Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Ergaa Yaaqoob 3:17 - WAADAA LAMMATAA

17 Ogummaan Rabbiin irraa ammoo woyyitti'i, araaramtu'u. Gara-laafettii ta maarre jettu, ta araaraa fi daraaraa misha'aan guuttamte, ta mami'ii fi ta uf tuuluulee hin qabne.

Gade chapit la Kopi

Waadaa Haarawa

17 Garuu ogummaan Waaqa biraa argamu jalqaba qulqullu'u, itti aanssee'llee nagaya jaalataa, misha'aa, ajajamaa, dhiifama taasisaa, ka firiin mishaan itti guute, dalo'oo fi fakkeessitummaa ka hin qabnne.

Gade chapit la Kopi

Kitaaba Woyyuu

17 Ogummaan Rabbiin irraa ammo woyyitti'i; araaramtu'u. Gara laafetti'i; ta maarre jettu; ta araaraa fi daraaraa misha'aan guuttamte; ta mami'ii fi uf tuuluullee hin qabne.

Gade chapit la Kopi




Ergaa Yaaqoob 3:17
63 Referans Kwoze  

Ogummaan akkasii sun ka lafaati, ka fooniiti, ka seexanaati malee ka samii irraa dhufuu miti.


Jaalalitti teessan uf mudhisu'uun hin ta'in. Waan hamaa jibba'aa, waan misha'an wolii galaa'a.


Kennaan mishaan, eebbii guutuun maruu olii dhufa. Kennaan mishaan, kennaan mudaa hin qabne cuftinuu abbaa ifaa akka gaaddidduu hin jijjiiramne san biraa gubba'aa gad-bu'a.


Isin keessaa namni ogummaa hin qabne, uduu hin komatin Rabbii arjumma'aan maraafuu kennu haa kadhatuu. Isaa hin kennamaa.


Ijoollee tiyya hujji'ii fi dhuga'aan malee dubbiia fi afaan calla'aan akka wol hin jaalanne.


Dhuga'aaf ajajamma'aa jaalala obbolumma'aa ta uf tuullumma hin qabneen lubbuu teessan qulqulleessa'aa gara'aan jabeessa'aa wol jaaladhaa'a.


Worri yaanni garaa isaanii qulqulluu ta'e worra eebbifame; isaan Rabbiin waan arganiif!


Namni Kiristoosiin abdii kana qabu maruu akkuma inni woyyuu ta'e uf woyyoomsa.


Waan diintonni keessan maruu isiniin mormu'uuf falmuu hin dandeenne afaanii fi ogummaa isinii kenna.


Akkuma abbaan keessan garaa laafu, isinillee garalaafeyyii ta'aa'a.


Namoota maraa woliin nagayaan jiraadhaa'a Woyyoomuu barbaadaa'a. Isaan malee ka Gooftaa arguu danda'u waan hin jirreef.


Garbichi Gooftaa nama maraa biratti gara-laafeessa, ka barsiisuu danda'uuf nama obsaan jabaatee haa dhaabatuu malee, ka namaan wol hin lolle haa ta'uu.


Eegasuu hammeenna, dhara, uf jajuu, hinaaffa'aa fi hamii mara uf keessaa balleessa'aatii,


Ufii wol qooda'aartanii mii? Abboota seeraa ka yaada hamaa qaban ta'uu keessanii mii?


Adabbiin maruu hennaa diqqo'oof waan nama gaddisiisu malee waan nama gammachiisu hin fakkaatu. Haata'uu ammoo worra mi'eeffateef sanyii qajeellumma'aa ka nagaya uf keessaa qabu daraara.


Hujii mishaa maraan daraaraa daraara'aa, beekkomsa Rabbiitiinillee guddata'aa,


Ani akkasuma obboleewwan tiyya! Isin mishumma'aan akkuma guuttamtan, beekkomsa maraa akkuma argattan isin akkasuma akka wol gorsuu dandeettan waan keessan hubadheera.


Tokkoo ogummaa dubbachuu Ayyaanaan kennamaaf; tokkoollee Ayyaanuma saniin beekkomsaan dubbachuun kennamaaf.


Gara Rabbii dhiyaadhaa'a, innillee gara keessan dhiyaataa. Isin cubbamoota harka keessan qulqulleessaa'a. Isinillee worri yaada lama qabdan garaa keessan qulqulleessaa'a


Tokkochallee uduu wol hin caalchifne gara tokkoo uduu hin dabne akka eedu Rabbii Gooftaa Yesuus Kiristoosii fi Maleekkota filataman afo'otti si gorsa.


Inni nama mishaa ka Ayyaana Woyyu'uu fi ka amantaa qabu waan tureef, baniin hedduu Goofta'atti amanan.


Akkasuma isinillee gubba'aan worra biraatiif qajeellota fakkaattan, Keessi keessan ammo uf tuulumma'aa fi hammeennaan guuttameera.


Haata'uu ammoo akkuma guddiftuun ijoollee ufii kunuunsitu, isin jiddu'utti gara-laafeyyii taane.


Waan hafeen obboleeyyan tiyya, waan dhugaa ta'e maraa, waan ulfinna qabu maraa, waan qajeellummaa ta'e maraa, waan qulqulluu ta'u maraa, waan jaalala uf keessaa qabu maraa, ka oduu mishaa uf keessaa qabu maraa, waan mishaa ta'e ka galata qabu kanniin mara yaadaa'a.


Iyoophe'ettillee darasaa Xabbitaa jedhamtu takkatu jira; afaan Giriikiitiin maqaan isi'ii «Dorqa'a» Dorqaa jechuun «Kuruphee» jechu'u; isiin ta waan mishaa uf keessaa qabduu fi ta kennaallee kennitu turte.


Naatinaa'elillee, «Naazireetiin keessaa wonti mishaan bawuu danda'aa?» jedhee gaafate. Filiphoosillee, «Koottuu laali» jedheen.


Jechi nama ta'e; Inni badhaadha, Ayyaanaa fi dhuga'aan guuttamee nu keessa bule. Nu'u ulfinna Ilmi tokkichi Abbaa ufii biraa qabuutitti, ulfinna isaa argine.


Ka eennuunillee hin arrabsine, worra hin mormine, gara-laafeeyyii, worra nama marattuu fayyaalummaa mudhisan akka ta'an isaan qaabsis.


Worra qulqullu'uu fi wonti martuu qulqullu'u. Worra battaayanii fi hin amannee ammoo, wonti qulqulluu ta'e womaa hin jiru. Haata'uu ammoo qalbi'ii fi yaanni isaanii battaayeera.


Yoo isinii danda'ame karaa keessaniin nama maraa woliin nagayaan jiraadhaa'a.


Daraaraan ifaa mishummaa, qajeellumma'aa fi dhugaa mara uf keessaa waan qabuuf. Kanaafuu waan Gooftaa gammachiisu qora'atii, akka ijoollee ifaatitti jiraadhaa'a.


Anuu Phaawuloosi hennaa isin bira jiru, nama kaso'o jedhame; hennaa isin biraa fagaadhu ammoo nama ija jabaatu jedhame; garalaafumma'aa fi fayyalummaa Kiristoosiitiin isin gorsa.


Ka facaasuu sanyii, ka nyaatuufillee xoroshoo guddisee ka kennu sanyii facaaftan isinii kenna. Isinii barakachiisalle'e; daraaraa qajeellumma'aa keessanillee isinii guddisa.


Worri nama wolitti araarsan worra eebbifame; isaan ijoollee Rabbii jedhamanii!


Qulqullinnaan, beekkomsaan, obsaan, arjumma'aan, Ayyaana woyyu'uun, jaalala fakkeessaa hin qabneen,


Gaddi akka fedha Rabbii ta'e kun jabaachuu attamii, deebii attamii, lola attamii, sodaa attamii, yaaduu attamii, hinaaffaa attamiitii fi gadoo bayuu attamii isin jiddu'utti godhe. Waan kanaan woyyoota akka taatan waan maraanuu hubachiiftaniirtan.


Ka namaan hin araaramne, murtee araara hin qabnetu isa eeggata. Araarri murtii injifata.


Garboota! Isinillee worra isin bulchan misha'aaf gara laafeeyyii callaa uduu hin taane akkasuma worra hammeeyyi'iillee sodaa gudda'aan isaanii ajajamaa'a.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite