Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 1:16 - WAADAA LAMMATAA

16 Harka isaa ka mirgaa irraa urjoota torba qaba. Afaan isaa keessa guraadee gara lamaan qarametu baya. Fulli isaallee akka aduu guddiftee iftuutti.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

16 Harka isaa ka mirgaa titti urjjiiwwan torbaa qabatee jira ture, gara lamaaniinuu qara ka qabu biloofnni afaan isaatii ni baya ture, fuulli isaa guutuun ifiinssi isaa akka aduu ifuu ni ture.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

16 Harka isaa ka mirgaa irraa urjiiwwan torba qaba. Afaan isaa keessa guraadee gara lamaan qarametu baya; fuulli isaa akka aduu guddiftee iftuuti.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 1:16
26 Referans Kwoze  

Dubbiin Rabbii jiraata'a hunna hojjatuunillee uf keessaa qaba; guraadee gara lamaan qara qabu caalaa qarama'a, lubbuu, hafuura, ribuu, lafe'ee fi dhuka haga gargar baasuutti woraanee seenuu danda'a. Miira onne'eetii fi ka yaadaa qora.


Eeganaa aagii gali yoo aagii galuu baatte ani daafee sitti dhufa. Guraadee afaan kiyya keessaa bayuun isaaniin lola.


Guraadee qaramaa worra Yihuudota hin taane ittiin dhayutu afaan isaa keessaa baya, innillee ulee sibiilaatiin isaan bulcha. Innillee daadhii woyini'ii ta lola hamaa Rabbii waa maraa danda'u itti cuunfatu san dhidhiita.


«Maleekkaa Woldaa Kiristaanaa ta Phergamooniitiif akkana jedhii barreessi, «Ka billawa gama lamaan qara qabu harkaa qabu akkana jedha.


Fayyinna akka gulloo sibiilaatitti mata'atti godhaa'a; guraadee Ayyaanaa qabadhaa'a; innillee dubbii Rabbiiti.


Worri fardarratti hafan guraadee afaan isaatii bayuun dhuman; allaattiin maruu foon isaanii nyaatanii quufan.


Innillee afoo isaaniititti jijjiirame, fulli isaallee akka adu'uu ife, uffanni isaallee adii weeccaa ta'e.


Hiikkaan dhossaa urjii torbaatiif baattuu Worqi'ii ka harka kiyya ka mirgaa irratti argite kana. Urjiin torban Maleekkaa woldaa Kiristaana torbaati. Baattuun Worqii torbanii tokkummaa woldoota Kiristaana torbaati.


«Maleekkaa woldaa Kirstaanaa ta Sardeesiin keessa jirtuuf akkana jedhii barreessi. Ayyaanota Rabbii torbanii fi ka urjoota torbaa harkaa qabu akkana jedha. «Hujii kee hin beeka; ati maqamaaf jirta malee duuteerta.


Mootii kiyya! karaa irratti, guyyaa wodhakkaa yoo ta'u naannoo kiyyaa fi naannoo worra na woliin deemaniitittillee ifti ifa adu'uutii ol ta'e samii irraa hennaa ifu arge.


Malkanni guddaan sami'itti mudhate. Dubartiin aduu uffate ta addeessa luka isi'ii jalaa qabdu urjii kudha lamaa mataa ufii irratti gonfatte fakkaattu takkatu jira.


Maleekkaan jabaan biraallee duumeessa uffatee ka sami'ii bu'u arge. Mataa isaa irra funyaan karaabaatitu jira. Fuulli isaallee akka adu'uu, lutti isaallee akka ibidda dhaga'aa ti.


Gara Maleekkaa Woldaa Kiristaanaa Efesooniin keessa jirtuutiif akkana jedhii barreessi. Ka urjoota torbaa harka mirgaatitti qabate ka baattuu worqi'ii torbaa jidduu deddeebi'u akkana jedha.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite