Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Ergaa Yaaqoob 5:16 - WAADAA LAMMATAA

16 Cubbuu keessan wolitti himadhaa'a, akka fayyitaniifillee tokko ka biraatii haa kadhatuu. Faateen nama qajeela'aa hunna waan qabduuf waan guddaa gooti.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

16 Kanaaf akka fayyitaniif cubbuu keessan ufii keessan wolitti himadhaa, tokkoon tokkoon'llee ka bira'aatiif haa kadhatu, kadhannaan nama Qulqullu'uu bu'aa baayi'ee ka argamissiisu, huminna ol aanaa ni qaba,

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

16 Cubbuu keessan wolitti himadhaa'a; akka fayyitaniifillee tokko ka biraatii haa kadhatuu. Faateen nama qajeela'aa hunna waan qabduuf waan guddaa gooti.

Gade chapit la Kopi




Ergaa Yaaqoob 5:16
68 Referans Kwoze  

Amanta'aan yoo faateffattan waan faateffattaniif san maraa hin argattan» isaaniin jedhe.


Ka Rabbiin sodaatu, fedha isaallee ka hojjatu yoo jiraate, isa sanii Rabbi dhagaya malee, cubbamoota akka hin dhageenne hin beenna.


Cubbuu irraa duunee, qajeellumma'aaf akka jiraannu, Kiristoos cubbuu keenna nafa ufiitiin fannoo irratti baadhate. Isin tumama madaa isaatiin fayyitaniirtan.


Ajaja isaa waan eennuuf, afoo isaatitti worra isa gammachisuu waan taaneef waan kadhannu maraa isaa irraa arganna.


Worra amanan keessaa namoonni hedduu dhufanii, cubbuu isaanii ifa baasanii himata'aa turan.


Uduu addaan hin kunne faateffadhaa'a; waan maraafuu galateeffadhaa'a. Wonti Rabbi karaa Kiristoos Yesuusiitiin isin irraa barbaadu kana.


Ka hokkole akka fayyuuf malee akka hin diiggamne, luka keessaniif karaa qajeelfadhaa'a.


Obboleeyyan tiyya! Nuufillee faateffadhaa'a.


Cubbuu ufiillee himata'aa laga Yoordaanoosii keessatti harka Yohaannisiititti cuuphaman.


Nuu faateffadhaa'a; waan maraanuu waan mishaa huju'uuf hawwii waan qabnuuf yaada qulqulluu akka qabnu hubanneerra.


Nohi waan haga ammaa hin mudhanne amanta'aan hubatee, Rabbiin sodaata'aa maatii ufii hambisu'uuf markaba amanta'aan hojjate. Sababa amantaa isaatiif biyya lafaatitti yakki murame. Inni qajeellummaa amanta'aan argamu dhaale.


Ajajamuu dhabuu nama tokkootiin hedduun isaanii cubbamoota akkuma ta'an, akkasuma ammo ajajama nama tokkootiin hedduun isaanii qajeellota ta'an.


Akkana jedhamee akkuma barreeffame, «Namni qajeelaan tokkollee hin jiru,


Abeel ciincaa ciincaa Qaa'elii caalu amanta'aan Rabbii dhiyeesse, akka kanaan Rabbi ciincaa Abeelii gammachu'uun hennaa fudhate, Abeel amanta'aan qajeelaa akka ta'e ragameef. Haga du'eellee ciincaan isaa haga ammaa dubbata.


Rabbi Yesuusii nama Naazireetii Ayyaana Woyyu'uu fi hunnaan isa muude. Yesuus waan mishaa godha'aa worra daabiloosii bitaman maraa fayyisa'aa olii gad deeme. Waan Rabbi isa woliin jiruuf.


Waandhi nagayaa qaama keessan hooma'aa haa woyyoomsu; ayyaanni keessan lubbuunii fi foon keessanillee hennaa Gooftaan keenna Yesuus Kiristoos dhufu mudaa malee haa eeggamanii.


Kanaaf nullee akkasuma guyyaa kana dhagenne irraa jalqabnee, fedha beekkomsa isaa ogummaa Ayyaanaa hubbannaa sammuu keessan maraa akka isinitti guutuuf waan keessaniif Rabbiin kadhachuu hin dhiifne.


Isaanillee achii bayanii Oduu Nagayaa lallaba'aa bakka maratti fayyisa'aa, qachaa maraa keessa deema'aa turan.


Baniin biyya Yihuuda'aatii fi qachaa Yeruusaaleemii maruu gara isaa dhufa'aa turan. Cubbuu ufiillee himata'aa laga Yoordaanoosiititti harka isaatiin Cuuphama'aa turan.


Simoonillee deebisee, «Wonti hamaan kun tokkollee akka narra hin geenne isinumti Gooftaa naa kadhadhaa'a» isaaniin jedhe.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite