Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 12:7 - WAADAA LAMMATAA

7 Samii irratti lolli ka'e. Mikaa'elii fi Jawween wol lolan, Jawweenillee Maleekkota woliin wol lole, garuu isaan hin dandenne.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

7 Sami'itti'llee woraanni ni ka'e, Mikaa'elii fi maleyikkoonni isaa xara'aan woliin wol ni woraanan, xara'aa fi maleyikkoonni'llee deebisanii wol ni woraanan. Maleyikkoota isaa woliin'llee wol ni woraanan,

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

7 Samii irratti lolli ka'e. Mikaa'elii fi Jawween wol lolan, Jawweenillee Maleekkota woliin wol lole; garuu isaan hin dandeenne.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 12:7
23 Referans Kwoze  

Mikaa'el bulchaan Maleekkotaa ammoo hennaa waan reeffa Muuse'eetiif daabiloosiin wol morme, «Gooftaan si haa teeddeeffatu» jedheen malee, dubbii arrabaa dubbatuu hin uggine.


Rabbi Maaleekkota cubbuu hojjatan uduu garaa isaanii hin laafne, boolla dukkanaayaa keessatti akka murtii eeggatan dabarsee eega kenne,


Wondhaansi keenna dhiigaa fi foon woliin waan hin taaneef, bulchoota, worra baallii qaban, bulchoota abbaa dukkanaa ka adunyaa tanaa, worra samii keessa jiran loltoota ayyaana hammeeyyi'ii woliin.


Bofa duraa, Jawwee, inni ka daabiloosii fi seexana jedhame qabee,


Ka adunyaa maraa dogoggorsu, daabiloos yookiin ka seexana jedhamu, Jawween guddaan innillee bofni duraa sun gad-gara lafaa darbame. Maleekkonnillee isaan wol lolan.


Kanaaf guddinna manaabaatiin akka hin boonne, ergamaa seexanaa ka foon kiyya qucutu naa kenname. Kunillee akka ani uf hin janyeef.


Woyyoota worrane mooyachuu gosaa fi firoota banii afaan gara garaa dubbatan maraa irratti baalliin kennameef.


Ilmi namaa maleekkota ufii woliin ulfinna Abbaa ufiitiin hin dhufa, achiin maayessa maraafuu akka hujii isaatitti gatii isaa hin kennaaf.


Ilmi Namaa maleekkota ufii hin erga. Isaanillee worra cubbu'uuf sababa ta'aniif worra hammeeyyii ta'an maraa jeennata isaa keessaa wolitti qaban.


Ani Abbaa kiyya uduu gaafadhee, Inni ammoo ammuma maleekkota loltuu kudha lamaa caalan waan naa erguu hin dandeenne si fakkaataa?


Hennaa san worra bitaa irra jiraniin ammoo, ‹Isin worra abaarame na biraa fagaadhaa'a; gara ibidda bara baraa ka seexanaa fi ergamtoota isaatiif qophaayeetitti deemaa'a! isaaniin jedhe.


Inni Maleekkota ufii laagaa xurumbaa guddaa woliin hin erga. Isaanillee qaccee samiiwwaniitii haga qaccee samiiwwanii, daangaa lafaatii haga daangaa lafaa worra isaaf filatame wolitti qaban.»


Ijoollee hedduu gara ulfinnaa yoo fidu hundee fayyinna isaanii rakkinnaan raawwatu'uuf sababaa isaatiin maruu issumaan ta'e; maruu issumaaf ta'e.


Achiin maayessa sami'itti hulee dhaban.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite