Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 11:19 - WAADAA LAMMATAA

19 Manni woyyuu Rabbii ka samii jiru baname; «Saanduundhi waada'aallee» mana woyyu'uu keessatti mudhate, laagaa, bakakkaa, gigissaa, sochii lafaatii fi baradaan guddaan uumame.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

19 Samii ka jiru Manni Waaqaa ka waaqeffanna'aa'llee ni baname, taabonni isaa ka waada'aa'llee Mana Waaqeffanna'aa keessatti ni mulidhate. Bakakkaa, qoonqqa manddiisu'uu, sochii arddi'iitii fi baradaan ol aanaan'llee ni ta'e.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

19 Manni woyyuu Rabbii ka samii jiru baname; «Saanduundhi waada'aallee» mana woyyu'uu keessatti mudhate; laagaa, bakakkaa, gigissaa, sochii lafaatii fi baradaan guddaan uumame.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 11:19
33 Referans Kwoze  

Baradaan guddaan madaalaan taalentii tokko ta'u Samii irraa namoota irratti bu'e, namoonnillee sababaa balaa barada'aatiin Rabbiin arrabsan, balaan guddisee guddaa waan ta'eef.


Teessoo san keessaa laagaa bakakka'aatii fi gigissa'aatitu baya. Teessoo isaa afoo ifaa ibiddaa torbatu ifa'aa ture. Isaanillee Ayyaannan Rabbii torban.


Maleekkaan girgiraa qabatee ibidda hulee ciinca'aatii itti guuteeti gara lafaa gadi darbe; laagaan gigissa'aatiif bakakka'aa dhagayamee laftillee hin sochoote.


Samii baname arge, kunoo ka farda guddaa ol fagaatu irra taa'e, «Amanama'aa fi ka dhuga'aati» jedhama. Qajeellumma'aan murteessa, hin lolalle'e.


Maleekkaan torbaffa'aa xurumbaa afuufe. Sami'itti, «Mootummaan adunya'aallee ta Gooftaa keennaa Kiristoosiiti. Inni baraa haga bara baraa mooya» laagaan guddaan jedhu dhagayame.


Laagaan Bakakka'aatiif gigissaan dhagayamee lafti guddiftee sochoote. Haga namni lafarratti uumamee jalqabee sochiin akkanaa guddaan sirimaa ta'ee hin beeku. Kun maraa caale.


Sa'aatii san lafti guddiftee sochoote. Qachattiin kudhan keessaa harki tokko hin kufte. Sochii saniin namoonni kuma torbaa dhuman. Worri hafellee sodaatee Waaqa sami'itii ulfinna kennan.


Maleekkaan duraa xumbaa afuufe baradaa dhiigaan makameef ibiddatu uumame. Innillee gara lafaa darbame. Lafti harka sadi keessaa tokko hin gubatte. Munnillee harka sadi keessaa tokko hin gubate. Margi lalise maruu hin gubate.


Achiin maayii ani ol laalee samii keessatti balbala baname arge. Laagaa akka Xurumba'aatitti natti dubbatu dhagaye. Laagaan duraan dhagaye, «As bayi ani waan duranaa ta'u'uuf ta'u sitti mudhisaa» naan jedhe.


Kanaaf worri teessoo Rabbii afoo jiran halkanii fi guyyaa mana woyyuu keessatti isa kaddaaman. Ka teessoo irra taa'e, isaan keessa jiraata. Ammaa achi hin beelayan.


Malkanni guddaan sami'itti mudhate. Dubartiin aduu uffate ta addeessa luka isi'ii jalaa qabdu urjii kudha lamaa mataa ufii irratti gonfatte fakkaattu takkatu jira.


Maleekkaa torbaan laagaa guddaa dhaqa'aatii mijuu xuwwe'ee ka lola Rabbii lafa keessatti jissaa'a, jedhu mana woyyuu keessaa dhagaye.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite