Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Ergaa Yihudaa 1:21 - WAADAA LAMMATAA

21 Araara Gooftaa kenna Yesuus Kiristoosii ka gara jireenna bara baraa geessu eeggata'aa jaalala Rabbiitiin uf eegaa'a!

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

21 Gooftaan keenna Yesus Kristos dhiifama isaatiin gara jireenna bara baraatiin akka isin gayuuf eeggachu'uun, mataa keessan jaalala Waaqaa keessatti eeggadha'aanii.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

21 Araara Gooftaa kenna Yesuus Kiristoosii ka gara jireenna bara baraa geessu eeggata'aa jaalala Rabbiitiin uf eegaa'a!

Gade chapit la Kopi




Ergaa Yihudaa 1:21
31 Referans Kwoze  

Nullee jaalala Rabbi nuu qabu beenneerra. Amanneerralle'e. Rabbi jaalala; ka jaalalaan jiraatu Rabbiin keessa jiraata, Rabbillee isa keessa jiraata.


akkasuma Kiristoosillee ammoo cubbuu namoota hedduu baadhatu'uuf hennaa tokko haga ciincaa ta'een maayii, isaan fayyisu'uuf worra cubbuu malee isa eeggataniif lammaffaa deebi'ee isaanitti mudhata.


Isaan, dhiiga hoola'aatii fi sababaa dubbii ragaa isaaniitiin mooyataniin; isaan lubbuu isaanii haga du'aa ufirraa bayan.


Gooftaan garaa keenna gara jaalala Rabbii, gara obsa Kiristoosii haa qajeelchu.


Gatiin cubbu'uu du'a waan ta'eef, kennaan badhaadhummaa Rabbii ammoo karaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin jiruu bara baraa ti.


Ka ajanyi kiyya isa bira jirtu eegu, ka na jaalatu isa, ka na jaalatu Abbaan kiyya hin jaalataan, anillee hin jaaladhaan ufillee itti mudhisa.»


Kanallee Gooftaan kiyya ka murtii qajeellumma'aa murteessu akkasuma ana calla'aaf uduu hin taane worra dhufa isaa hawwan maraafuu hin kenna.


Ilma kiyya jaalatamaa Ximootewoosiif. Rabbii Aabbaa fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin irraallee badhaadha, araaraa fi nagaya sii haa kennu.


hunna qabeeyyii ol gubba'aa gad bu'u uumama addaallee yoo ta'e, jaalala Rabbii ka karaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin keessan arganne keessaa nu baasuu akka hin dandeenne hubadheera.


Namni Rabbiin irraa dhalate maruu, cubbuu hin hojjatu. Ilmi Rabbii waan isa tissuuf, hammeennillee isa miidhuu akka hin dandeenne hin beenna.


Ayyaana Woyyuu nuu kennameen jaalali Rabbii waan qalbii kenna keessatti guuteef abdiin kun nu hin saalfachiisu.


Innillee achi dhaqee badhaadhummaa Rabbii haga arge hin gammade; marti isaaniituu fedha garaa isaaniitiin Goofta'aan jabaatanii akka jiraatan gorse.


Akka uduu hin gufanne gammachu'uun worra mudaa hin qabne godhee isin dhaabsisuu danda'uuf,


Ijoollee tiyya, Waaqoollee tolfamaa irraa uf eegaa'a!


Guyyaa dhumaa san Gooftaan isaa haa araaramu. Efesoonittillee attamitti akka na tajaajile atuu sirri'itti beetta.


Seerri Muuse'een kennamee ture. Badhaadhaa fi dhugaan ammoo Yesuus Kiristoosiin kenname.


Ka amanta'aan dhuga'aan ilma kiyya ta'e Ximootiwosiif: Rabbii Abbaa keennaa fi Gooftaa Yesuus Kiristoosiin irraa badhaani, dhiifamsaa fi nagaya sii haa kennu.


Gooftaan maatii Henesifooru'uutiif haa araaramu, hennaa hedduu waan hara na baafachiisaniiraniif.


Ayyaanni Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii, jaalalti Rabbiitii fi tokkummaan Ayyaana Woyyu'uu isin maraa woliin haa ta'u. Amiin!


Garbichi Yesuus Kiristoosii obboleessi Yaaqoobii Yihuudaan, worra Rabbii Aabba'aan jaalatamanii Yesuus Kiristoosiif waamamanii eegaman maraaf,


Worra morman garii gorsaa'a.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite