Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Ergaa Yaaqoob 3:6 - WAADAA LAMMATAA

6 Arrabni ibidda; arrabni qaama nafaa jidu'utti adunyaa hamtu'u; qaama nafaallee hin batteessa; foon maraa hin xureessa; deemsa jireenna keennaa maraa hin guba; Ibidda asaabaatittillee hin gubata.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

6 Arrabnni'llee akkuma ibiddaati, arrabinni kutaalee qaamota keennaa jiddu'utti ka argamittu biyya lafaa hamttu'u, qaamnni keenna'llee ni faaltti, akka ibidda asaabaa keessaa bayuu titti'llee adeemissa jireenna keennaa mara ni gubddi.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

6 Arrabni ibidda; arrabni qaama nafaa jiddu'utti adunyaa hamtu'u; qaama nafaallee hin batteessiti; foon maraa hin xureessiti; deemsa jireenna keennaa maraa hin gubdi; Ibidda asaabaatittillee hin gubatti.

Gade chapit la Kopi




Ergaa Yaaqoob 3:6
62 Referans Kwoze  

Wonti nama batteessu waan keessa namaatii bayu malee, ka diidaa gara gara'aa seenu tokkollee nama hin batteessu.


Innillee laagaa isaa ol qabatee iyyee, ‹Abbaa kiyya Abirahaam naa araarami! Ani amma ibidda kana keessatti gubadhee waan rakkata'aaruuf, akka Ali'aazaar qubaan bisaan tuqee arraba kiyya naa qabbaneessuuf yaboo naa ergi› jedheen.


Kanaafuu ani yoo dhufee hujii hamaa inni huja'aa odeessu hin dubbadha. Kunuu isa hanqatee, obboleeyyanillee ufitti hin dhiyeessu. Worra isaan simatullee dhooggee woldaa keessaa isaan baasa.


Maqaa mishaa ittiin waamamtan worri arabsan isaanii mii?


«Namni kun bakka qulqulluu kanaaf seerallee arrabsuu dhiisuu dide.


Pheexroosillee, «Hannaaniyaa kiyya! Ayyaana Woyyuu sobdee waan lafa itti gurgurte keessaa akka hambifatu seexanni maaf garaa kee keessa guute?


Worri Fariisootaa ammoo hennaa kana dhagayan, «Inni hunna mootii jinni'ii ka Bi'eelzeebul jedhamu calla'aan malee jinniiwwan hin baasu» jedhan.


Ani ammoo akkana isiniiniin jedha, eennullee obboleessa yookiin obboleettii ufiititti yoo mufate, abboota murti'ii afo'otti itti murama; namni obboleessa ufiitiin «Gowwaa'a!» yoo jedhe yaa'iitu itti murteessa. Ka obboleessa ufiitiin ‹Duudaa'a!› jedhu maruu murtii ibidda asaabaatiif dhiyaata.


Bineensillee hin qabame worri isa afo'otti maalalee godha'aa malkata bineensaa worri fudhatan, worra fakii isaatii sagadan ka dogoggorse raanni sobaa isa woliin qabame; lamaanuu uduu lubbu'uun jiran gara ibidda dhagaa bobayuu gara galaana ibiddaa darbaman.


Ifti ibsa'aallee, ammaa achi si keessatti sirima hin ifu; Laagaan idaayya'aatiif idaayiitti'ii ammaa achi si keessatti sirima hin dhagayamu. Daldaltoonni teellee'e, bulchoota adunyaa tanaa waan ta'aniif, asmaa keetiin worri Yihuudii hin taane maruu, waan dogoggoraniiraniif.


Malkata gugurdaa afoo bineensaatitti ta'u saniin worra lafa irra jiraatan hin dogoggorsa. Ka madaa guraade'ee qabuuf, worra lubbu'uun jiraatan fakii bineensa sanii akka godhatan worra lafa jiraatanitti dubbata.


Ka adunyaa maraa dogoggorsu, daabiloos yookiin ka seexana jedhamu, Jawween guddaan innillee bofni duraa sun gad-gara lafaa darbame. Maleekkonnillee isaan wol lolan.


Bara dhumaa fedhii ufiitiin worri jiraatanii fi worri baldan akka dhufan, hubadhaa'a.


Kunniinillee waan shinga'aatii fi waan ta'uu hin barbaachifne barsiisa'aa, maatii maraa waan dogoggorsaniif afaan isaanii cufuu barbaachisa.


Busaayaa, simbirroonni, worri sossochoo'anii fi galaana keessa jiraatan, gosoonni uumamaa maruu namaan leenji'aman.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite