Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Ergaa Yaaqoob 5:7 - WAADAA LAMMATAA

7 Eegasuu obboleeyyan tiyya, haga Gooftaan dhufuuf obsaa'a. Qotee bulaan haga rooba duraatiif ka maayessaa argatuuf obsa'aa daraaraa lafaa kabajjamaa eeggata.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

7 Yaa obboleeyyan! eegaa Gooftaan haga dhufutti obissaan eegaa, qotee bulaan laftti isaa rooba jalqabaatii fi maa'ii haga argatutti akkuma obissa'aa, gatii guddaa ka qabu firii lafa isaa ni eeggata.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

7 Eegasuu obboleeyyan tiyya! haga Gooftaan dhufuuf obsaa'a. Qonnaan bulaan haga rooba duraatii fi ka maayessaa argatuuf obsa'aa daraaraa lafaa kabajjamaa eeggata.

Gade chapit la Kopi




Ergaa Yaaqoob 5:7
32 Referans Kwoze  

Waan mishaa hojjachuu akka hin dadhabne yoo abdii kutuu baanne, hennaa haamaan gaye hin haamanna.


Akkasuma innillee haga obseen maayii abdii argate.


Worra hujii mishaa irra dhaabatanii galataa fi ulfinna, jireenna hin banne worra barbaadaniif jireenna bara baraa isaanii kenna.


Nu Ayyaana amanta'aatiin abdii wolabumma'a waan eeggannuuf.


Abdiin keenna, gammachuun keennaa fi Kallachi ulfinna keennaa eennu? gaafa Gooftaan keenna Yesuus dhufu, isa afoo dhaabanne worri ittiin boonnu isin malee eennu?


Kanaaf Ilmi Namaa sa'aatii isin hin qaabannetti waan dhufuuf, isinillee qophaaya'aa jiraadhaa'a.»


Akkuma Bakakkaan baya biiftu'uutii bayee ifa'aa haga lixa biiftu'uutitti ibsu, dhufti Ilma Namaallee akkasuma ta'a.


Jabaachu'uuf abdiin jajjabeennaa ka Kitaabni kenneen wonti dura barreeffame maruu barumsa keennaaf waan nuuf barraayeeruuf.


Isaan, «Waadaan dhufa isaa meeti ree?» wonti maruu hennaa abbootiin teenna du'anii jalqabee akkuma uumamanitti jiran jedhan.


Akkanatti yoo mudhata Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii eeggattan, kennaan badhaadhummaa woyyu'uu tokkollee isin jalaa hin hanqatu.


Hennaa san Ilmi Namaa hunnaa fi ulfinna gudda'aan duumessaan hennaa dhufu hin arganiin.


Ani isinitti hima, inni dafee murteessaaf. Haata'uu ammoo, Ilmi Namaa hennaa dhufu amantaa lafa irratti argaa laata?» jedhe.


Sanyii lafa mishaa irratti bu'e ammoo worra dubbii Rabbii dhagayanii, amanamuuma'aaf mishumma'aan fudhatanii obsaan sanyii daraaraniiti.»


Ilmi namaa maleekkota ufii woliin ulfinna Abbaa ufiitiin hin dhufa, achiin maayessa maraafuu akka hujii isaatitti gatii isaa hin kennaaf.


Ani dhugamaan isiniin jedha, worra as dhaabatan kanniin keessaa, namoonni gariin hennaa Ilmi Namaa jeennata ufiitiin dhufu worri hin duune hin jiran» jedhe.


Yesuus, «Haga ani dhufuuf akka jiraatu yoo jaaladhe hoo maaltu si dhibe? Ati na faana koottu» jedheen.


Kanaaf darasichi sun hin du'u wonti jedhame uduu gara obboleewwanii gayee, haga Yesuus dhufuuf akka jiraatu yoo jaalate maaltu si dhibe?» jedheen malee, hin du'u hin jenneen.


Obboleeyyan tiyya! Wol hin hamatinaa'a! Ka obboleessa ufii hamatuu fi ka obboleessa ufiititti murteessu seera hamata. Seerattillee hin murteessa. Yoo seeratti murteessite, ati murteessa'a malee, nama seera hujii irra oolchuu miti.


Worqi'ii fi meetiin keessan dammeessayeera. Dammeessayuun sunillee ragaa isinitti ta'a. Foon nafa keessanii akka ibiddaatitti nyaata. Isin bara dhumaa qabeenna wolitti qabattaniirtan.


Obboleeyyan tiyya, raattota maqaa Goofta'aatiin dubbatanii turan san, akka fakkeenna rakkinna obsu'uutitti laalaa'a!


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite