Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Ergaa Yaaqoob 4:7 - WAADAA LAMMATAA

7 Eegasuu Rabbiif ajajamaa'a, daabiloosiin mormaa'a; innillee isin irraa dheessa.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

7 Kanaaf Waaqaaf bitamaa, daabiloosiin garuu mormma'aanii, inni'llee isin irraa ni dheessa.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

7 Eegasuu Rabbiif ajajamaa'a; daabiloosiin mormaa'a; innillee isin irraa dheessaa.

Gade chapit la Kopi




Ergaa Yaaqoob 4:7
32 Referans Kwoze  

Lola keessan irratti aduun akka hin dhiine daabiloosii hiree hin kenninaa'a.


Kanaafuu Rabbi hennaa ufiititti akka ol isin qabu harka Rabbii hunna qabeessaa jalatti gad-uf deebisaa'a. Inni waan keessan waan yaaduuf.


Nu abbootii haganarra nu adaban qabna. Isaanillee hin kabajjina. Eeganaa lubbu'uun jiraachu'uuf abbaa keenna ka Ayyaanaatii attamitti kana caalaa hin ajajamne?


Karaa Rabbi itti qajeelaa nama taasisu wollaalu'uun hujii ufii qajeelaa faanaa deeman malee qajeellummaa Rabbii faanaa hin deemne.


Qanbaraa kiyya baadhaa'a. Narraallee baradhaa'a. Ani gara laafeessaa fi Kasoo waan ta'eef, lubbuu teessaniin harabaafata argatanii.


Isin martinuu ulfinna Kiristoosiitiif jedha'aatii, wolii ajajamaa'a.


Goofta'aaf jedha'aatii worra baallii qabu maraafuu ajajamaa'a; mooti'iillee yoo ta'e baallii guddaa waan qabuuf,


«Ani jiraata'a! jedha Gooftaan; Jilbi maruu anaaf jilbiinfata; arrabni maruu Rabbiin galateeffata» jedhamee waan barreeffameeruuf.


«Mootii Agriiphaa, ani waan manaaba sami'ii natti mudhate kana ani hin dinne.


Hollata'aatti maalalfatee, «Gooftaa kiyya! Akka maal godhu feeta?» jedheen. Gooftaanillee, «Ka'iitii gara qacha'aa seeniitii waan godhuu si barbaachisu sitti himan» jedheen.


Kanaaf gaafa hamaa dhaabachuu akka dandeettan, mi'a Rabbii ka lolaa maraa hidhadhaa'a.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite