Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 14:13 - WAADAA LAMMATAA

13 Anillee samii irraa laagaa, «Ammaa achi worri Goofta'atti amananii du'an eebbifamtoota» Ayyaanni, «Ee, akka isaan dadhabbii irraa harabaafatan, hujiin isaaniillee isaan duukaa deema jedha jedhii barreessi» laagaa jedhu dhagaye.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

13 Sami'ii qoonqqa akkana jedhu ni dhagaye, «Kana barreessi, ammaa achitti ka Gooftaa Yesusii ka ta'anii worri du'an, isaa ka eebbifaman!» Hafuurri Qulqulluun'llee, «Ee» «Dadhabbii isaanii irraa akka boqataniif, hujiin isaanii isaan ni horddofa» jedha.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

13 Anillee samii irraa laagaa, «Ammaa achi worri Goofta'atti amananii du'an eebbifamtoota» Ayyaanni, «Ee, akka isaan dadhabbii irraa harabaafatan, hujiin isaaniillee isaan duukaa deema jedha jedhii barreessi» laagaa jedhu dhagaye.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 14:13
41 Referans Kwoze  

Worri hiree du'aa ka'uu duraa qabu eebbifamtootaa fi woyyoota. Duuti lammaffa'aa isaan irratti baallii hin qabdu, gadoota Rabbiitiif ka Kiristoosii ta'anii isa woliin woggoota kumaa kana mooyan.


Yoo jiraannellee yookiin yoo duunellee isa woliin lubbu'uun akka jiraannu nuuf jedhee du'e.


Gooftaan inninuu ajajaan laagaa bulchaa Maleekka'aatiin laagaa xurumbaa Rabbiitiinillee sami'ii waan bu'uuf, worri Kiristoosiin amananii du'an firrisanii ka'an.


Kanaaf obboleeyyan tiyya! Jaalatamtoota dadhabbiin keessan, Goofta'aan duwwaa akka hin taane, waan beettaniirtaniif, worra midhaaffatan ka hin sochoone worra hujiin Goofta'aa hennaa maraa isinii baay'ate ta'aa'a.


Innillee, « ‹Worri hurbaataa cidha Hoolaa Rabbii irratti waamame eebbifamtoota› jedhii barreessi» naan jedhe. Akkasuma, «Kun dubbii Rabbii ka dhuga'aati» naan jedhe.


Ka teessoo ufii irra taa'e, «Kunoo, ani waan maraa haarawa godha!» jedhe; «Jechoonni kun amanama'aa fi dhugaa waan ta'aniif barreessi» naan jedhe. Raawwatameera naan jedhe.


Isaan maraafuu uffanni adiin kenname akkasuma akka isaaniititti worra ajeefamu'uuf ta'an haga laakkofsi garbootaa, goshoota isaaniitiif obboleewwanii haga raawwatamutti ammallee haga bara diqqo'oo haa harabaafatanii jedhaman.


Keessattuu nafa akka mana keennaa ta'e kana irraa adda baanee baqa keessa jiraata'aa Gooftaa woliin jiraachu'utu nu gammachiisa.


Maleekkaan torbaffaan mijuu qilleensa keessatti jisse; mana woyyuu keessaa, laagaan guddaan, «Raawwatameera» jedhu teessoo irraa dhagayame.


Yesuus akka du'ee fi du'aa akka ka'e yoo amanne, akkasuma Yesuusitti amananii worra du'an, Rabbi gara ufii waan isaan fiduuf.


Eegasuu worri Kiristoositti amanee du'e badeera jechu'u.


Yoo jiraanne Goofta'aaf jiraanna. Yoo duunnellee Goofta'aaf duuna. Eegasuu yoo jiraanne yookiin yoo duune nu ka Goofta'aa ti.


Yesuus akkana isaaniin jedhe, kanaafuu qabeenna dharaa ka akkanaa ka adunyaa kanaatiin fira baafadhaa'a. Kana yoo gootan hennaa horiin sun isin jalaa dhumee harka duwwaa haftan, firri keessan jiruu bara baraa keessatti isin simatan.


Laagaan samii irraa, «Kun Ilma kiyya jaalatamaa Ani itti gammadu» jedhe.


Manni woyyuu Rabbii ka samii jiru baname; «Saanduundhi waada'aallee» mana woyyu'uu keessatti mudhate, laagaa, bakakkaa, gigissaa, sochii lafaatii fi baradaan guddaan uumame.


Maleekkaan torbaffa'aa xurumbaa afuufe. Sami'itti, «Mootummaan adunya'aallee ta Gooftaa keennaa Kiristoosiiti. Inni baraa haga bara baraa mooya» laagaan guddaan jedhu dhagayame.


Hennaa gigissaan torbaa dubbatu, barreessuu yaade, «Sami'ii waan gigissaan torbaa dubbate chaappa'aan cufi malee, hin barreessin» laagaa jedhu dhagaye.


Gara Maleekkaa Woldaa Kiristaanaa Efesooniin keessa jirtuutiif akkana jedhii barreessi. Ka urjoota torbaa harka mirgaatitti qabate ka baattuu worqi'ii torbaa jidduu deddeebi'u akkana jedha.


Haata'uu ammoo ciincaa amantii keessaniitiif tajaajila keessanitti eda'amee, uduu lubbuun tiyyallee baatee hin gammada. Isin woliinillee gammadeera.


Abrahaam ammoo akkana jedhee deebise, ‹Ilma kiyya, ati bara jireenna keetii waan mishaa akka argatte qaabadhu; Ali'aazaar ammoo akka rakkata'aa ture yaadi. Amma ammoo asitti isaa toleera, ati ammoo rakkata'aarta.


Akkasuma, «Waan arga'aartu kitaabatti barreessii, gara Efesoonii, Samirneesii, Phergamoonii, Tiyaaxiroonii, Sardeesii, Filaadelifiya'aa, Lodoqiya'aa fi gara tokkummaa woldoota Kiristaanaa torban Isiyaa keessa jiraatanii ergi» naan jedhe.


Amma ammoo Kiristoos worra du'anii hangafa ta'ee du'aa ka'eera.


Cubbuun namoota gari gari'ii addaata'a; murtii waan mudhisuuf; kaawwan ammo faanaa deema.


Akkasuma hujiin mishaan addaata'a, yoo ifa hin taanellee ammo dhokachuu hin danda'u.


«Waan ayyaanni tokkummaa woldaa Kiristaanaatiin jedhu ka gurra qabu maruu haa dhagayuu! ‹Ka injifatee muka daraaraa isaa nyaatan ka jeennata Rabbii keessa jiru akka nyaatu hin kennaaf.›


Ayyaanninii fi idaayyittiinillee «koottu!» jedhan. Ka dhagayullee «Koottu!» haa jedhuu ka dheebotellee haa dhufuu ka fedhe bisaan jireennaa akkanumaan haa fudhatuu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite