Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Ergaa Yaaqoob 5:9 - WAADAA LAMMATAA

9 Obboleeyyan tiyya! Akka isinitti hin murtoofneef wolitti hin gururi'inaa'a! Kunoo abbaan murti'ii balbala afoo dhaabateera.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

9 Yaa obboleeyyan! Isin irratti'llee akka hin murtteeffamnneef ufii keessan wolitti hin wocinaa, kunoo murtteessan yeroon itti dhufu gayee jira.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

9 Obboleeyyan tiyya! Akka isinitti hin murtoofneef wolitti hin gururi'inaa'a! Kunoo abbaan murti'ii balbala afoo dhaabateera.

Gade chapit la Kopi




Ergaa Yaaqoob 5:9
21 Referans Kwoze  

Kanaafuu ka dukkana keessatti dhokate akkasuma gara ifaa ka baasu ka gorsa onne'eellee ibsu Gooftaan haga dhufuutti hennaan uduu hin geenne waan tokkollee hin murteessinaa'a. Hennaa san isaan maraafuu galanni Rabbiin biraa ta'a.


Obboleeyyan tiyya! Wol hin hamatinaa'a! Ka obboleessa ufii hamatuu fi ka obboleessa ufiititti murteessu seera hamata. Seerattillee hin murteessa. Yoo seeratti murteessite, ati murteessa'a malee, nama seera hujii irra oolchuu miti.


Maarre akkasuma, waan kana maraa hennaa argitan akka Ilmi Namaa balbalatti dhiyaate beekaa'a!


Guugummii tokko malee wol-keessummeessaa'a.


Ufii wolitti kakka'aa, hinaaffaa duwwa'aan akka uf hin janye.


Isaan ammoo waan godhan kanaaf Rabbii worra jiraniif worra du'etti murteessu'uuf qophaaye afo'otti deebii kennan.


Seeri maruu dubbii tokkon waan raawwatamuuf, innillee, «Goshoo kee akka uf jaalattutti jaaladhu! ka jedhu.


Kun maruu fakkeenna akka nuu ta'uuf isaan irraa nu bira gaye; nu worra bara dhumaa kana keessa jirruuf akka uf eeggannuuf nuu barreeffame.


Akkasuma isinillee ammoo, kun martinuu hennaa ta'u yoo argitan, akka inni dhiyaatee balbala irra jiru beekaa'a.


Rabbi ka gammachu'uun kennu waan jaalatuuf, marti isaaniitu akkuma garaa ufiititti yaadeen haa keennu; gaddaan yookiin giddi'iin akka hin taane.


Herodiyaadaan ammoo Yohaannisitti gadoo qabattee isa ajjeesu'uuf barbaadde. Haata'uu ammoo isi'iif hin danda'amne.


Kunoo ani balbala dhaabadhee dhadhaya; eennullee laagaa kiyya dhagayee balbala ufii yoo naa bane seenee isa woliin hurbaata nyaadha. Innillee na woliin nyaata.


Ka seera kennuuf ka murteessu tokko. Innillee ka fayyisu'uuf ka balleessuu danda'u. Ati eennu ka nama biraatitti murteesitu?


Eegasuu obboleeyyan tiyya, haga Gooftaan dhufuuf obsaa'a. Qotee bulaan haga rooba duraatiif ka maayessaa argatuuf obsa'aa daraaraa lafaa kabajjamaa eeggata.


Obboleeyyan tiyya, raattota maqaa Goofta'aatiin dubbatanii turan san, akka fakkeenna rakkinna obsu'uutitti laalaa'a!


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite