Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 1:4 - WAADAA LAMMATAA

4-5 Woldoota Kiristaanaa torban biyya Isiya'aa keessa jiraniif, Rabbii dur ture, ka ammallee jiru, ka dhufu'uuf ta'uuf, Ayyaanota torban, teessoo jeennata isaa afoo jiran biraa, akkasuma Yesuus Kiristoos ragaa dhuga'aa amanamaa ka worra du'an keessaa hangafa ta'ee kaafameef, Yohaannisii bulchaa mootota lafa kanaa ta'e irraa badhaadhumma'aa fi nageenni isiniif haa ta'u. Ka nu jaalatee cubbuu keenna irraa dhiiga ufiitiin nu dhiqee bilisa nu baasee,

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

4 Yohaannisiin irraa woldayoota amanti'ii torbban Asiya'aatiif, Ka jiru, ka turee fi Waaqa dhufu irraa, teessoo duranaa ka jiran hafuurota torbban, akkuma kana du'aa ka'uun hangafa ka ta'e, bitaatii nugusa nugusota arddi'iitii fi akkuma kana du'aa kaiinssaan ka jalqabaa ka ta'e,

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

4 Woldoota Kiristaanaa torban biyya Isiya'aa keessa jiraniif, Rabbii dur ture; ka ammallee jiru; ka dhufu'uuf ta'uu fi Ayyaanota torban teessoo jeennata isaa afoo jiran biraa,

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 1:4
41 Referans Kwoze  

Yesuus Kiristoos kalleessa, adhaa haga bara baraa sanuma.


Jalqaba jechatu ture; jechi Rabbiin bira ture; jechillee Rabbiin ture.


Teesso'oo fi busaayota arfan wodhakkaa, manguddoota jiddu'uttillee akka hoolaa qalmaatitti dhabatee arge. Gaafa torbaa fi ija torba qaba. Isaanillee Ayyaannan Rabbii torban ka gara lafa maraa ergaman.


Teessoo san keessaa laagaa bakakka'aatii fi gigissa'aatitu baya. Teessoo isaa afoo ifaa ibiddaa torbatu ifa'aa ture. Isaanillee Ayyaannan Rabbii torban.


Ka jiru, ka ture, ka dhufu, ka maraa danda'u Waandhi Gooftaan, «Alfa'aa fi Oomeegaan Ana» jedha.


«Maleekkaa woldaa Kirstaanaa ta Sardeesiin keessa jirtuuf akkana jedhii barreessi. Ayyaanota Rabbii torbanii fi ka urjoota torbaa harkaa qabu akkana jedha. «Hujii kee hin beeka; ati maqamaaf jirta malee duuteerta.


Kennaan mishaan, eebbii guutuun maruu olii dhufa. Kennaan mishaan, kennaan mudaa hin qabne cuftinuu abbaa ifaa akka gaaddidduu hin jijjiiramne san biraa gubba'aa gad-bu'a.


Busaayonni arfanuu koola jaha jaha qaban. Keessaa fi gubbaan isaanii ija heddu qaba. Isaan halkanii fi guyyaa uduu hara hin baafatin «Waaqa Gooftaa waa maraa danda'u, ka dur jiru, ka ammallee jiruu fi ka dhufu'uuf ta'u, Woyyuu, Woyyuu, Woyyuu!» jedha'aa faarfatan.


«Gara Maleekkaa woldaa Kiristaanaa Filaadelifiyaa keessa jirtuu akkana jedhii barreessi. Ka furtuu Daawitii harkaa qabu, ka waan inni cufe eennullee banuu hin dandeenneef waan inni bane eennullee cufuu hin dandeenne woyyichi dhuga'aa akkana jedha.


Worra Rabbiin jaalatamtan, woyyoota ta'u'uuf worri waamamtanii fi worri Roomaa keessa jirtan maruu, abbaa keenna Rabbii fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin biraa badhaadhaa fi nageenni isiniif haata'u.


«Gara Maleekkaa woldaa Kiristaanaa Sarminees keessa jirtuu, akkana jedhii barreessi. Ka du'ee ture, ka jiraataa ta'e, ka duraatii fi ka dhumaa akkana jedha.


Hiikkaan dhossaa urjii torbaatiif baattuu Worqi'ii ka harka kiyya ka mirgaa irratti argite kana. Urjiin torban Maleekkaa woldaa Kiristaana torbaati. Baattuun Worqii torbanii tokkummaa woldoota Kiristaana torbaati.


Akkasuma, «Waan arga'aartu kitaabatti barreessii, gara Efesoonii, Samirneesii, Phergamoonii, Tiyaaxiroonii, Sardeesii, Filaadelifiya'aa, Lodoqiya'aa fi gara tokkummaa woldoota Kiristaanaa torban Isiyaa keessa jiraatanii ergi» naan jedhe.


Rabbii Abbaa keenna, Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin irraa badhaadhumma'aa fi nageenni isiniif haata'u.


Rabbi Abbaa keennaa fi Gooftaa keenna Yesuus Kirstoosiin irraa badhaaninii fi nageenni isiniif haata'u.


Maleekkaa Woldaa Kiristaanaa Lodoqiyaa jirtuutiif akkana jedhii barreessi: inni Amiin jedhamu ka amanameef ragaan dhuga'aa ka Rabbiin biratti madda uumama maraa ta'e akkana jedha.


«Gara Maleekkaa woldaa Kiristaanaa ta Tiyaaxiroon keessa jirttu akkana jedhii barreessi. Ilmi Rabbii ka ija akka arraba ibiddaa ka lutti isaa akka sibiila boola ibiddaa keessatti oo'ee diimate fakkaatu qabu akkana jedha.


«Maleekkaa Woldaa Kiristaanaa ta Phergamooniitiif akkana jedhii barreessi, «Ka billawa gama lamaan qara qabu harkaa qabu akkana jedha.


Kun mudhata waan dafee ta'u'uuf ta'uu ka Rabbi garboota ufiititti mudhisu'uuf jedhee Yesuus Kiristoosii kenneef ka Yesuusillee Maleekkaa ufiitiin ergee garbicha ufii Yohaannisitti mudhise.


Worri Isiiyaa jiraatan maruu Yihuudonnillee namoonni Giriikiillee dubbii Goofta'aa haga woggaa lamaa barata'aa turan.


Nu namoonni Phaarte'ee, Meedii ka Ilamexxemiillee worra laga lamaan jiddu'uu ka Qephidooqiya'aa, ka Phaanxoosii,


Ani Obboleessa keessan ka isin woliin rakkinna jennataa fi obsa Yesuus Kiristoosii qoodamu waan dubbii Rabbii tiif waan ragaa Yesuus Kiristoosiitiif lafa bisaaniin marfamte ta Fiximoo jedhamtu irra ture.


Hennaa isa arge ani akka nama du'e ta'ee luka isaa jalatti kufe. Harka mirgaa narra kaayee akkana naan jedhe.


Maleekkoota torban ka afoo Rabbii dhaabatan arge, isaaniillee xurumbaa torbatu kennameef.


Maleekkaan bisaanillee, «Gooftaa jirtuuf ka turte, woyyuu akka kana waan murteessiteef, ati qajeela'a;


Kanallee ka arge ana Yohaannis, hennaa dhagayee fi arge; hennaa kana natti mudhise, luka maleekka'aa afo'otti sagadu'uuf gad kufe.


«Ani Yesuus tokkummaa woldaa Kiristaanaatitti kana akka isinii ragu Maleekkaa kiyya erge. Ani hidda fiixaa Daawitii, urjii ganamaa ka ifu.»


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite