Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 1:18 - WAADAA LAMMATAA

18 Hin sodaatin, ka duraatiif ka dhumaa jiraataan ana. Du'ee ture, kunoo baraa haga bara baraa ani jiraata'a, furtuu du'aatii fi ka asaabaallee hin qaba.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

18 Ani'llee jiraata'a! du'ee ture, garuu kunnoo, bara baraaf jiraata'a, du'aa fi siiooliin irratti'llee aangoo ni qaba.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

18 Hin sodaatin; ka duraatii fi ka dhumaa jiraataan anaa. Du'ee ture; kunoo baraa haga bara baraa ani jiraata'a; furtuu du'aatii fi ka asaabaallee hin qaba.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 1:18
32 Referans Kwoze  

Kiristoos du'aa ka'eet duranaa akka hin duune, duutillee uf afoo akka isa irratti mirga hin qabne waan beennuuf.


Waan isaaniitiif Rabbiin kadhachu'uuf, hennaa maraa lubbu'uun jiraata. Kanaaf, worra karaa isaatiin gara Rabbii dhufan sirima isaan fayyisuu danda'a.


«Gara Maleekkaa woldaa Kiristaanaa Filaadelifiyaa keessa jirtuu akkana jedhii barreessi. Ka furtuu Daawitii harkaa qabu, ka waan inni cufe eennullee banuu hin dandeenneef waan inni bane eennullee cufuu hin dandeenne woyyichi dhuga'aa akkana jedha.


Ani Bantuu jeennata sami'ii sii kenna. Wonti ati lafarratti hiite maruu sami'ittillee ka hidhame ta'a. Ka lafarratti ati hiittu maruu sami'ittillee hin hiikkama» jedhe


Duutiinii fi asaabnillee galaana ibiddaatitti gataman. Galaanni ibiddaa kunillee du'a lammaffa'aati.


Inni ka ulfinna isaa calanqisiisuu fi fakkeenna amala isaa ta'ee maraa baallii dubbii ufiitiin irkisa'aa, cubbuu keenna haga qulqulleesseen maayessa sami'itti mirgaa Rabbii ulfinna qabeessaa taa'e.


Kiristoosiin woliin fannifameera; ammaa achi Kiristoositu na keessa jiraata malee, ani ufii hin jiraadhu. Jiruun ani amma fooniin jiraadhu ka na jaalateef ka uf dabarsee naa kenne amantaa Ilma Rabbii irraa qabuun.


Busaayonnillee ka teessoo irraa ta'ee fi ka baraa haga bara baraa ka jireennaan jiraatu hennaa isaa ulfinna jaju'u fi galata kennaniif,


Dadhabbi'iin fannifameera. Haata'uu ammoo, hunna Rabbiitiin jireennaan jiraata. Nullee akkasumaa isa woliin waan dadhabneef. Haata'uu ammoo waan isinii ta'een hunna Rabbiitiin isa woliin jireennaan jiraanna.


Maleekkaan shanaffa'aallee xurumbaa afuufee urjii samii gara lafaa darbame arge. Furtuun ashuutellee hin kennameef.


Amma bara diqqo'otu hafe achiin maayessa adunyaan na hin argitu. Isin ammoo na argitan, ani jiraataa waan ta'eef. Isinillee akkasuma jiraattota taatan.


Isin duutaniirtan, jireenni keessanillee Rabbiin Kiristoosiin keessatti dhokateera.


Busaayaan arfanuu, «Amiin!» jedhan manguddoonni kufanii sagadan.


Atillee Qifirnaahoom, haga sami'ii ol uf qabuu feetee? gara asaabaa hin buuta. Maalaleen si keessatti godhame uduu Soodomitti godhamee jiraatee, isiin silaa haga adhaa hin jiraatti.


Dubartoonni sunniinillee sodaatanii uduu ijaan lafa laala'aaran akkana isaaniin jedhan, «Maaf jiraataa worra du'e keessaa soxxan?


Yesuus ammoo, «Du'aa ka'uunii fi jireenni Ana, ka natti amanu yoo du'ellee hin jiraata.


«Gara Maleekkaa woldaa Kiristaanaa Sarminees keessa jirtuu, akkana jedhii barreessi. Ka du'ee ture, ka jiraataa ta'e, ka duraatii fi ka dhumaa akkana jedha.


Ammallee hennaa Fardi Hamarri bawu arge, ka isa yaabbateeru maqaan isaa du'a. Badiin bara baraa isa duukaa deeme guraade'een, beela, du'a bineensonni lafaa akka isa ajjeesan lafa irratti harka afurrii baalliin kennameef.


Sami'ii fi waan samii keessa jiran, lafaa fi waan galaana keessa jiran, galaanaa fi waan galaana keessa jiran ka uumeef baraa haga bara baraa jiraataa ta'ee ka jiraatuun kakatee, «Ammaa achi hin turu!


Busaayaa arfan keessaa tokko baraa haga bara baraa ka jiraatu xuwwee worqi'ii torban ka lola Rabbiitiin guuttame Maleekkaa torbatti kenne.


Galaannillee worra du'an ka isa keessa jiranii kenne; duutinii fi ibiddi asaabaallee worra du'an ka isaan keessa jiru kennan. Martinuu akkaatama hujii isaaniitiin qoodaman.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite