Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Ergaa Yihudaa 1:3 - WAADAA LAMMATAA

3 Obboleeyyan tiyya! Waan fayyinna keennaa uduu isiniif barreessu waan amantaa woyyootaa hennaa tokko kennamee, jabaattanii akka falmattan isin gorsa'aa isinii barreessuun barbaachisaa akka ta'e arge.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

3 Yaa waaheloota! Waayee fayyinna wolitti qabnnuu isinii barreessu'uuf haalaan barbaadee ture, amma garuu haala irra deebii hin qabnneen, Waaqinni ummata isaatiif yeroo tokko waayee amantii kenneetiif, akka ciminnaan akka woldhaanttan gorssu'uuf, isinii barreessu'uun dirqama natti ni ta'e.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

3 Obboleeyyan tiyya! Waan fayyinna keennaa uduu isiniif barreessu waan amantaa woyyootaa hennaa tokko kennamee, jabaattanii akka falmattan isin gorsa'aa isinii barreessuun barbaachisaa akka ta'e arge.

Gade chapit la Kopi




Ergaa Yihudaa 1:3
44 Referans Kwoze  

Lola amanta'aa mishaa loli jireenna bara baraa mishaa waamamteef ka raattota hedduu biratti amanamteef qabadhu.


Haata'uu ammoo dhufee uduu isin laalee yookiin uduu fagaadhee qalbii tokkoon waan amantaa Oduu Nagayaatiif falmata'aa Ayyaana tokkoon akka dhaabattan, waan jireenna keessanii akka dhagayuuf, Oduu Nagayaa ka Kiristoosiitiif akka ta'utti jiraadhaa'a.


Isin ammoo jaalaloota tiyya, amantaa keessan ka waa maraa caalaa qulqulluu ta'een uf ijaaru'uuf jabaata'aa Ayyaana woyyu'uun faateffadhaa'a!


Isaan, dhiiga hoola'aatii fi sababaa dubbii ragaa isaaniitiin mooyataniin; isaan lubbuu isaanii haga du'aa ufirraa bayan.


Tokkummaa amanta'aatiin Tiitoo ilma kiyya ka dhuga'aatiif: Rabbi Abbaan, qoricha keennaa fi Gooftaa Yesuus Kiristoosiin irraa badhaani, araaraa fi nageenni sii haata'u.


Rakkinna sirra gayu'uuf ta'u hin sodaatin. Daabiloos isin qoru'uuf jedhee isin keessaa namoota gari garii mana hidha'aatitti isin galchu'uuf ta'a. Guyyaa kudhaniif hin rakkattan ati ammoo haga du'aatitti amanamaa ta'i. Badhaasa jireennaallee sii kennaa.


Amanta'aa fi jaalala Yesuus Kiristoosiitiin dubbii narraa dhageette, fakkeenna mishaa san jabeessii qabadhu.


Mucaa kiyya Ximotowos! Duraan dursee waan kee akkuma raagaan himame Kiristoosiin keessaan lola mishaa akka loltuuf ajaja kana yaboo sitti kenna.


Dhugaan Oduu Nagayaa isin biratti jabaatee akka jiraatuuf jennee, hennaa diqqo'oofillee gad dhiifnee isaan jalatti hin bulle.


Obboleeyyan tiyya! Dubbii gorsaa akka obsitan isin gorsa; dubbii diqqoo tana isinii barreesseera.


Saa'ool ammoo itti jabaata'aa deeme. Yihuudota Damaasqoo taa'an Yesuus Kiristoosiin akka ta'e isaanitti hima'aa, waan isaa deebisan dhabsiise.


Haata'uu ammoo akkuma beettan Filiphisiyuusitti dura rakkinna nu irra gayeen xaarii dadhabbii hedduun Oduu Nagayaa isinitti himuu Waaqa keennaan uggine.


Ani waan fudhadhe waan maraa dura dabarsee isinii kenne, akkuma kitaabni jedhu; Kiristoos waan cubbuu keennaatiif du'ee awwaalame;


Fayyinni karaa biraa karaa eennuutiinillee hin jiru, maqaan akka nu ittiin fayyinuuf kenname ka namoota fayyisu samii gaditti Yesuusiin malee, ka biraa hin jiru.»


Yesuus inni Kiristoosiin akka ta'e kitaaba keessaa ibsa'aa, Yihuudota maraa afo'otti jabeessee isaan hubachiisa'aa ture.


Yoo hiikullee Kiristoosiin irra rakkinni akka gayu du'aa ka'uun isaaf akka ta'u, isaan hubachiisa'aa, «Yesuusiin ani isiniif lallabu kun inni Kiristoos» jedha'aa ture.


Isin ammoo jaalatamtoota tiyya dubbii Gooftaa Yesuus Kiristoosii ka ergamtoonni dursanii dubbattan qaabadhaa'a.


Ana Simoon Pheexroos ka ergama'aa fi garbicha Yesuus Kiristoosii ta'e irraa, worra karaa qajeellummaa Waaqa keennaatii fi fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosiititti amananiif;


Badhaani dhaabattaniin badhaadha dhuga'aa ka Rabbii akka ta'u isin gorsa'aa, isinii raga'aa ka akka obboleessa amanamaa ta'etti isa laakkaye, karaa Siliwaanosii irraan gabaabamatti kana isinii barreesseera.


Woyyoota Qolaasiyaasiin keessa jiranii fi obboleeyyan Kiristoosiin hedatan, Rabbii Abbaa keennaa fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin irraallee badhaaninii fi nageenni isinii haata'u.


Garboota Yesuus Kiristoosii Phaawuloosii Fi Ximootiwosiin irraa, worra qachaa Filiphisiyuusii keessa jiraatan, ka karaa Kiristoos Yesuusiitiin qajeelaa ta'an maraaf, akkasuma tooyattootaa fi gargaartoota woldaa Kiristaanaatiif:


Ka fedha Rabbiitiin ergamaa Yesuus Kiristoosii ta'e Phaawuloosiin, worra Kiristoos Yesuusitti amantanii, Rabbiif woyyoota taatan ka Efesooniin keessa jirtaniif.


Attamitti akka qubee gugurda'aan harka kiyyaan isinii barreesse laalaa'a.


Eeganaa, «Fayyummaan Rabbii kun worra Yihuudii hin taaneef akka ergame isin biratti haa beekkamuu. Isaanillee hin dhagayaniin.» [


Gorsa Rabbii maraa isinitti himeera. Womaa isin jalaa hin hanbifanne.


Yihuudii yookiin namni Giriikii hin jiru. Garbichi yookiin wolabaan hin jiru, dhiira yookiin intala jechuun hin jiru; marti keessanuu Yesuus Kiristoosiin keessatti nama tokko waan taataniif.


Dubbiin Rabbii babadhata'aa deemee, Yerusaalemitti laakkoofsi darasootaa guddisee baayi'ata'aa deeme. Gadoota keessaa namoonni hedduun worra amanta'aaf ajajaman ta'an.


Hannaaniyaanillee deebisee, «Gooftaa kiyya! Yerusaalem keessaa woyyoota irratti waan hamaa meeqaa akka godhe waan namicha kanaa namoota heddu irraa dhagayeera.


Goshoota tiyya, waan keessan ammoo yooma akkanumaanillee dubbanne, isin eebba caalu ka fayyinna keessaniin argame, fiduu irra jiraachuu keessan hubanneerra.


Karaa qajeelaa haga beekanniin maayessa ajaja woyyicha isaanii kenname san irraa duubatti deebi'uu uduu dhabaatanii isaanii woyya.


Garbichi Yesuus Kiristoosii obboleessi Yaaqoobii Yihuudaan, worra Rabbii Aabba'aan jaalatamanii Yesuus Kiristoosiif waamamanii eegaman maraaf,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite