Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 11:2 - WAADAA LAMMATAA

2 Ka mana woyyu'uutiin ala jiru hin bikkin; worra Yihuudota hin taanee kennameeraa dhiisi; isaanillee ji'a afurtamii lamaaf qachaa woyyittii irra ejjatan.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

2 Mana Waaqeffanna'aatiin ala ka jiru bakka duwwaa garuu dhiis, inni ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneef ka kenname waan ta'eef hin bikkin, ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne'llee magaalaa Qulqullittii, ji'oota afurtamii lamaaf ni dhitaniin,

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

2 Ka mana woyyu'uutiin ala jiru hin bikkin; worra Yihuudota hin taanee kennameeraa dhiisi; isaanillee ji'a afurtamii lamaa fi qachaa woyyittii irra ejjatan.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 11:2
32 Referans Kwoze  

Dubartittiin guyyaa kuma tokkoo fi jahatamaa achitti akka isii sooran gara hulee, Rabbi qopheesseefii gara gammoojji'ii dheessite.


Isaan qara guraade'eetiin du'an, kuuwwan ammoo marti isaaniituu hin booji'aman; worra Yihuudota hin taaneen fudhataman. Haga barri namoota Yihuudota hin taanee dhumutti Yerusaaleem ta namoonni Yihuudota hin taanee irra deddeemu taati.»


Raattota kiyya lamaanii fi uffata gaddaa uffatee guyyaa kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi jahaatamaa akka raaga dubbatan hunna isaanii kenna.


Qachaatiin woyyittiin haarofti Yeruusaalem akka idaayyaa abbaa manaatiif qandhaftee qophooftee Rabbiin biraa hennaa sami'ii buutu arge.


Eennullee dubbii kitaaba raagaa kana keessaa yoo hanqise, hiree isaa muka jireennaa ka kitaaba kanatti barreeffamee, qachattii woyyittii Rabbii keessaa jalaa hanqisa.


Du'aa ka'insaan maayessa awwaallan keessaa bayanii, heddu isaanii gara qachaa woyyiti'ii galanii, namoota heddutti mudhatan.


Isin akka sooqidda lafaa ti. Sooqiddi mi'aa sooqiddummaa ufii yoo dhabe, maali'iin mi'aaya? Gara diidaa gatamee namoonni irra deeman malee, womaafuu bu'aa hin qabu.


Achiin maayessa daabiloos Yesuusiin gara qachaa woyyitti'ii fidee, Ginnoo mana woyyuu gubbaa irra akka dhaabatu godhe.


Guyyaa sadihii fi wodhakka'aan maayii hafuurri jireennaa Rabbiin biraa bayee isaanitti deebi'ee luka isaaniitiin dhaabatan. Sodaan guddaan worra isaan laalan irratti bu'e.


Namni Ilma Rabbii tuffate, waadaa dhiiga ittiin qulqullaaye san ka akka batti'iititti laakkaye, ka Ayyaana badhaadhaa arrabse adabbiin maraa caalu isa irratti waan hin taane seetanii?


Ayyaanaan gara gaara guddaa dheera'aa na fide. Hennaa qachaan guddoon woyyittiin Yeruusaalemii ulfinni Rabbii keessa jiru sami'ii Rabbiin biraa buutu natti mudhise. Ifti isi'iillee akka dhagaa guddaa ulfaata'a akka Iyaasiphiidii ta'e akka birrii qulqullayeeti.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite