Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 1:17 - WAADAA LAMMATAA

17 Hennaa isa arge ani akka nama du'e ta'ee luka isaa jalatti kufe. Harka mirgaa narra kaayee akkana naan jedhe.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

17 Yeroo isa argetti'llee akka nama du'ee ta'ee miila isaa jalatti ni kufe, inni garuu harka isaa ka mirgaa narra kaayeeti akkana naan ni jedhe, «Hin sodaatin! Ka jalqabaatii fi ka muumme'ee'llee ana,

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

17 Ani hennaa isa arge akka nama du'ee ta'ee luka isaa jalatti kufe. Harka mirgaa na irra kaayee akkana naan jedhe.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 1:17
30 Referans Kwoze  

Aalfa'aa fi oomeegaa, ka duraatii fi ka maayessaa, ka jalqabaatii fi ka dhumaa ana.»


«Gara Maleekkaa woldaa Kiristaanaa Sarminees keessa jirtuu, akkana jedhii barreessi. Ka du'ee ture, ka jiraataa ta'e, ka duraatii fi ka dhumaa akkana jedha.


Ka jiru, ka ture, ka dhufu, ka maraa danda'u Waandhi Gooftaan, «Alfa'aa fi Oomeegaan Ana» jedha.


Akkasuma, «Waan arga'aartu kitaabatti barreessii, gara Efesoonii, Samirneesii, Phergamoonii, Tiyaaxiroonii, Sardeesii, Filaadelifiya'aa, Lodoqiya'aa fi gara tokkummaa woldoota Kiristaanaa torban Isiyaa keessa jiraatanii ergi» naan jedhe.


Worri awwaala eegu Maleekkaa Goofta'aa waan sodaataniif raafamanii akka waan du'anii ta'an.


Pheexroosillee midhatee darasicha Yesuus jaalatu uduu isa faanaa deemu arge, innillee hennaa dhiyanaa gara qoma isaatitti siqee, «Gooftaa'a, ka dabarsee si kennu eennu?» ka jedhee gaafate san.


Darasoota keessaa ka Yesuus jaalatu ka qoma Yesuusiititti siqeeru,


Hennama san Yesuus ammoo, «Jabaadhaa'a! anaa, hin sodaatinaa'a!» jedhee dubbate.


Maleekkanillee dubartootaan akkana jedhe, «Hin sodaatinaa'a; isin Yesuusii fannifame akka soqa'aartan hin beeka.


Woldoota Kiristaanaa torban biyya Isiya'aa keessa jiraniif, Rabbii dur ture, ka ammallee jiru, ka dhufu'uuf ta'uuf, Ayyaanota torban, teessoo jeennata isaa afoo jiran biraa, akkasuma Yesuus Kiristoos ragaa dhuga'aa amanamaa ka worra du'an keessaa hangafa ta'ee kaafameef, Yohaannisii bulchaa mootota lafa kanaa ta'e irraa badhaadhumma'aa fi nageenni isiniif haa ta'u. Ka nu jaalatee cubbuu keenna irraa dhiiga ufiitiin nu dhiqee bilisa nu baasee,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite