Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 14:11 - WAADAA LAMMATAA

11 Aarri rakkinna isaaniillee baraa haga bara baraatitti baya. Worri bineensaa fi fakii isaatii sagadan, worri malkata maqaa isaallee fudhatan maruu, halkanii guyyaa hara hin baafatan» jedhe.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

11 Ibidda isaan makkaraarssuu keessaa aarri bayu, bara haga baraa titti gara olii ni baya, bineenssichaa fi suuraa isaatiif'llee ka sagadan, malikata maqaa isaa'llee ka godhatan marrinuu, guyya'aa fi halkan'llee boqannaa hin qaban.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

11 Aarri rakkinna isaaniillee baraa haga bara baraatitti baya. Worri bineensaa fi fakii isaatii sagadan, worri malkata maqaa isaallee fudhatan maruu, halkanii guyyaa hara hin baafatan» jedhe.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 14:11
30 Referans Kwoze  

Ammallee, «Hallee luyyaa! jedhan. Aarri isi'ii baraa haga bara baraa hin aara»


Daabiloosiin isaan dogoggorse sun hulee, gara busaaya'aa fi raanni sobaa jiran gara galaana ibiddaatii fi dhagaa bobayuutitti gatame. Baraa haga bara baraa halkanii fi guyyaa rakkatan.


Worri kun gara adabbii bara baraa, qajeellonni ammo gara jireenna bara baraa galan» jedhe.


Hennaa san worra bitaa irra jiraniin ammoo, ‹Isin worra abaarame na biraa fagaadhaa'a; gara ibidda bara baraa ka seexanaa fi ergamtoota isaatiif qophaayeetitti deemaa'a! isaaniin jedhe.


Hennaa isiin gubattu Aara isi'ii arganii, «Qachaan qachaa guddittii san fakkaatu eessa jira?» jedha'aa iyyan.


Maleekkaan sadaffa'allee laagaa gudda'aan akkana jedha'aa isaan faanaa deeme, «Ka bineensaa fi fakii isaatii sagadu yookiin kallacha ufii yookiin harka ufii irratti ka malkata isaa godhatu eennullee yoo jiraate,


Maleekkaan torbaffa'aa xurumbaa afuufe. Sami'itti, «Mootummaan adunya'aallee ta Gooftaa keennaa Kiristoosiiti. Inni baraa haga bara baraa mooya» laagaan guddaan jedhu dhagayame.


«Amiin! eebbii, ulfinni, ogummaan, galanni, jajamuun, hunninii fi jajjabeennillee baraa haga bara baraa Waaqa keennaaf haata'u! Amiin!» jedhan.


Waan ilma ufii ammoo, «Waaqa kiyya, teessoon kee haga bara baraa jiraata; uleen jeennata keetii ulee nagayaa ti.


Amma achi hin halkanaawu. Waandhi Gooftaan waan isaanii ibsuuf ifaa fi ifti adu'uullee isaan hin barbaachisu; baraa haga bara baraa hin mooyan.


Inni maqaa bineensa duraatiin baallii guutu'uun hojjata'aara. Laftinii fi worri lafarra jiran maruu, bineensa duraa ka madaa ajeeftu irraa fayyee, akka sagadaniif godha.


Isin dadhabdoonni worri ba'aan keessan isinitti ulfaate maruu gara kiyya koottaa'a. Ani hara isin baafachiisa.


Hennaa fakiin bineensaa qaaqu, fakii bineensaatii worra hin saganne maraa ajjeesisu'uun fakii bineensaatii hafuurri akka kennamuuf taasifame.


Maqaa bineensaa yookiin Malkata laakkofsa maqaa isaa ka hin qabne eennullee bituu yookiin gurguruu akka hin dandeenne godha.


«Mootonni adunyaa tanaa ka isii woliin seebaraniif isii woliin boonan, aara hennaa isiin gubbattu aaru arganii waan isi'iitiif banne banne jedha'aa booyan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite