Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 13:15 - WAADAA LAMMATAA

15 Hennaa fakiin bineensaa qaaqu, fakii bineensaatii worra hin saganne maraa ajjeesisu'uun fakii bineensaatii hafuurri akka kennamuuf taasifame.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

15 Bineenssi lammaffaa bineenssa jalqabaatiif suuraa hafuura jireennaa isaa kennu'uuf aangoon ni kennameef, hafuura jireennaa kennu'uuf aangoon ka kennameef'llee, suuraan isaa dubbachu'uuf akka dandda'uu fi isaaf worri hin sagadinne marri'llee akka ajjeefaman akka taasisuuf.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

15 Hennaa fakiin bineensaa qaaqu, worra fakii bineensaatii hin saganne maraa ajjeesisu'uun fakii bineensaatii hafuurri akka kennamuuf taasifame.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 13:15
25 Referans Kwoze  

Teessoollee hin arge. Worra isarra taa'anii baalliin kennameef waan ragaa Yesuusiitiif waan dubbii Rabbiitiif namoota mataan isaanii irraa murame, worra bineensaaf fakii isaatii hin saganne worra malkata kallacha isaaniitiif harka isaanii irratti hin godhanne arge. Kiristoosiin woliinillee woggaa kumaa mooyanii jiraatan.


Bineensillee hin qabame worri isa afo'otti maalalee godha'aa malkata bineensaa worri fudhatan, worra fakii isaatii sagadan ka dogoggorse raanni sobaa isa woliin qabame; lamaanuu uduu lubbu'uun jiran gara ibidda dhagaa bobayuu gara galaana ibiddaa darbaman.


Maleekkaan duraa dhaqeeti mijuu xuwwe'ee lafa keessatti jisse; worri malkanni bineensaa irra jiruuf namoota fakii isaatii sagadan, madaa nafa isaanii nyaatutu isaanitti baye.


«Sami'ii, woyyoota, ergamtootaa fi raattota isi'itti gammadaa'a! Rabbi waan isinii murteesseeruuf»


Intalti dhiiga woyyootaatii fi dhiiga worra Kiristoosiin ragaa bayaniin machoofte arge; hennaa isii arge guddisee maalalfadhe.


Aarri rakkinna isaaniillee baraa haga bara baraatitti baya. Worri bineensaa fi fakii isaatii sagadan, worri malkata maqaa isaallee fudhatan maruu, halkanii guyyaa hara hin baafatan» jedhe.


Maleekkaan sadaffa'allee laagaa gudda'aan akkana jedha'aa isaan faanaa deeme, «Ka bineensaa fi fakii isaatii sagadu yookiin kallacha ufii yookiin harka ufii irratti ka malkata isaa godhatu eennullee yoo jiraate,


Malkata gugurdaa afoo bineensaatitti ta'u saniin worra lafa irra jiraatan hin dogoggorsa. Ka madaa guraade'ee qabuuf, worra lubbu'uun jiraatan fakii bineensa sanii akka godhatan worra lafa jiraatanitti dubbata.


Isii keessa dhiinni raattotaatii fi woyyootaa, dhiinni worra lafarratti goorra'amee maruu, isii keessatti argameera.»


Rabbi yaada Isaa akka godhan yaada tokko akka qabaatan, haga jechi Rabbii raawwatamutti, mootummaa isaanii akka bineensa sanii kennaan onnee isaanii keessa waan bulcheef.


Kunniin hoola'aan lolan, hoolaan sun Gooftaa Gooftotaatii fi mootii mootootaa waan ta'eef, isaan mooyata worri isa woliin jiran worri waamamanii fi worri filataman akkasuma worri amanaman hin mooyatan.»


Maleekkaan bisaanillee, «Gooftaa jirtuuf ka turte, woyyuu akka kana waan murteessiteef, ati qajeela'a;


Akkuma foon lubbuu irraa baye ka du'e ta'e, akkasuma ammoo amantaan huji'iin adda fooyame ka du'e.


Bineensi tokkollee uduu galaana keessaa bayu arge. Gaafa kudhanii fi mataa torba qaba. Gaafa isaa irra qoobii kudhanii fi mataa isaa torban irraa maqaa arrabaatitu jira.


Inni maqaa bineensa duraatiin baallii guutu'uun hojjata'aara. Laftinii fi worri lafarra jiran maruu, bineensa duraa ka madaa ajeeftu irraa fayyee, akka sagadaniif godha.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite