Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Ergaa Yihudaa 1:1 - WAADAA LAMMATAA

1 Garbichi Yesuus Kiristoosii obboleessi Yaaqoobii Yihuudaan, worra Rabbii Aabba'aan jaalatamanii Yesuus Kiristoosiif waamamanii eegaman maraaf,

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

1 Tajaajilaan Yesus Kristositii fi obboleessa Yaaqoobii ka ta'e Yihudaa irraa, Worra waamamittan, Waaqa Abba'aatiin ka jaalatamttan, Yesus Kristosiin ka eegamttan maraaf,

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

1 Garbichi Yesuus Kiristoosii obboleessi Yaaqoobii Yihuudaan, worra Rabbii Aabba'aan jaalatamanii Yesuus Kiristoosiif waamamanii eegaman maraaf,

Gade chapit la Kopi




Ergaa Yihudaa 1:1
40 Referans Kwoze  

Waandhi nagayaa qaama keessan hooma'aa haa woyyoomsu; ayyaanni keessan lubbuunii fi foon keessanillee hennaa Gooftaan keenna Yesuus Kiristoos dhufu mudaa malee haa eeggamanii.


Ka nu fayyisee fi ka waamsa woyyu'uun nu waame Rabbiin waan ta'eef, kunillee akka yaada isaatiif haga badhaadha isaatiin malee, akka hujii keennaatiinii miti. Badhaani kun bara hedduun dura Yesuus Kiristoosiin irraan nuu kenname.


Yihuudaa nama biyya Asqorootu'uu uduu hin taane, Yihuudaan biraa, «Gooftaa kiyya! biyya lafaatitti uduu hin taane attamitti nutti uf mudhifta?» jedheen.


Isin ammoo dukkana keessaa gara ifa isaa ka maalale'eetitti ka isin waame, dhaloota mishummaa isaa dubbatu'uuf filatame, gadicha mooti'ii, banii woyyu'uu fi gosa ristii isaatiif fooyame.


Ka ergamaa ta'u'uuf waamame garbicha Yesuus Kiristoosii Phaawuloosiin irraa, Oduu Nagayaa Rabbii ka afaan raattotaatii fi ka kitaaba woyyootaa keessatti firrisee abdii kenneefiif fooyame.


Hamaa irraa akka isaan eedduuf malee biyya lafaa tana keessaa akka isaan baaftu si hin kadhadhu.


Ana Simoon Pheexroos ka ergama'aa fi garbicha Yesuus Kiristoosii ta'e irraa, worra karaa qajeellummaa Waaqa keennaatii fi fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosiititti amananiif;


Karaa Yesuus Kiristoosiitiin gara badhaadha ulfinna maraa Waandhi isin waame hennaa diqqoo haga rakkinni isin irra gayeen maayessa, inninuu guutuu isin taasisa. Isin dhaaba, isin jajjabeessa.


Kanaafuu obboleeyyan woyyoota, worri waamsa sami'ii irraa qoodamtoota taatan, gara ergamaa amantaa keennaatii fi gadicha hayyicha Yesuus Kiristoosii laalaa'a.


Dursee ka murteesse kanniin ammoo hin waameen; worra waame kanniin ammoo qajeellota taasise, worra qajeellota taasise kanniin ammoo hin kabajje.


Amma ammoo cubbuu jalaa bilisa baatanii Rabbiif ajajamtanii, worra daraaraa woyyumma'aa qabu. Innillee dhuma jireenna bara baraa ti.


Garbicha Rabbiitii fi Gooftaa Yesuus Kiristoosii Yaaqoobiin irraa, gosoota kudha lama worra bittinnooftaniif nageenni isinii haata'u.


Gooftaan hamaa maraa jalaa na hambisa. Jeennata sami'iititti nagayaan na galcha, isaaf bara haga bara baraa ulfinni haata'u! Amiin.


Isin keessallee gariin akka kanniinii turtan. Haata'uu ammoo Maqaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin Ayyaana Rabbii keennaatiin dhiqattaniirtu woyyoomtaniirtan qajeellota taataniirtan.


Woldaa Rabbii ta Qorontoosiin keessa jirtuuf, worra Kiristoos Yesuusiin woyyoomanii fi ka nu'uu fi isaaniillee Gooftaa ta'e maqaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin hulee marattuu worra woyyoota ta'u'uuf wamaman maraaf.


Worri akkana jiran kunniin garaa isaaniitiif malee, Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiif waan hin bitamneef. Waan misha'aaf dubbii sheele'eetiin qalbii namoota dhara hin qabnee soban.


Meeshaan dhiifamsaa Yihuudota calla'aafii miti; haata'uu ammoo worra Yihuudii hin taane keessaallee akkasuma worri waamamne nu'u.


Halkan edaa Maleekkaan Waaqaa ka Waaqa ani ka isaa ta'ee fi ka ani kaddaamuu na bira dhaabatee,


Yihuudaa ilma Yaaqoobiitii fi Yihuudaa nama biyya Asqorotu ka Yesuusiin dabarsee kenne fa'a.


Ammallee Rabbiif akka jabaatan woyyoota maraa jiddu'utti Rabbii ristii akka argatan godhuu danda'uuf dubbii badhaadhummaa isaatitti yaboo isin kenneera.


Hennaa seenan gara mana mana gubba'aa ol bayan. Pheexroos, Yohaannis, Yaaqoob, Indiriyaas, Filiphoos, Tomaas, Bertelomeewoos, Maatewoos, ilmi Ilfiyoosii Yaaqoob, ka hinaafaa jedhamu Simoonii fi Yihuudaa ilma Yaaqoobii fa'a.


Isaannillee akkasuma dhuga'aan worra woyyooman akka ta'an ani waan isaaniitiif uf woyyoomsa.


Dhugaan isaan woyyoomsi dubbiin kee dhuga'aa.


Anatu isin filate malee, isin na hin filanne, Aabballee waan maqaa kiyyaan kadhattan maraa akka isinii kennu, deemtanii daraaraa akka godhattan, daraaraan keessanillee akka jiraatuuf isin muude.


Ka naa hojjatu yoo jiraate, na faanaa haa deemuu; hulee ani jirullee hin jiraata. Ka naa hojjatu yoo jiraate Aabba hin kabajjaan.»


Fedhiin ka na ergee, worra inni naa kenne maraa keessaa tokkochallee akka hin balleessine guyyaa dhumaa akka isa kaasuuf.


Indiriyaasi, Filiphoosi, Bartelemewos Maatewoos, Toomaas, Yaaqoobii ilma Ilfiyoosii, Taadewoos, Simoonii hinaaftichaa fi


Filiphoos, Bartolomewoos, Toomaas, Maatewoosii qaraxa qaraxu Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Taadewoosii Libidiyuus jedhamu.


Kun ilma namicha muka bocuutii mii? Haatillee Maariyaam jedhamtii mii? obboleeyyan isaallee Yaaqoob, Yoosaa, Simoonii fi Yihuudaa fa'aa mii?


Inni ogeessa muka bocu, ilma Maariyaamiitii mii? Ilmaan haadhaallee Yaaqoob, Yooseef, Yihuuda'aa fi Simoon fa'aa mii? intallan haadhaallee as nu bira jiranii mii?» jedhanii tuffatanii isa didan.


Isaan jiddu'uu akkasuma worri ka Yesuus Kiristoosii ta'u'uuf waamamtan isin fa'a.


Obboleeyyan tiyya! Waan fayyinna keennaa uduu isiniif barreessu waan amantaa woyyootaa hennaa tokko kennamee, jabaattanii akka falmattan isin gorsa'aa isinii barreessuun barbaachisaa akka ta'e arge.


Araara Gooftaa kenna Yesuus Kiristoosii ka gara jireenna bara baraa geessu eeggata'aa jaalala Rabbiitiin uf eegaa'a!


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite