Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 14:14 - WAADAA LAMMATAA

14 Achiin maayii midhadhee duumeessa adii arge, dumeessa san irra ka ilma namaa fakkaatutu taa'eera, mataa isaa irra gulloo worqi'ii, harka isaa irraa haamtuu qaramtuu qaba.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

14 Kanaan duubatti ni laale, kunoo duumessa adii ni arge, duumessa irratti'llee Ilma Namaa ka fakkaatu taa'ee jira, mataa isaa irratti'llee gonfata worqqi'ii gonfatee jira, harka isaa titti'llee haamttuu qara qabddu qabatee jira,

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

14 Achiin maayii midhadhee duumessa adii arge; duumessa san irra ka ilma namaa fakkaatutu taa'eera; mataa isaa irra gulloo worqi'ii, harka isaa irraa haamtuu qaramtuu qaba.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 14:14
19 Referans Kwoze  

Baattota ibsaa Worqi'ii torba arge. Baattota wodhakka'atti waan ilma namaa fakkaatu arge, innillee uffata dheeraa haga lukaa gawu uffatee sibiila worqi'ii qomatti hidhateera.


Haata'uu ammoo Ayyaana Rabbiitiin waan nama maraatiif du'a dhandhamu'uuf Yesuusii Maleekkaa diqqoo hanqatee ture, sababaa rakkinna du'aatiin gulloo ulfinnaatii fi galataa godhatee arginaan.


Hennaa san Ilmi Namaa hunnaa fi ulfinna gudda'aan duumessaan hennaa dhufu hin arganiin.


Uduma inni kana dubbata'aaru, duumessi ifaa isaan golge. Duumeessa san keessaan laagaan, «Ilmi kiyya ka ani itti gammaduu fi jaaladhu kanaa, isa dhagayaa'a» jedhu dhufe.


Anillee midhadhee farda adii tokko afoo kiyyatti arge. Ka Farda san yaabbateeru eboo qabatee ture. Badhaasa kennameefii mooyata'aati moyyatu'uuf baye.


Inni duumeessaan dhufa, ijji maruu isa argiti, worri isa woraanellee hin argan. Baniin adunyaa tana irraa maruu sababaa isaatiif gadda'aa booyan. Ee! Akkasuma ta'a. Amiin.


Teessoo gudda'aa fi adii ka isa irra taa'eerullee hin arge; Ardi'ii fi samiinillee isa afo'oo dheessan. Huleen isaanii hin argamne.


Iji isaa akka arraba ibiddaati; mataa isaa irra qoobii ulfinnaa heddutu jira. Maqaa biraa ka isaa malee ka eennullee hin beenne qaba.


Ka jirtuuf ka turte, ka maraa bulchitu, Rabbii Gooftaa keenna hunna guddaa waan qabduuf waan mooteef si galateeffanna.


Maleekkaan jabaan biraallee duumeessa uffatee ka sami'ii bu'u arge. Mataa isaa irra funyaan karaabaatitu jira. Fuulli isaallee akka adu'uu, lutti isaallee akka ibidda dhaga'aa ti.


Hennaa sanyiin gayee goge, haamaan waan gayeef yoosuu worri haamu haamaa jalqaba.»


Haga hennaa haama'aatitti woliin haa guddatuu. Hennaa haamaan gaye, Ani worra haamuun, akka gubamuuf dura sinaana buqqisa'aa qixira qixira'aan hidhaa'a, qamadii ammoo gootaraa kiyyatti galchaa'a› jedhaan» jedhe.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite