Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 11:18 - WAADAA LAMMATAA

18 Worri Yihuudii hin taanellee hin lolan, atillee hin lolte; hennaan ati worra du'anitti murteessitullee dhufe. Barri ati garboota kee, raattotaaf woyyoota kee, worra maqaa kee sodaatan didiqqa'aaf gugurda'aa gatii isaanii kennitu, worra lafa balleessanillee balleessitu dhufe.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

18 Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne ni dallanan, dheekamssuun kee'llee ni dhufe, worri du'an yeroon murtii itti argatan'llee ni gaye, tajaajilttoota keetiif nabiyyoota keetii fi, qulqullaawota maqaa kee ka kabajaniif, maandhotaa fi hangafootaaf'llee, yeroo ati gatii isaanii itti kennitu ni gaye. arddii worra balleessan yeroon itti balleesitu, ni gaye.»

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

18 Worri Yihuudii hin taane hin lolan, atillee hin lolte; hennaan ati worra du'anitti murteessitullee dhufe. Barri ati garboota kee, ragootaa fi woyyoota kee, worra maqaa kee sodaatan didiqqa'aa fi gugurda'aa gatii isaanii kennitu, worra lafa balleessan balleessitu dhufe.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 11:18
48 Referans Kwoze  

Worra du'an, didiqqa'aa fi gugurdaa teessoo isaa afoo ka dhaabatan arge; kitaabbileen banaman, kitaabni biraallee baname; innillee kitaaba jireennaati, du'oonnillee akkuma kitaabota irratti barreeffame akkuma hujii isaaniitiin qoodaman.


Laagaan, «Garboonni maruu worri isa sodaatan didiqqaanii fi gugurdaan Waaqa keenna galateeffadhaa'a!» jedhu teessoo isaa biraa dhagayame.


Eennullee ka booji'amuu barbaadu yoo jiraate gara booju'uu deema. Eennullee ka guraade'een nama ajjeesu yoo jiraate, inni guraade'een haa ajjeefamuu. Obsinii fi amantaan woyyootaa kanaan.


«Ani dafee dhufa; isaan maraafuu akkuma hujii isaaniititti isaanii kennu'uuf gatiin isaanii na bira jirti.


Busaayaa arfan keessaa tokko baraa haga bara baraa ka jiraatu xuwwee worqi'ii torban ka lola Rabbiitiin guuttame Maleekkaa torbatti kenne.


Malkataa fi maalalee guddaa biraallee Sami'itti arge. Lolli Rabbii waan isaan irratti raawwatamuuf. Maleekkonni torbaa ka balaa dhumaa torba harkatti qabatan mudhatan.


Inni daadhii woyini'ii ta lola Rabbii hin dhuga. Daadhiin woyini'ii sun uduu hin makamin mijuu lola Rabbiititti makamteerti. Woyyootaa fi afoo hoolaa Rabbiititti ibiddaa fi ibiddaa dhaga'aatiin gatii argata.


Namootaaf harka tokko du'uun, achiin maayillee murtiin akka isaaniif murtaaye,


Dhiifamsi isaallee worra isa sodaataniif dhaloota irraa haga dhalootaa jiraata.


Isaan raattota isiniin duraatuu akkasuma ari'aa turan. Gatiin keessan samii gubba'atti guddaa waan ta'eef, gammadaa ililfadhaa'a» isaaniin jedhe.


Eennullee ka galmee jireennaatitti hin barreeffamne galaana ibiddaatitti gatame.


Haguma isiin kenniteen gatii isi'ii deebisaaf, Akkuma hujii isi'iitiin; dachaa lamaa godha'aatii mijuu isiin wolitti matte dachaa lamaa godha'aatii bulbulaa'a!


Ka mana woyyu'uutiin ala jiru hin bikkin; worra Yihuudota hin taanee kennameeraa dhiisi; isaanillee ji'a afurtamii lamaaf qachaa woyyittii irra ejjatan.


Guraadee qaramaa worra Yihuudota hin taane ittiin dhayutu afaan isaa keessaa baya, innillee ulee sibiilaatiin isaan bulcha. Innillee daadhii woyini'ii ta lola hamaa Rabbii waa maraa danda'u itti cuunfatu san dhidhiita.


Haata'uu ammoo Maleekkaan torbaffa'aa hennaa xurumbaa afuufu bara laagaan dhagayamu, garbootaa fi raattota lallaba gammachu'uu akka isaanii lallabeen dhossaan Rabbii hin raawwatama» jedhe.


Didiqqa'aa fi gugurdaan, dureeyyi'ii fi hiyyeeyyiin, gooftotaa fi garboonni maruu harka isaanii ka mirgaatitti yookiin kallacha isaanititti malkata godhatan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite