Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 11:17 - WAADAA LAMMATAA

17 Ka jirtuuf ka turte, ka maraa bulchitu, Rabbii Gooftaa keenna hunna guddaa waan qabduuf waan mooteef si galateeffanna.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

17 akkana'llee ni jedhan, «Ka jirttuu fi ka duraan turtte, Maraa ka dandeettu yaa Waaqa Gooftaa! aangoo kee guddaa harka kee keessa waan taasfittee fi waan mootomteef, si ni galateeffanna.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

17 Ka jirtuu fi ka turte, ka maraa bulchitu, Rabbii Gooftaa keenna hunna guddaa waan qabduuf, waan mooteef si galatoonfanna.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 11:17
27 Referans Kwoze  

Ka jiru, ka ture, ka dhufu, ka maraa danda'u Waandhi Gooftaan, «Alfa'aa fi Oomeegaan Ana» jedha.


Maleekkaan bisaanillee, «Gooftaa jirtuuf ka turte, woyyuu akka kana waan murteessiteef, ati qajeela'a;


Laagaa akka laagaa banii hedduu laagaa akka laagaa bisaan gudda'aa laagaa akka laagaa gigissaa gudda'aa jiru hennaa akkana jedhu dhagaye. «Hallee luyyaa! ka maraa bulchuu Waandhi Gooftaan keenna waan mooyeeruuf.


Woldoota Kiristaanaa torban biyya Isiya'aa keessa jiraniif, Rabbii dur ture, ka ammallee jiru, ka dhufu'uuf ta'uuf, Ayyaanota torban, teessoo jeennata isaa afoo jiran biraa, akkasuma Yesuus Kiristoos ragaa dhuga'aa amanamaa ka worra du'an keessaa hangafa ta'ee kaafameef, Yohaannisii bulchaa mootota lafa kanaa ta'e irraa badhaadhumma'aa fi nageenni isiniif haa ta'u. Ka nu jaalatee cubbuu keenna irraa dhiiga ufiitiin nu dhiqee bilisa nu baasee,


Samii baname arge, kunoo ka farda guddaa ol fagaatu irra taa'e, «Amanama'aa fi ka dhuga'aati» jedhama. Qajeellumma'aan murteessa, hin lolalle'e.


Waan kennaa irratti dhiyeessan keessaa, «Ee, Waaqa Gooftaa maraa bulchitu, murtiin kee dhuga'aa fi sirri'i» jedha'aa hennaa dubbatu dhagaye.


Waan ayyaana jinni'ii ta'aniif malkata godha'aa guyyaa lola guddaa Rabbii waa maraa bulchuutiif wolitti qabu'uuf gara mootota adunyaa maraa dhaqan.


«Waaqa Gooftaa maraa dandeettu, hujiin kee gudda'aa fi maalale'e, mootii worra Yihuudii hin taanee, karaan kee qajeella'aa fi ka dhuga'aati; Gooftaa ka si hin sodaanne; ka maqaa kee hin kabajjine eennu? waan ati callaan woyyuu taateef hujiin kee qajeellumma'aan waan mudhateef, worri Yihuudi hin taane maruu dhufanii, afoo keetitti sagadan» jedha'aa faaruu garbicha Rabbii ka Muuse'eetii fi faaruu hoolaa Rabbiitii faarfatan.


Maleekkaan torbaffa'aa xurumbaa afuufe. Sami'itti, «Mootummaan adunya'aallee ta Gooftaa keennaa Kiristoosiiti. Inni baraa haga bara baraa mooya» laagaan guddaan jedhu dhagayame.


Tajaajila ufiitiif na mudee amanamaa godhee waan na laakkayeef, Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii hunna naa kenne hin galateeffadha.


Hennaa san Yesuus gammachuu Ayyaana Woyyu'uutiin guuttamee, Abbaa Gooftaa ardi'ii fi sami'ii kana ogeeyyi'ii fi beettota jalaa dhossitee daa'immaniif waan ibsiteef si galateeffadha. Ee Abbaa fedhiin kee afoo keetitti akkana waan ta'eef.


Hennaa san Yesuus deebisee akkana jedhe, Abbaa kiyya Gooftaa Sami'iitii fi Ardii kanaa waan maraa ogeeyyi'ii fi beettota jalaa dhossitee, daa'immanitti waan mudhifteef si galateeffadha.


Kennaa isaa ka hagana hin jedhamneef, Rabbiin galanni haa gawu.


Haata'uu ammoo karaa Kiristoosiitiin hennaa maraa mooyanna'aan ka asii fi achi nu naanessu ka nuun hulee marattuu urgaa beekkomsaa ibsuu, Waaqaa galanni haata'u.


Namoonillee dhagaa awwaalaa irraa kaasan, Yesuusillee ija ufii ol kaasee, «Abbaa kiyya waan na dhageetteef si galateeffadha.


Kanaafuu balaan hedduu, duutii, gaddinii fi beelli, guyyaa tokkoon isii irra hin gaya. Waandhi Gooftaan isi'itti murteessu jabaa waan ta'eef, ibiddaan gubatti.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite