Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 1:9 - WAADAA LAMMATAA

9 Ani Obboleessa keessan ka isin woliin rakkinna jennataa fi obsa Yesuus Kiristoosii qoodamu waan dubbii Rabbii tiif waan ragaa Yesuus Kiristoosiitiif lafa bisaaniin marfamte ta Fiximoo jedhamtu irra ture.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

9 Yesus Kristosiin ka rakkinna isaatii fi ka mootummaa isaa, akkuma kana qoodama obissa isaa'llee isin woliin ka ta'e, ani obboleessi keessan Yohaannis, dubbii Waaqaatii fi sababa ragummaa Yesusiitiin hidhamee, eddoolaa Phaaximoo jedhamttu irra ni ture,

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

9 Ani Obboleessa keessan ka isin woliin rakkinna jeennataa fi obsa Yesuus Kiristoosii qoodamu waan dubbii Rabbiitii fi waan ragaa Yesuus Kiristoosiitiif lafa bisaaniin marfamte ta Fiximoo jedhamtu irra ture.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 1:9
35 Referans Kwoze  

Ciniinnattee obsitee ajaja an sii kenne waan eeddeef anillee hennaa ataabee worra adunyaa tana irra jiraatan ataabu'uuf dhufu maraa jalaa si baasa.


Nageenni na'aan akka isinii ta'uuf kana isinitti himeera, biyya lafaa keessa hennaa jirtan hin rakkattan, haata'uu ammoo jabaadhaa'a! womaa mit ani biyya lafaa mooyadheera.»


Innillee dubbii Rabbiitiif waan Yesuus Kiristoosii waan arge maraa rage.


Eennullee ka booji'amuu barbaadu yoo jiraate gara booju'uu deema. Eennullee ka guraade'een nama ajjeesu yoo jiraate, inni guraade'een haa ajjeefamuu. Obsinii fi amantaan woyyootaa kanaan.


Ta'ullee hennaa rakkoo kiyyaa na woliin waan qoodamtaniif mishaa gootaniirtan.


Isaan, dhiiga hoola'aatii fi sababaa dubbii ragaa isaaniitiin mooyataniin; isaan lubbuu isaanii haga du'aa ufirraa bayan.


Anillee, «Gooftaa kiyya, situ beeka» jedheen. Innillee akkana naan jedhe, «Kunniin worra rakkoo guddaa keessaa dhufan. Uffata ufiillee miicanii dhiiga hoola'aatiin qulqulleessan.


Eegasuu waan Goofta'aa ragu'uuf yookiin anaa waan Goofta'aatiif hidhamettillee hin saalfatin, haata'uu ammoo haga hunna Rabiitiin waan Oduu Nagayaatiif na woliin rakkadhu.


Waan arga'aa hin jirre yoo abdii godhanne, obsaan eegganna.


Worri ajaja Rabbii eeganii fi woyyoonni Yesuusiin amanu'uun jabaatan.


Fedhii Rabbii raawwattanii, dubbii abdi'ii ka isinii kenname akka argitan obsuu isin barbaachisa.


Isin waan garaa kiyya keessa jirtaniif, ani waan keessan maraaf akkana yaaduun kiyya dhuga'a. Hidhama kiyya keessattillee falmachuu kiyyaaf akka Oduun Nagayaa cimee dhaabatu godhuu kiyya keessatti, martii keessan Ayyaana naa kenname keessaa qoodamtaniirtan.


Ragaa isaanii haga raawwataniin maayii bineensa ashuutee bawu woliin wol lolan. Mooyatee isaan ajjeesa.


Nu ijoollee Rabbii eega taane worra waa mara argatu; nu waa maraa Rabbiin biraa arganna. Eega Kiristoosiin woliin rakkinni nurra gaye, nullee isa woliin ulfinnaa fi waan Kiristoos argatu maraa isa woliin arganna.


Anillee isaa sagadu'uuf luka isaa jalatti kufe, innillee, «Akka akkas hin goone uf eegi! Anillee obboleeyyan kee kaawwan woliin akkuma worra ragaa Yesuusii qabanii garbicha, ragaan Yesuusii Ayyaana raaga'aa waan ta'eef, Rabbii sagadi» naan jedhe.


Jawweenillee dubartitti'iin lolee, worra ajaja Rabbii eegan, ka ragaa Yesuusii qaban worra fiixaa isi'ii keessaa hafe woraanu'uuf deemee xidhacha qarqara galaanaa irra dhaabate.


Hennaa chaappaa shanaffa'aa hiike, mi'a kennaa irratti dhiyeessan jalatti lubbuu worra dubbii Rabbii eeganii raganiif qalamanii arge.


Woldoota Kiristaanaa torban biyya Isiya'aa keessa jiraniif, Rabbii dur ture, ka ammallee jiru, ka dhufu'uuf ta'uuf, Ayyaanota torban, teessoo jeennata isaa afoo jiran biraa, akkasuma Yesuus Kiristoos ragaa dhuga'aa amanamaa ka worra du'an keessaa hangafa ta'ee kaafameef, Yohaannisii bulchaa mootota lafa kanaa ta'e irraa badhaadhumma'aa fi nageenni isiniif haa ta'u. Ka nu jaalatee cubbuu keenna irraa dhiiga ufiitiin nu dhiqee bilisa nu baasee,


Gooftaan garaa keenna gara jaalala Rabbii, gara obsa Kiristoosii haa qajeelchu.


Yesuusillee, «Mijuu ani dhugu ima dhuddan, cuuphaa ani cuuphamullee ima cuuphamtan. Haata'uu ammoo mirga kiyyaa fi bitaa kiyya ka teessisu anaa miti; huleen kun ka worra qophaayeef kennamu.» isaaniin jedhe.


Isaan, «Hin dandeenna» jedhaniin. Yesuus, «Isin dhugamaan mijuu ani dhugu hin dhudan, cuuphaa ani cuuphamu cuuphamuu hin dandeettan.


Ji'a sanniin keessa Pheexroosii fi namoota dhibbaa fi diddamaa obboleeyyan isa woliin jiran wodhakkaa dhaabateeti akkana jedhe.


Abdiin keenna ka nu waan keessaniif qabnu ka hin sochoone. Rakkinna keenna akkuma qoodamtan akkasuma jajjabaachuu keenna ammoo akka qoodamtan waan beennuuf.


Eegasuu ani akkuma isaanii manguddoonni woldaa Kiristaanaa ragaa baatuu rakkinna Kiristoosii akkasuma ulfinna Kiristoosii ka mudhatu'uuf ta'u, qoodamu, manguddoota isaan jidduu jiran maraa hin gorsa.


Kun mudhata waan dafee ta'u'uuf ta'uu ka Rabbi garboota ufiititti mudhisu'uuf jedhee Yesuus Kiristoosii kenneef ka Yesuusillee Maleekkaa ufiitiin ergee garbicha ufii Yohaannisitti mudhise.


Rabbii Abbaa isaatii akka hojjannuuf jeennata Abbaa isaatii gadicha akka taanu nu taasisee, baraa haga bara baraa ulfinninii fi hunni isaa haa ta'u! Amiin.


Teessoollee hin arge. Worra isarra taa'anii baalliin kennameef waan ragaa Yesuusiitiif waan dubbii Rabbiitiif namoota mataan isaanii irraa murame, worra bineensaaf fakii isaatii hin saganne worra malkata kallacha isaaniitiif harka isaanii irratti hin godhanne arge. Kiristoosiin woliinillee woggaa kumaa mooyanii jiraatan.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite