa. Eennullee badhaasa kee ka muudamaa akka si jalaa hin fudhanne waan qabdu jabeessii qabadhu.


«Ani, dafee dhufa, ka raaga dubbii kitaaba kanaa eegu, eebbifama'a» naan jedhe.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite