Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Ergaa Yihudaa 1:4 - WAADAA LAMMATAA

4 Hennaa dheera'aan dura murtee tanaaf worri barreeffaman namoonni gari gariin waan hulluuqanii gara keessan seenaniiraniif, isaanillee worra sodaa Rabbii hin qabne, badhadha Waaqaa seebaruma'ati worra jijjiiran, ka ufummatti mooti'ii fi Gooftaa keenna ta'e, Yesuus Kiristoosiin hin ganan.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

4 Ka isaanitti murteeffamu ta'uu yeroo baayi'een duranatti ka isaanitti barreeffame, namoonni tokko tokko gara keessan huluuqanii aseenanii jiran, isaan'llee kennaa Waaqaa ka bilisaa gad dhiifamammuma'aan ka jijjiiran, Waaqa worra hin waaqeffanne, inni qoftti bulichaa keennaa fi Gooftaa keenna ka ta'e, Yesus Kristosiin'llee ni waakkatan.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

4 Hennaa dheera'aan dura murtee tanaaf worri barreeffaman namoonni gari gariin waan hulluuqanii gara keessan seenaniiraniif; isaanillee worra sodaa Rabbii hin qabne; worra badhadha Waaqaa seebarumma'atti jijjiiran, ka ufumatti mooti'ii fi Gooftaa keenna ta'e Yesuus Kiristoosiin hin ganan.

Gade chapit la Kopi




Ergaa Yihudaa 1:4
32 Referans Kwoze  

Haata'uu ammoo, garboota nu godhatu'uuf wolabummaa karaa Kiristoosiitiin arganne san gaadu'uuf obboloonni sobduun dhossa'aan hulluuqanii nu keessa seenan.


Kiristoosii miti jedhee ka Yesuusiin ganu malee sobaan eennu ka Aabbaa fi Ilma isaa ganu, inni mormaa Kiristoosiiti.


Akka worra bilisa bayeetitti Rabbiif garboota ta'a'aa jiraadhaa'a malee, bilisummaan keessan sun waan badooma keessan ittiin dhoffattan akka ta'u hin godhinaa'a.


Isaan worra hin amanne waan ta'aniif, dubbii isaatiin gufatan. Isaanillee worra kufaati'iif qophaayan.


Worri akkanaa kunniin dhokata'aa gara mana namootaa seena'aa, hinaaffaa, worra cubbuun isaan irratti tuulame, worra dharraa adda addaatiin fudhataman sirima dubartoota gowwaa dhugaa beekuu bira gayuu hin dandenne, worri boojii'an worra akkanaa kanniin.


Obboleeyyan tiyya! Isin wolabumma'aaf waamamtaniirtan; ammoo wolabumnaan keessan foonii sababaa akka hin kennine. Haata'uu ammoo, isin wolii akka garbootaa ta'aa'a.


Ardi'ii fi samiin amma jirtu tun ammoo akka ibiddaan badduuf haga guyyaan murti'iitii fi badiin worra Rabbitti hin amannee geettuu akka dubbii kanaatiin ibidda eeggatan.


Kitaabni woyyuun, «Namni qajeelaan yoo ka rakkinna keessatti fayyu ta'e, dhartichinii fi cubbamtichi attam ta'ee jiraata ree?»


Akka dogoggora soba fakkeessuu, sababaa soba namootaatiin qilleensa barumsa sobaa maraan asii fi achi daddarbama'aa asii fi achi rarra'a'aa ammaa achi daa'imman ta'uun nuuf hin ta'u.


Namoonni uduu nu isaan hin ajanye nu biraa ka'anii gadoomtanii seera Muuse'ee eegu'utu isin barbaachisa jedha'aa yaada keessan booressa'aa dubbi'iin akka isin raasan waan dhageenneef,


Innillee achi dhaqee badhaadhummaa Rabbii haga arge hin gammade; marti isaaniituu fedha garaa isaaniitiin Goofta'aan jabaatanii akka jiraatan gorse.


Akka ati Waaqa dhuga'aa taatee fi Yesuus Kiristoosiinillee akka ergite akka beekaniif tun jireenna bara baraa ti.


Namichi sanyii facaasee biraa lixe. Hennaa namoonni rafan ammoo, diinni dhufee qamadii keessatti sinaana facaasee deeme.


Worra fira isaanii ta'aniif keessumattuu maatii ufiitii ka hin yaanne, eennullee yoo jiraate, inni ka amantaa ufii gane, nama hin amanne caalaa hama'a.


Yoo obsinee jabaanee dhaabanne, akkasuma isa woliin moona. Yoo isa waakkanne, akkasuma, innillee nu waakkata.


Looxi qajeelaan hujii hamaa isaanii guyya guyya'aan dhagaya'aa arga'aa hennaa jiraate qajeelaa kana lubbuun isaa waan dhiphata'aa turteef, qajeelaa jiruu worra hammeeyyi'iitii fi worra adaba hin qabneen ka miidhame san yoo fayyise,


Isaan bara dhumaa cubbuu isaaniitiif halcha badaa ufiitiin deema'aa worra Asheessu waan isaaniin jedheef.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite