Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 14:4 - WAADAA LAMMATAA

4 Worri kun qulqullumma'aan uf eeganiiran. Worra dubartii bira dhaqanii uf batteessanii miti; isaan kunniin qeerro'o. Worri gara hoolaan Rabbii deemu faanaa deeman kanniin fa'a. Rabbii fi hoolaa Rabbiitii akka hangafa isaanii ta'an namoota keessaa worri fayyan kanniin fa'a.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

4 Isaan worra hin fuudhin waan ta'aniif dubarttootaan woliin wol qunnamittii raawwachu'uun hin battoofnne, gara hoolchi deemu maraa isa ni horddofaniin. Isaan Waaqaa fi Hoolichaa namoota jiddu'uu akka ka jalqabaa titti ka dhiyaatan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

4 Worri kun qulqullumma'aan uf eeganiiran. Worra dubartii bira dhaqanii uf batteessanii miti; isaan kunniin qeerro'o. Worri gara hoolaan Rabbii deemu faanaa deeman kanniin fa'a. Rabbii fi hoolaa Rabbiitii akka hangafa isaanii ta'an namoota keessaa worri fayyan kanniin fa'a.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 14:4
32 Referans Kwoze  

Haata'uu ammoo worri uffata ufii hin batteessine Sardeesitti namoota hago'otu si woliin jira. Waan isaanii male waan ta'eef isaan uffata adii uffataniiti na woliin deeman.


Hinaaffaa Rabbiitiin isinii hinaafa'aa akka durba qulqullittii duuda'aatitti Kiristoosiif isin dhiyeessu'uuf dhiira tokkoof isin qaadhimeera.


Nu uumama maraaf hangafa akka taanu dubbii dhuga'aatiin yaadee nu uume.


«Kitaaba fuutee chaappootallee hiikuun keeti, waan qalamteef dhiiga keetiin, Rabbiif, afaan maraa, gosa maraa, banii maraa keessaa namoota furtee; jeennata Waaqa keennaatiif gadicha akka ta'an gooteerta; adunyaa irrattillee hin mooyan» jedha'aa laagaa haarawaan faarfatan.


Ka naa hojjatu yoo jiraate, na faanaa haa deemuu; hulee ani jirullee hin jiraata. Ka naa hojjatu yoo jiraate Aabba hin kabajjaan.»


Hoolonni tiyya laagaa kiyya hin dhagayan anilee isaan beeka; isaanillee na faanaa deeman.


Kunniin hoola'aan lolan, hoolaan sun Gooftaa Gooftotaatii fi mootii mootootaa waan ta'eef, isaan mooyata worri isa woliin jiran worri waamamanii fi worri filataman akkasuma worri amanaman hin mooyatan.»


Ammallee Yesuus, «Ani ifa adunya'aati, ka na faana deeme, ifa jireennaatitu ta'aaf malee, dukkana keessa hin jiraatu» jedhee isaanitti dubbate.


Isin ammoo dukkana keessaa gara ifa isaa ka maalale'eetitti ka isin waame, dhaloota mishummaa isaa dubbatu'uuf filatame, gadicha mooti'ii, banii woyyu'uu fi gosa ristii isaatiif fooyame.


Ayyaanni waan Rabbi banii ufiitiif waadaa gale fudhachuu keenna hin mirkaneessa. Ulfinna Rabbiitiif galata haa galchinuu.


Obboleeyyan tiyya! Maatiin Isxifaanosii hangafa Akaayiyya'aa akka ta'an woyyootallee tajaajilu'uuf akka ufi kennan hin beettan.


Isin uf eeggadhaa'a; woldaa Kiristaanaa ta Rabbi dhiiga ilma ufiitiin bitateellee tissee ta'aa'a. Hoolota Rabbii ta Rabbi akka eeddaniif Ayyaana Woyyu'uun isin muude maraa fi ufillee eegaa'a.


Pheexroosillee, «Gooftaa'a! Amma wonti si faanaa deemuu hin dandeenneef maali'i? Lubbuu tiyya sii kenna» jedheen.


Yesuus itti aansee, «Hennaa san jeennanni sami'ii durba kudhanii ta ibsaa isaanii qabatanii idaayyaa reebbatu'uuf bayan fakkaatti.


Barsiisaan Seera Muuse'ee tokko gara isaa dhufee, «Barsiisaa'a! bakka ati dhaxxu maraa si faana deema» jedheen.


Worri sobu kun akka namni wol hin fuune dhooggan, worri amananii dhugaa beekan galata woliin akka fudhatanii hin nyaanne, nyaata Rabbi isaanii uume irraa akka fagaatan godhan.


Qeerrichi yoo fuudhe cubbuu hin hojjatu. Qeerrittiinillee yoo heerumte cubbuu hin hojjattu. Haata'uu ammo adunyaa tana irratti worri fuudhanii fi heeruman, jireenna isaanii keessatti rakkoo heddu qaban. Ani ammoo rakkinna kana jalaa akka baataniif jedhee isin gorsa.


«Gadaamessa haadhaa keessatti hormaata dhalootaa uduu hin qabaatin worri dhalatan hin jiran. Gariin ka harka namaatiin muramellee hin jira. Worri jeennata sami'iitiif jedhanii akka hormaata dhalootaa hin qabnee uf godhanillee hin jiran. Ka akkas ta'uu barbaadu haa ta'uu» isaaniin jedhe.


Xurii yookiin fula qonshooruu yookiin waan akkana jiru uduu isii irratti hin taane, woyyitti'iif ta mudaa hin qabne akka taatu, woldaa Kiristaanaa kabajjamtuu ta ufii godhatuu barbaade.


gara worra sami'itti maqaan isaanii barreeffamee, gara tokkummaa hangafa abbaa murti'ii maraatuu ka ta'u, gara Rabbii, gara lubbuu qajeellota guutu'uu,


Waandhi Gooftaan maraa bulchuu fi hoolaan mana woyyu'uu isii keessa jiran; mana woyyuu isi'ii keessatti hin argine.


Qachatti sanii waan ulfinni Rabbii isi'ii ifuuf ibsoon isi'ii hoolaa waan ta'eef, ifni adu'uutii fi addeessaa isii hin barbaachisu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite