Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 14:10 - WAADAA LAMMATAA

10 Inni daadhii woyini'ii ta lola Rabbii hin dhuga. Daadhiin woyini'ii sun uduu hin makamin mijuu lola Rabbiititti makamteerti. Woyyootaa fi afoo hoolaa Rabbiititti ibiddaa fi ibiddaa dhaga'aatiin gatii argata.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

10 Daadhii woyiinni'ii ka dheekkamissa Waaqaa ni dhugan, daadhiin woyiinni'ii kun'llee uduu hin makamin duloo dheekkamissa isaa titti ka buufame, akkuma kana maleyikkoota Qulqullaawota duranattii fi Hoolicha duranatti, ibiddaa fi dinni'iin ni makkaraaran.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

10 Inni daadhii woyini'ii ta lola Rabbii hin dhuga. Daadhiin woyini'ii sun uduu hin makamin mijuu lola Rabbiititti makamteerti. Woyyootaa fi afoo hoolaa Rabbiititti ibiddaa fi ibidda dhaga'aatiin gatii argata.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 14:10
45 Referans Kwoze  

Qachattiin guddoon bakka sadihitti qoodamte. Qachaan worra Yihuudii hin taanee hin kufan. Baabiloonii guddoon daadhii woyini'ii ta lolaa jabduu akka isi'ii kennamuuf Rabbiin afo'otti yaadatamte.


Daabiloosiin isaan dogoggorse sun hulee, gara busaaya'aa fi raanni sobaa jiran gara galaana ibiddaatii fi dhagaa bobayuutitti gatame. Baraa haga bara baraa halkanii fi guyyaa rakkatan.


Bineensillee hin qabame worri isa afo'otti maalalee godha'aa malkata bineensaa worri fudhatan, worra fakii isaatii sagadan ka dogoggorse raanni sobaa isa woliin qabame; lamaanuu uduu lubbu'uun jiran gara ibidda dhagaa bobayuu gara galaana ibiddaa darbaman.


Haguma isiin kenniteen gatii isi'ii deebisaaf, Akkuma hujii isi'iitiin; dachaa lamaa godha'aatii mijuu isiin wolitti matte dachaa lamaa godha'aatii bulbulaa'a!


Haata'uu ammoo worri sodaatu ka hin amanne, worri battaaye, ka lubbuu ajjeese, worra adaba hin qabne, worra asmaa hojjatu, worra waaqa tolfamaa kaddaaman, sobduun marti hireen isaanii dhagaa ibiddaatii fi galaana bobayu, kunillee du'a lamaffa'aati.


Hennaa san worra bitaa irra jiraniin ammoo, ‹Isin worra abaarame na biraa fagaadhaa'a; gara ibidda bara baraa ka seexanaa fi ergamtoota isaatiif qophaayeetitti deemaa'a! isaaniin jedhe.


Akkasuma Soodomii fi Gomooraan qachoota naannoo isaanii aadaa uumamaan ala ta'e, gara hujii seebaruma'aa nafa ufii dabarsanii kennaniiran. Isaanillee ibidda bara baraatiin adabama'aa worra rakkataniif fakeenna ta'aniiran.


Worri Yihuudii hin taane maruu daadhii woyini'ii, sababaa seebaruu isi'iitiif kufaniiran mootonni biyya lafaa isii woliin seebaran; daldaltoonni biyya lafaa sababaa hunna qananii isi'iitiin, dureeyyii ta'an» jedhee iyye.


Diqqoo isaan irraa siiqee, kallachaan gad kufee, «Abbaa kiyya, yoo danda'ame, mijuun rakkinnaa tun narra haa luftuu; haata'uu ammoo akka fedha keetii malee, akka fedha kiyyaa hin ta'in» jedhe.


Yesuus ammo deebisee, «Isin waan kadhattan hin beettan. Mijuu rakko'oo ta ani dhugu'uuf ta'u dhuguu, cuuphama ani cuuphamu'uuf ta'u cuuphamuu dandeettuu?» jedhe. Isaanillee, «Ee hin dandeenna.» jedhaniin.


Namni kamuu dhaloota seebaruu fi cubbamaa kana keessatti, naa fi dubbii kiyyatti yoo saalfate, Ilmi namaa ulfinna Abbaa ufiitii fi maleekkota Woyyuu woliin hennaa dhufu isatti saalfata» jedhe.


Isaanillee deebisanii, «Nu ajajaa dhibbaa ka Qorneelewoos jedhamu biraa dhufne; inni qajeela'aa fi nama Rabbiinillee sodaatu ka Yihuudota maraa biratti kabajjama'aa fi ka maqaa mishaa qabu; inni gara mana ufii si waamsisee, waan ati jettu akka dhagayu, maleekkaan woyyuun isatti dubbate» jedhanii deebisaniif.


Busaayaa arfan keessaa tokko baraa haga bara baraa ka jiraatu xuwwee worqi'ii torban ka lola Rabbiitiin guuttame Maleekkaa torbatti kenne.


Guraadee qaramaa worra Yihuudota hin taane ittiin dhayutu afaan isaa keessaa baya, innillee ulee sibiilaatiin isaan bulcha. Innillee daadhii woyini'ii ta lola hamaa Rabbii waa maraa danda'u itti cuunfatu san dhidhiita.


Duutiinii fi asaabnillee galaana ibiddaatitti gataman. Galaanni ibiddaa kunillee du'a lammaffa'aati.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite