Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Ergaa Yaaqoob 5:19 - WAADAA LAMMATAA

19 Obboleeyyan tiyya! Isin keessaa eennullee dhugaa irraa yoo gore, namni biraa gara dhuga'aa yoo isa deebise,

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

19 Yaa obboleeyyan! Isin keessaa tokkochi karaa dhuga'aatii yoo bayee fi ka bira'aa karaa dhuga'aa titti yoo isa deebiseen,

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

19 Obboleeyyan tiyya! Isin keessaa eennullee yoo dhugaa irraa gore, namni biraa gara dhuga'aa yoo isa deebise,

Gade chapit la Kopi




Ergaa Yaaqoob 5:19
21 Referans Kwoze  

Obboleeyyan tiyya! Namni balleessaa kamiinuu hojjatee yoo argame, isin worri ka Ayyaanaa taatan isin nama akkanaa kana Ayyaana gara laafumma'aatiin qajeelchaa'a. Atillee akkasuma akka hin qoratamne uf eegi.


«Obboleessi kee yoo si yakke, dhaqiitii hulee isin lamaan callaan jirtanitti yakka isaa itti himi. Inni yoo si dhagaye, obboleessa kee godhadhu.


Nama cubbamaa san cubbuu irraa waan deebiseef, lubbuun cubbamaa sanii cubbuu jalaa hin fayyiti, cubbuu hedduufillee akka inni araara argatu akka godhe haa beekuu.


Ani ammoo akka amantaan kee hin banne sii kadhadhe. Atillee hennaa gara kiyya deebite obboleeyyan kee jabeessi!» jedheen.


Eegasuu jaalatamtoota tiyya, isin waan kana duraanuu waan beettaniif dogoggora worra hammeeyyi'iitiin qabamtanii dhaabachuu keessan irraa akka hin kufne ufi eeggadhaa'a. Akkasuma;


Birrii jaalachuun hidda badii maraa waan ta'eef, namni gariin uduu kana hawwan amantaa ufii irraa dogoggoranii karaa hedduun uf miidhaniiran.


Namoonni gari gariin beekkomsa kana qabna jedha'aa, amantaa irraa dogoggoraniiran. Badhaani Rabbii isin woliin haata'u.


Waan karaa Qaayiniitiin deemanii waanuma inni godhe waan godhaniif, waan minda'aatiif jedhanii dogoggora Bala'aamii keessa seenanii akka finqila qore'eetiin waan badaniif isaan Aanne'e!


Hadhaan hinaaffa'aa fi wol qooduun garaa keessan keessa yoo jiraate, kanaan uf hin jajinaa'a. Dhugaa malee soba hin dubbatinaa'a.


Isaan kuniinillee du'aa ka'iinsi kanaan dura ta'eera jedha'aa, dhugaa irraa dogoggoranii amantaa namoota gari gari'ii balleessaniiran.


Inni ammoo dadhabbii waan qabuuf, worra hin barannee fi worra dogoggoraniif garaa laafu'uufii danda'a.


Obboleeyyan jaalatamtoota, hin sobaminaa'a.


Kanaafuu obboleeyyan jaalatamtan, namni maruu dhagayu'uuf ariifataa'a, dubbatu'uuf suuta, worra aari'iifillee hin ariifanne ta'aa'a.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite