Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Ergaa Yaaqoob 4:11 - WAADAA LAMMATAA

11 Obboleeyyan tiyya! Wol hin hamatinaa'a! Ka obboleessa ufii hamatuu fi ka obboleessa ufiititti murteessu seera hamata. Seerattillee hin murteessa. Yoo seeratti murteessite, ati murteessa'a malee, nama seera hujii irra oolchuu miti.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

11 Yaa obboleeyyan! Ufii keessan wol hin hamatinaa, nama ka hamattu yookiin nama irratti ka murtteessu seera ni hamata, seera irratti'llee ni murtteessa, seera irratti yoo murtteessite ammoo murtteessaa ta'uu keeti malee, seera raawwata'aa miti.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

11 Obboleeyyan tiyya! Wol hin hamatinaa'a! Ka obboleessa ufii hamatuu fi ka obboleessa ufiititti murteessu seera hamata. Seerattillee hin murteessa. Yoo seeratti murteessite, ati murteessa'a malee nama seera hujii irra oolchuu miti.

Gade chapit la Kopi




Ergaa Yaaqoob 4:11
24 Referans Kwoze  

Eegasuu hammeenna, dhara, uf jajuu, hinaaffa'aa fi hamii mara uf keessaa balleessa'aatii,


Kanaafuu ati namni nama biraatitti murteessitu maruu waan itti sababatu hin qabdu. Ka biraa irratti wonta murteesitu sanniin uf irrattillee waan murtessituuf ati murteessaan woma san waan gootuuf.


Obboleeyyan tiyya! Akka isinitti hin murtoofneef wolitti hin gururi'inaa'a! Kunoo abbaan murti'ii balbala afoo dhaabateera.


«Eennuttillee hin murteessinaa'a, isinitillee hin murtaayu; yakkillee isinitti hin muramu, namaa dhiifama godhaa'a, isiniifillee hin dhiifamaa.


Kanaafuu ka dukkana keessatti dhokate akkasuma gara ifaa ka baasu ka gorsa onne'eellee ibsu Gooftaan haga dhufuutti hennaan uduu hin geenne waan tokkollee hin murteessinaa'a. Hennaa san isaan maraafuu galanni Rabbiin biraa ta'a.


Biibbayuu, aaruu, loluu, wocuu, nama arrabsu'uu fi hammeenni maruu isin keessaa haa badu.


Hennaa ani gara keessan dhufu akka ani barbaadu taatanii isin arguu dhabuu danda'a. Anillee akka isin jaalattan san uduu hin ta'in, na argitan jedhee sodaadha. Maallaataa mormiin, hinaaffaan, lolli, diiggaan, hamiin, hasaassiin, boonuun, raafamnillee hin ta'a.


Worra hin galateeffanne, worra woyyummaa hin qabne, worra jaalala hin qabne, worra araaramuu hin jaalanne, hamattoota, gar-jabeeyyii, worra uf hin qabne,


Akkasuma dubartoonnii worra bilchaatan, worra nama hin hamanne, worra hagatti jiraatanii fi waan maraanuu worra amanaman haa ta'anii.


Eegasuu maal jenna? Seerri cubbu'uu? miti. Haata'uu ammoo uduu seeraan ta'u dhabaatee cubbuullee hin beeku; seerri, «Hin hawwin» uduu jedhuu dhabaatee, silaa hawwiillee hin beeku.


Rabbiin afo'otti worra seera raawwatantu qajeellota ta'an malee, worri seera dhagayan waan qajeellota hin taaneef.


Haata'uu ammoo seera wolaba isa baasu laalee huji'itti jabaatee ka hojjatu malee, dhagayee ka hin irraanfanne yoo ta'e huji'iin ka eebbifame ta'a.


Akkasuma haawwotiin jaaran haalli jireenna isaanii tajaajila woyyu'uuf gayaa ta'uu barbaachisa, worra hin hamanne, worra dhuddoo daadhii woyyini'ii baayi'eetiin hin sobamnee fi worra waan mishaa barsiisu haa ta'anii.


Obboleeyyan jaalatamtoota, hin sobaminaa'a.


Kanaafuu obboleeyyan jaalatamtan, namni maruu dhagayu'uuf ariifataa'a, dubbatu'uuf suuta, worra aari'iifillee hin ariifanne ta'aa'a.


Akkuma kitaabnni woyyuun, «Hiriyaa kee akka uf jaalattutti jaaladhu» jedhu seera mooti'iillee yoo raawwattan waan mishaa gootan.


Eegasuu obboleeyyan tiyya, haga Gooftaan dhufuuf obsaa'a. Qotee bulaan haga rooba duraatiif ka maayessaa argatuuf obsa'aa daraaraa lafaa kabajjamaa eeggata.


Obboleeyyan tiyya, raattota maqaa Goofta'aatiin dubbatanii turan san, akka fakkeenna rakkinna obsu'uutitti laalaa'a!


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite