Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 12:1 - WAADAA LAMMATAA

1 Malkanni guddaan sami'itti mudhate. Dubartiin aduu uffate ta addeessa luka isi'ii jalaa qabdu urjii kudha lamaa mataa ufii irratti gonfatte fakkaattu takkatu jira.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

1 Kanaan duubatti ol aana'aa fi malakanni dinqisiisaan sami'itti ni muldhate, aduu ta uffatte, ji'a miila isi'ii jalaan ta taasfatte, urjjiiwwan kudha lamaa akka gonfataa mataa isi'ii irratti ta godhatte, dubarttiin takka ni muldhatte.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

1 Malkanni guddaan sami'itti mudhate. Intalattiin aduu uffatte ta addeessa luka isi'ii jalaa qabdu urjii kudha lamaa mataa ufii irratti gonfatte fakkaattu takkatu jira.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 12:1
35 Referans Kwoze  

Aduu, ji'aa fi Urjii irratti, «Malkatatu ta'a. Lafa irrattillee worri Yihuudota hin taanee galaanaa fi laagaa haboonbolatti'iitiin mama'aati dhidhiphatan.


Kun dhossaa gudda'aa, ani ammoo kana waan Kiristoosiitiif waan woldaa Kiristaanaatiif jedha.


Urjiinillee samii irraa hin harcaati hunniti Sami'iillee hin raafaman.


Raafamni lafaa guddaaniif, beelli, dhibeen hulee adda addaatitti hin ta'a. Wonti nama sodaachisu malkanni guddaanillee samii irraa hin mudhata.


Qachatti sanii waan ulfinni Rabbii isi'ii ifuuf ibsoon isi'ii hoolaa waan ta'eef, ifni adu'uutii fi addeessaa isii hin barbaachisu.


Malkataa fi maalalee guddaa biraallee Sami'itti arge. Lolli Rabbii waan isaan irratti raawwatamuuf. Maleekkonni torbaa ka balaa dhumaa torba harkatti qabatan mudhatan.


Malkanni biraallee sami'itti mudhate. Jawween guddaan diimaan, mataa torbaa fi gaafa kudhan qaba. Mataa isa irraa qoobii torbatu jira.


Manni woyyuu Rabbii ka samii jiru baname; «Saanduundhi waada'aallee» mana woyyu'uu keessatti mudhate, laagaa, bakakkaa, gigissaa, sochii lafaatii fi baradaan guddaan uumame.


Ol samii gubba'atti baasa, ardii irratti malkata godha. Dhiigaa fi ibiddi, hurriin aaraallee hin ta'a.


Achiin maayessa malkanni Ilma namaa samii gubba'atti hin mudhata, hennaa san gofti biyya lafaa maruu banne, banne jedhan. Ilmi Namaa duumessa sami'iitiin hunnaa fi ulfinna gudda'aan yoo dhufu hin argan.


Fannoo Gooftaa keennaa Yesuus Kiristoosii akka adunyaan ittiin naa fannifamte, ka anillee ittiin adunya'aaf fannifame saniif malee, waan biraatiin uf jajuun narraa haa fagaatu.


Achiin maayessa barsiisonni Seera Muuse'eetii fi Fariisonni gariin, «Barsiisaa'a! Nu akka ati malkata nutti mudhiftu barbaanna» jedhaniin.


Dalloofni qachatti'ii bu'uura kudha lamaa irratti isaan keessaallee maqaan kudha lamaan ergamtoota hoolaa Rabbii irratti barreffameera.


Hiikkaan dhossaa urjii torbaatiif baattuu Worqi'ii ka harka kiyya ka mirgaa irratti argite kana. Urjiin torban Maleekkaa woldaa Kiristaana torbaati. Baattuun Worqii torbanii tokkummaa woldoota Kiristaana torbaati.


Kiristoosiin woliin tokko ta'u'uuf worri cuuphamtan maruu Kiristoosiin uffattaniirtan.


Hinaaffaa Rabbiitiin isinii hinaafa'aa akka durba qulqullittii duuda'aatitti Kiristoosiif isin dhiyeessu'uuf dhiira tokkoof isin qaadhimeera.


Innillee ka worra itti amanan maraa qajeellummaa Rabbii ka Yesuus Kiristoosiititti amanu'uun argamu.


Ka idaayyittiin jette inni Idaayya'a. Jaalli dhaabatee dhagayu ammoo laagaa Idaayyichaatitti guddisee gammada. Eeganaa gammachuun kiyya raawwatame.


Haata'uu ammoo Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin uffadhaa'a; akka fedha ufii hin raawwanne, fooniif hin yaadinaa'a.


Yerusaalemiin ol gubba'aa ammoo ta bilisuma'aan jiraata'aartu, isiinillee haadha teenna.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite