Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Mudhata Yohaannisii 1:10 - WAADAA LAMMATAA

10 Ani guyyaa Goofta'aa Ayyaana Rabbiitiin guuttamee ture, laagaa guddaa xurumbaa fakkaatu uf duubatti dhagaye.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

10 guyyaa Goofta'aa titti fudhatama Hafuura keessa uduu jiru, qoonqqa xurunbbaa ilaali'ii ka fakkaatu qoonqqa ol aanaa akkana yoo jedhu ni dhagaye,

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

10 Ani guyyaa Goofta'aa Ayyaana Rabbiitiin guuttamee ture; laagaa guddaa xurumbaa fakkaatu uf duubatti dhagaye.

Gade chapit la Kopi




Mudhata Yohaannisii 1:10
13 Referans Kwoze  

Ayyaanaan gara gaara guddaa dheera'aa na fide. Hennaa qachaan guddoon woyyittiin Yeruusaalemii ulfinni Rabbii keessa jiru sami'ii Rabbiin biraa buutu natti mudhise. Ifti isi'iillee akka dhagaa guddaa ulfaata'a akka Iyaasiphiidii ta'e akka birrii qulqullayeeti.


Ayyaanaan gara gammoojji'ii na fidee intalti takka ta maqaan arrabbaa irra jiru ta mataa torbaa fi gaafa kudhanii qabdu ta bineensa diimaa irra teetu arge.


Guyyaa jalqaba torbaan duraa xoroshoo nyaachu'uuf uduu wolgeenneerru, Phaawuloos bariisaa deemu'uuf waan yaadeef, isaan woliin qaaqa'aa ture. Haga halkan qixxe'ee qaaqa dheeresse.


Birrii wolitti guruun hennaa ani dhufe akka hin taane, isin keessaa gari gariin keessan jalqaba torbaanii akkuma ta'etti ka qabu irraa hanbisa'aa mana ufii haa kaayuu.


Guyyaan sunillee torbaan keessaa guyyaa duraati, hennaa dhiye hulee darasoonni wolgayanii turanitti Yihuudota waan sodaataniif balbala cufatanii uduu jiran, Yesuus dhufee isaan jidduu dhaabatee, «Nageenni isiniif haata'u!» isaaniin jedhe.


Yesuus, «Attamiin Daawiti hunna Ayyaana Woyyu'uutiin masakkamee ‹Gooftaa'a› jedha'aa isa waama, ‹Rabbi Gooftaa kiyyaan, haga ani diinota kee luka kee jala sii galchutti, Mirga kiyya taa'i› jedheen yoo jedhu Ayyaanaan Gooftaa jedhee isa waama'aaraa?


Guyyaa sadeetaan maayii akkasuma darasoonni mana keessa turan. Toomaasillee isaan woliin jira. Uduma balballi cufameeru Yesuus dhufee isaan jidduu dhaabatee, «Nageenni isiniif haata'uu» isaaniin jedhe.


Kanaafuu eennullee Ayyaana Rabbiitiin yoo dubbatu, Yesuus ka abaarame ka jedhu tokkollee akka hin jirre; Ayyaana Woyyu'uun yoo ta'e malee, «Yesuus Goofta'a» jechuu tokkollee akka hin dandenne isin beessisa.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite