Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 12:9 - WAADAA LAMMATAA

9 Ka adunyaa maraa dogoggorsu, daabiloos yookiin ka seexana jedhamu, Jawween guddaan innillee bofni duraa sun gad-gara lafaa darbame. Maleekkonnillee isaan wol lolan.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

9 Xaraan ol aanaan'llee gara gadii ni gatame, inni'llee arddii mara ka dogoggorssiisu daabiloos yookiin sheexana jedhamee ka waamamu, bofa duraaniiti. Inni gara arddi'ii gadi ni gatame, maleyikkoonni isaa'llee isa woliin gadi ni gataman.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

9 Ka adunyaa maraa dogoggorsu, daabiloos yookaan ka seexana jedhamu, Jawween guddaan innillee bofni duraa sun gad gara lafaa darbame. Maleekkonnillee isaan wol lolan.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 12:9
68 Referans Kwoze  

Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Seexanni akka bakakka'aatitti hennaa sami'ii gadi bu'u arge.


Murtiin adunyaa tanaa amma gayeera, amma bulchaan adunyaa tanaa gara alaa gatama.


Daabiloosiin isaan dogoggorse sun hulee, gara busaaya'aa fi raanni sobaa jiran gara galaana ibiddaatii fi dhagaa bobayuutitti gatame. Baraa haga bara baraa halkanii fi guyyaa rakkatan.


Nu ijoollee Rabbii akka taaneef, adunyaan martuu hunna hamaa san jala akka jirtu hin beenna.


Isaaniifillee ka fakkeenna Rabbii ta'e, ifni ulfinna Oduu Nagayaa ka Kiristoosii akka isaanii hin ifine, waaqa adunyaa tanaa ka ta'e seexannii qalbii worra hin amannee jaamse.


Samii irratti lolli ka'e. Mikaa'elii fi Jawween wol lolan, Jawweenillee Maleekkota woliin wol lole, garuu isaan hin dandenne.


Isin ka daabiloosii abbaa keessaniiti. Hawwii abbaa keessanii hojjatuu feetan inni jalqabumaa kaasee lubbuu balleessa. Dhugaan waan isa bira hin jirreef dhuga'aan hin dhaabbanne, soballee yoo dubbatu ufuma irraa dubbata. Sobaa abbaa sobaa waan ta'eef.


Worri Yihuudii hin taane gosa Gogii fi Magoogiin dogoggorsu'uuf kallattii lafaa arfanii bayan. Laakkofsi isaanii akka xindhacha qarqara galaanaati.


Malkanni biraallee sami'itti mudhate. Jawween guddaan diimaan, mataa torbaa fi gaafa kudhan qaba. Mataa isa irraa qoobii torbatu jira.


Maleekkaan shanaffa'aallee xurumbaa afuufee urjii samii gara lafaa darbame arge. Furtuun ashuutellee hin kennameef.


«Isin worra Tiyaaxiroon keessatti barumsa isi'ii hin hordofneef worra, ‹Dhossaa guddaa seexanaa› jedhamuu uduu hin baranne haftaniin ammoo akkana jedha, ba'aa biraa isinitti hin fe'u;


«Hulee teessoon mootummaan seexanaa jiru akka jirtu ani hin beeka. Maqaa kiyyaallee hin eedda bara Antiphaas amanamaan ragaa kiyyaa isin biratti ajjeefame ati amantaa narraa qabdu hin waakkanne.


Diinni keessan daabiloos akka Leenca waan nyaatu soqa'aa asii achi naannaya'aa aaduu waan ta'eef, hagatti jiraadhaa'a, dammaqaa'a.


Kunillee waan nama maalalchiisuu miti. Seexanni mataan isaa Maleekkaa ifaa fakkaatu'uuf waan uf jijjiiruuf


Seexanaan akka hin sobamne, nu yaada isaa waan hin dogoggorreef.


Worri akkana jiran kunniin garaa isaaniitiif malee, Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiif waan hin bitamneef. Waan misha'aaf dubbii sheele'eetiin qalbii namoota dhara hin qabnee soban.


Dukkanaa gara ifaa, baallii seexanaa keessaa gara Rabbii akka deebi'an ija isaanii akka bantuuf banii itti si ergu worra Yihuudota hin taane jalaallee si oolcha.›


Gooftaanillee, «Simoon, Simoon, kunoo, seexanni akka qamadi'ii isin gingilchu'uuf na kadhate.


Haata'u ammoo akkuma bofin dharaan Hawwaa dogoggorse, yaanni keessan badee maal laataa qajeellumma'aa fi qulqullinni Kiristoosiif ta'u akka hin jijjiiramne sodaadha.


Seexannillee darasoota kudha lamaa keessaa Yihuudaa nama biyya Asqorotu'uu jedhamutti gale.


Sanyiin karaa qace'etti bu'e sun namoota dubbii Rabbii dhagayanii akka isaan amananii hin fayyineef daabiloos dhufee dubbii san onnee isaanii keessaa fudhata.


Hennaa san worra bitaa irra jiraniin ammoo, ‹Isin worra abaarame na biraa fagaadhaa'a; gara ibidda bara baraa ka seexanaa fi ergamtoota isaatiif qophaayeetitti deemaa'a! isaaniin jedhe.


Hennaa san Yesuus, «Ati seexana, narraa fagaadhu! kitaaba Woyyuu keessatti, ‹Waaqa Gooftaa keetii sagadi, isuma callaa kaddaami› jedhamee barreeffameera» jedheen.


Ammallee daabiloos gara gaara dheeraa tokko gubba'atti ol isa baasee, Mootoolee biyya lafaatii fi ulfinna isaanillee itti mudhiseeti,


Achiin maayessa daabiloos Yesuusiin gara qachaa woyyitti'ii fidee, Ginnoo mana woyyuu gubbaa irra akka dhaabatu godhe.


Achiin maayessa akka Yesuus daabiloosiin ataabamu, Ayyaanni Woyyuun gara gammooji'ii isa fide.


Bineensillee hin qabame worri isa afo'otti maalalee godha'aa malkata bineensaa worri fudhatan, worra fakii isaatii sagadan ka dogoggorse raanni sobaa isa woliin qabame; lamaanuu uduu lubbu'uun jiran gara ibidda dhagaa bobayuu gara galaana ibiddaa darbaman.


Waan ayyaana jinni'ii ta'aniif malkata godha'aa guyyaa lola guddaa Rabbii waa maraa bulchuutiif wolitti qabu'uuf gara mootota adunyaa maraa dhaqan.


Malkata gugurdaa afoo bineensaatitti ta'u saniin worra lafa irra jiraatan hin dogoggorsa. Ka madaa guraade'ee qabuuf, worra lubbu'uun jiraatan fakii bineensa sanii akka godhatan worra lafa jiraatanitti dubbata.


Balaa kanaan ka hin ajjeefamne namoonni hafan jinnii arganii yookiin dhagayanii yookiin deemuu dadhabanii, worqii, birrii, waan akka sibiilaa, dhaga'aa fi muka irraallee waaqa tolfamaa hojjatamanii akka hin saganne, waan hujii harka isaaniitiifillee aagii hin galle.


Worri Yihuudota uduu hin taane nu Yihuudota jedha'aa soban, worri woldaa seexanaa ta'an gara kee dhufanii luka kee jalatti akka sagadaniif akka isaan akka ani si jaaladhu beekan taasisa.


Rakkinna keetiif hiyyummaa kee hin beeka. Haata'uu ammoo ati dureessa, arraba worra uduu Yihuudii hin taane nu Yihuudi'i ufiin jedhan san hin beeka isaan woldaa seexanaati.


Mikaa'el bulchaan Maleekkotaa ammoo hennaa waan reeffa Muuse'eetiif daabiloosiin wol morme, «Gooftaan si haa teeddeeffatu» jedheen malee, dubbii arrabaa dubbatuu hin uggine.


Eegannaa ijoolleen isaa worra foonii fi dhiiga qaban waan ta'aniif, innillee akkasuma ka du'a irratti baallii qabu daabiloosiin akka diigu, worra jireenna isaanii maraan waan sodaa du'aatiif garbumma'aa jalatti hidhaman maraa bilisa baasu'uuf akkuma isaanii nama ta'e.


Haata'uu ammoo namoonni hammeeyyiinii fi sobduun worri dogoggoranii dogoggorsan, waan hammeennaatitti jabaata'aa deeman.


Ka sobamellee Aadamii miti, dubartitiin ammoo sobamtee Rabbiin yakku'uun kufte.


Eennullee karaa kamiin isin hin dogoggorsin, uduu ganuun firrisee hin dhufne namni mitaa, innillee ilmi badi'ii uduu hin mudhanne guyyaan sun hin dhufu.


Akka dogoggora soba fakkeessuu, sababaa soba namootaatiin qilleensa barumsa sobaa maraan asii fi achi daddarbama'aa asii fi achi rarra'a'aa ammaa achi daa'imman ta'uun nuuf hin ta'u.


Kanaaf guddinna manaabaatiin akka hin boonne, ergamaa seexanaa ka foon kiyya qucutu naa kenname. Kunillee akka ani uf hin janyeef.


Waandhi nagayaa seexana luka keessan jalatti gadi dhaya. Badhaanni Gooftaa keena Yesuus Kiristoosii isin woliin haata'u.


Pheexroosillee, «Hannaaniyaa kiyya! Ayyaana Woyyuu sobdee waan lafa itti gurgurte keessaa akka hambifatu seexanni maaf garaa kee keessa guute?


Waan murti'iitiif ammo bulchaa adunyaa tanaatitti duraanuu murteefameera.


Ammaa achi isin woliin waan heddu hin qaaqu, bulchaan adunyaa tanaa waan dhufuuf, inni na irraa waan tokko hin qabu.


Intalti tun Fiixaa Abrahaamii taatee woggaa kudha saddeetiif ta jinniin hidhe guyyaa Sambataatiin hidhaa kana keessaa hiikkamuun isii hin barbaachisuu ree?» jedheen.


Isin keessaa namoonni gari gariin, worra nu Kiristoos ufiin jedhanii fi raattota dharaa ta'an. Uduu isaanii danda'amee, worra Rabbiif filatame dogoggorsu'uuf malkata gugurda'aa fi baasa hujan.


Sinaanni sun ammoo ijoollee hammeeyyi'ii ti. Diinni sinaana facaase daabiloos. Haamaan dhuma biyya lafaa ti; worri haamu maleekkota Rabbiiti.


Laagaa gudda'aan, «Baabilooniin guddittiin kufte! kufte! hulee jinniin jiraatu taate, hulee ayyaanni baatti'ii marti itti irkatan ayyaanoonni hamaaniif ka simbirroonni jibbaman maruu itti irkatan taate.


Ifti ibsa'aallee, ammaa achi si keessatti sirima hin ifu; Laagaan idaayya'aatiif idaayiitti'ii ammaa achi si keessatti sirima hin dhagayamu. Daldaltoonni teellee'e, bulchoota adunyaa tanaa waan ta'aniif, asmaa keetiin worri Yihuudii hin taane maruu, waan dogoggoraniiraniif.


Achiin maayessa sami'itti hulee dhaban.


Kanaafuu isin worri sami'ii fi samii keessa jirtan gammadaa'a, lafaa fi galaana isaan hobbaasi, daabiloos akka barri hagoon hafe beekee, aarii gudda'aan gara keessan waan bu'eeruuf.»


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite